ABO Jeneraal Kamaal Galchuun Hoogganamu irraa Dhaabbachuu Keenna Beeksisuu

IBSA KANA AFAAN INGILIZIN DUUBISUUF ADDANA TUQAA

Madda Oduu kana OPride

Qabsoo sabni keenya gabrummaa jalaa bayee mirga isaa akka gonfatu ilmaan Oromootaatin geeggeffamaa turee fi jiru keessatti akkuma akaakilee fi abbootii keennatti yeroo itti umriin keenya gayetti dhaaba ABO jalatti gurmooynee bara dheeraaf itti fufiinsaan keessaa hirmaachaa ar'a geenye. Dhaabni keenya ABOn jaalalaa fi fudhatama ol'aanaa ummata Oromoo biratti qabaattulle, injiffannoolee hawwame galmaan gayuu dhabuu, walqixxummaan miseensummaa dhabamuu fi dhiibbaa godhamurraa jaallan hoogganoota ABO, qondaaltota dhaabaa fi akkasumma miseensota hedduu wajjiin Sochii ABO haaromsuu jedhu keessatti hirmaachuun bara 2008 akka hawwamettillee ta'uu dhabu jijjiramnni ABO keessatti akka argamu carraaqnee jira.

Kana boodas akeekni ummata Oromoo aangoo siyaasaan ga'uu akka milkaayuf hawwiin ABO haaromsinee mooraa qabsaawota tokkoomsinee jaarmaya warraaqaa fi dimokraatawaa taasisuun qabsicha finiinsina jedhu mataa dhaaba kanaatiin wal hubannaa fii waldhageettii dhabuun abjuu ta'aa dhufee. Haala abjuun jaarmaya ABO haaroomsuu jedhu hindhugoomin keessatti murna kana wajjiin qabsoo itti fufuuf haalli jiru mijjataa ta'uu dhabuu akkasumas murna kana wajjiin turuun akka nama tokkootti qabsoofnee qabsoo Oromootiif bu'aa buufna jennee waan hin amanneef guyyaa arraa Bitootessa/March 15, 2013 tti murna ABO Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu keessaa dirqama hoogganummaa ta'ee miseensummaa qabaachaa turre hundarraa fedhii keenyaan ufirraa buusuu keenya qabsaawotaa fi ummata Oromootiifis ifa godhuu barbaanna.

Murna kanaa ala uf godhuun keennaa ammoo qabsoo Oromootii ala uf taasisuu akka hinta'in akeekkachiisaa, hanga gabrummaan jirtu qabsoon waan itti fuftuuf waadaa keenya haaromfannee xurree kaayoon qabsoo ummata Oromoo galma gaya jennee amannuun filannee qabsoo keenya akka itti fufnu addeessina.

Amin Jundi

Xaahaa Abdoo Tuko

No comments:

Post a Comment