Gootichaafi Hayyicha Oromiyaa Jaarraa Abbaa Gadaa: Falaasama Bilisummaa

Bitootessa 09, 2013 | Oromo Press

Gootichifi hayyichi Oromiyaa Jaarraa Abbaa Gadaa, uumaa namaa ta'ee lubbuun isaa dabartus, falasamini inni akkaataa qabsoo bilisummaa itti deemisisanirratti qabu yomiyyuu dhaloota haaraatti darbee jiraachuu qaba.

Viidiyoo kana keessatti gootichi Oromoo, kan yoo dubbatu anniisaa qabu, kan yoo falmatu mirgaan galu, "Jarri walqixxummaa dhala-namaattifi dimokiraasitti hinamantu," jedhe. Jaarraan kana kan jedhe akkuma tasaa lafaa ka'ee odoo hintaane, muuxannoo baroota dheeraa sirnoota gabroonfatoo Habashaa waliin godherraa ka'eeti. Kana jechuun, dhugummaan yaada isaa muuxannoofi beekumisa qabatamaarraa (shaakalame irraa) waan madduuf, yaada qorannoodhaan argame/mirkanaa'e jechuun nidanda'ama. Wanta inni jedhe osoon baayyee irraa haasawe hinbusheessin dura, viidiyoo isaa kana akka laaltuun si affeera.

                  

Warri mana barnoota seenanii kitaaba dubbisuudhaan waa kataban tokko tokko illee yaada kana hinhubatani--hingaluufi! Diinni kadhaan ykn isaan fakkaachuudhaan dimokiraasii waan kennuuf/qooduuf see'u. Warra laafinarraa kadhatan diinni akka "saree maraattutti" akka isaan laalu gootichi dubbatee jira.

Ummata keenya badiin itti aggaamamee jiru kana waan sirrii osoo barsiisine gaariidha. Wanti sirriinis naagaafi tasgabbii ofii argachuuf waliin dhaabbatanii falmmachuu, Waaqa ykn Rabbitti qofa kennani warra taa'an ofii socho'an malee Waaqini ykn Rabbi isaan gargaaruu akka hindandeenye itti himuu, addunyaan kuni iddoo dadhabidoota osoo hintaane iddoo warri itti filatame (ykn warri umnaan ciccimoo) itti jiraatan garuu warri laafoon kan irraa galaafataman faa ta'uu saba barsiisuudha. Galafatamuufi cimee jiraachuu keessaa abbaatu tokko filata.

Gootichi kuni Oromoo, Oromiyaafi Oromummaa gadifageenyaan jiraatee beeka. Irra caalattuu immoo eenyummaa diina Oromoo cunqursaa jiruufi turee bareechee hubata. Gootaaf hingaddani! Gootaaf nigammadu! Ishoo jireenyi kee bareedaa ture jedhaniifaa. Jaarraa faarsuun isaaf waanuma gitu. Faarsaan ykn kabajaan inni guddaan nuyi isaaf kenninu garuu gootummaa,muuxannoo, barsiisa, fakkeenyummaafi falaasama inni bilisummarratti horate dhalootatti yoo dabarsinedha. "Bilisummaan akkamitti dhufa?" warra jedhanii gaafataniif, jireenyi Jaarraa Abbaa Gadaa deebiidha. Falaasamini bilisummaadhaa silaa lafa jiraa wanti hanqatu hojiidhaan falaasama Jaarraa agarsiisudha. Lubbuun isaa nagaan haaboqottu, Rabbiin rahaammata haa godhuufi; Rabbiin Jannata haakennuufi.

Oromo Press

No comments:

Post a Comment