FDG Yuuniversiti Jimmaa Jabnaan Itti Fufe. Barattooti Oromoo 4 Oromummaan Yakkamuun Hidhaa Galan

Bitootessa 28, 2013 | Qeerroo Jimmaa

Mootummaan Wayyaanee sodaa FDG baratootaa Oromoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa nagaa qabee hidhuu tooftaa godhatee baratootaa ilmaan Oromoo Afur(4) qabee hidhuun gabaafame.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ilmaan Oromoo hidhuu, barnotaa irraa arii’uu, ajjeessuu fi biyyaa irraa arii’achuun amala isaa kan ta’ee, gidduu kana gaaffii mirgaa baratootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti kaasuun FDG itti fufsiisanii jiraachuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee, gaffii mirgaa fi dimookiraasii gafataama jiruu deebiisuu irraa baratootaa Oromoo nagaa qabee hidhuu akkuma baree ammas baratootaa Oromoo nagaa Yuunivarsiitii Jimmaa irraa baratoota afur(4) qabuun kan hidhee jiruu ta’uun gabaafame. Baratotni haala kanaan qabaman keessaa:-

    1, Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa,
    2, Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa ,
    3, Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa,
    4, Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa

Kanneen keessaati argaman Bitootessa 27,2013 Waajjiraa Poolisii Magaalaa Jimmaa Awweetuutti hidhamanii jiraachuu Qeerroon gabaase.

Kana malees Bitootessaa 26/2013 baratoota Oromoo nagaa namotaa shaan humna poolisaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatiin ukkaafamanii turaan, Qeerroon baratootni Oromoo FDG garbummaa gaggeessuun tokkummaa dhaan wal cina dhaabbaachuun ilmaan Oromoo badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman jechuun Waajjiraa Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa waan muddaanii qabaniif baratootaa Oromoo shan kophatti hidhanii doorsisaa jiran hiiksisuun danda’ame jira. Baratootni Oromoo hedduun dabbaalotaa Wayyaaneetiin dorsifamaa jiraatan illee nuti dorsiisaa wayyaanee sodaannee mirgaa abbaa biyyuummaa keenyaa gaffaachuu irraa duubattii kan nu hin deebifnee ta’uu hubachiisan.

No comments:

Post a Comment