WBOn ummata waliin diina haleele

Gurraandhala 23, 2013 | Madda Oduu ABO

Gurraandhala 18, 2013 Baha Oromiyaa Ona Mi'eessoo magaalaa Mi'eessoo keessatti qabeenyan basaasa Wayyaanee kuusaa boba'aa SHELL gubame. Abbaan Kuusaa boba'aa kanaa Aabboo jedhamuun kan beekamu oggaa tahu yeroo dheeraaf kan ummata rakkisaa turee fi gorsa kennameef fudhatuu diduu irraa WBO qabeenya isaa irratti tarkaanfii kana fudhate.

Gama biraan guyyuma kana Gurraandhala 18, 2013 Ona Mi'eessoo bakka Bordoddee jedhamuttii ibidda Wayyaaneen qabsiifteen ummata Somaalee fi ummata Oromoo giddutti lola jabaa adeemsifameen gama lachuu miidhaan guddaan gahee jira. Lola kana keessatti humni Wayyaanee kan araara buusu fakkaatee Somaalee tumsuu irraa lola ummatni keenya diina kana of irraa ittisuuf adeemsiseen waraana diina irraa 5 ajjeefamee 9 madaa'uun beekameera. Humni WBO lola waraana diinaa waliin godhame kana keessatti ummata keenya waliin hiriiruun waliin lolee abdii fi gaachana ummataa tahuu mirkaneessee jira.

Injifaannoon ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment