Dhalachuun Balleesse, Sanan Dogoggore (Walaloo)

Abbaa Qorichoo* Irraa

Asii fi achi kurkuree, olii fi gadi ilaalee
Waa’ee jireenya koo hiika isaa wallaalee
.
Sababaan dhaladheef harmee koo gaafadhee
“Hin beeku” naan jennaan bakka ishee qaanfadhe.
Sababaan dhaladheef abbaa koos gaafadhee
Innis deebii dhabnaan bakka isaa qaanfadhe.

Hiriyoota kiyyas waan kana gaafannaan
Wal ilaalanii koflan waan deebisan dhabnaan.
Amma reef naaf gala ergan otontoree
Dhalachuun balleesse sanan dogoggore

_______________________________________
* Abbaa Qorichoo: abbaaqorichoo@gmail.com
Guraandhala 2013

No comments:

Post a Comment