Haala Du’iinsaa fii Sirna Awwaalcha Jaarraa Abbaa Gadaa

Bitootessa 07, 2013
Obboleeysaa fii firri keenya, Jaarraa Abbaa Gadaa, Amajjii 12, bara 2013 dhibdee umrii waliin dhufteen qabamee, akka hamaa dhukkubsatee if wallaaluu mudate. Yaroo kana dhageenyu, dirqama firummaa tan nurra jirtu hubachuun, biyya keessa jiru keessatti, mana haakimaa kan dhukkuba isaatiif wal’aansa kennuu ni dandaya ja’ame geessine. Nuu haala kana keessa jiru, oduun dhukkubsachuu isaa, nuu ala baatee, sab‐boonota gurra seente.

Sab‐boononni oduu dhagayan, Koree “Gargaarsaa fii Tin’isa Jaarraa Abbaa Gadaa” jattu dhaabbachuun, haala isaa if bira dabranii, saba mara beeysisan. Gocha isaanii kanarraa, lammiin deeggarsa diinaggee kan ifirraa quba hin‐qabne, tinnisaa fii du’aa’iin nutti dirmatan. Gargaarsa sabaa tiifii kan Rabbii tiin, Jaarraa Abbaa Gadaa, Gurraandhala 15, 2013, haala keessa turerraa bayyanachuu bira dabree, inumaa, mana haakimaa turuun isa hin barbaachisu sadarkaa itti ja’amu gaye. Garuu, hamma nu keessaa, warri bakka inni jiru dhaquuf saganteeffatan isa bira gayanii haala isaa mirkaneeffatanitti, akkuma achi turu goone.


Warri nu biraa dhaqan, gabaasaa Doktoroota tajaajilaa jiran dhiheessaniif qofa odoo hin‐taane, haala Jaarraa Abbaa Gadaa kan arkan irraa hiis, wayyaawuu isaatti amananii, Gurraandhala 25, bara 2013, waan barbaachisu mara qopheessaniifii, mana isaatti deebisan. Garuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, obboleeyyan isa laaluuf dhaqan waliin yaroo xiqqoo gaarii dabarsee, gammachuu fii nagayaan eega gaggeesse booda, borumtaa, Bitooteessa 03, bara 2013, akka biyya keessa tureetti, waaree booda, sa’aa 1:40tti, harki nu gabaabachuu fii qoricha barbaachisu dhabinsarraa osoo hin taane, dadhabbii onneerraa madditeen laaffatee hatattamaan akka mana haakimaatti deebisaniin boqote. Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji’uun.

Jaarra Abbaa Gadaa, nuuf obboleessaa fii fira dhihoo tahullee, nama dardarummaan fedhii isaatiin saba isaatiif if kenne. Bara 1966 keessa, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif eega manaa bahe, takkaa if duuba hin deebine. Baroota afurtamii torban wal’aansoo saba isaarratti dabarse kana keessatti, dhibdee adda addaa kanneen mudatan keessa hulluuqee, as gayuun isaa tu dinqisiisaadha. Yaroo kana keessatti, bu’aan qabsoo bilisummaa tiif gumaache, kan nu fira isaa bira dabree, saba mara boonse. Kanaaf, du’iinsi isaa nu caalaa lammii mararaa jira.

Akka du’insi isaa dhagayameen, xiqqaa fii guddaan, dhalaa fii dhiirti lammii, gadda itti dhagayame karaa adda addaa tiin mul’isaa turan. Ammaas naannoo hedduminaan qubatan keessatti, taaziyaa taa’uun imimmaan xuruurfachaa jiran. Maatii isa duubatti hafteefiis gargaarsa guddaa godhaa jiran. Kana malees, biyyaa fii saba wal’aansoo godhaafii ture keessatti, akka awwaalamu fedhii qaban karaa adda addaatiin nu beeysisan. “Yo achi malee awwaalame, qabrii isaa findignee, reefka biyyatti galfannee awwaallanna” warri nuun ja’an heddu. Hawwiin kuni, jaalala Jaarraa Abbaa Gadaa tiif qabamu irraa kan madde malee, hammeenyaaf akka hin taanetti hubanna.

Jaarraa Abbaa Gadaa, kan sireerratti du’uuf takkaa hin saganteeffatin, akka inni fedhu hanqatee, tan Rabbii mudate. Bilisummaa manaa baheef odoo hin arkin, sabni isaa odoo ammallee gabrummaa jala jiruu, biraa deemuuf dirqame. Yaroo dhukkubaa ture, hoggaa if wallaalarraa dammaqe mara, dhaamsi Jaarraa Abbaa Gadaa, “waaniin jalqabe bakkaan naaf gayaa!” qofa ture.

Hamma nuti beeynutti, obboleessaa fii firri keenya, Oromiyaa hin bilisoomin Booleen Finfinnee seenuu takkaa itti rafee‐ke’ee hin beeku. Bara 1991, gaafa qabsaawonni bilisummaa Oromoo marti Chaartara raggaasisuuf finfinnetti walitti qabaman, kan irraa ala ture isa qofa. Kuniis, dhaquuf carraa dhabee odoo hin taane, guyyaa san booda waan dhufaa, fageeysee waan hubatee fi. Kanaaf, alagaa fii lammii irraahiis, mangoddoon akka Shaggar ol bahu amansiisuuf Bisidiimotti itti dhaqanii, kadhatanii irraa dhaban, raga. Waan gaafas ja’aa ture, “taniin manaa baheef tanaa miti!” dha. San boodaas taanaan, akka biyyatti galee sadoo fii qananiin jiraatu godhuuf mootummaan jirtu karaa adda addaa tiin amansiisuuf carraaqaa turan. Inni garuu, akkuma ganamaan fedhii isaa kan sabaa dursetti, hamma maayyiitti gunaan sobamuu didee akkuma manaa baheen alatti hafe.

Duuba, lammiin teenya, Jaarraa Abbaa Gadaa, kan baroota 47af, mootummoota Habashaa, tan ammaa tiis dabalee, kanneen saba keenyarratti humnaan waldabraa dhufaniin lolaa ture, Oromiyaa ammallee harka diinaa jala jirtu keessatti deebi’ee akka awwaalamu fedhuun, haalaan nu dinqe. Irraahillee dhukkubsanne. Yaanni kuni, faallaa fedhii Jaarraa Abbaa Gadaa ti jannee waan amannuuf, hamma dandeenyu dura dhaabbachuuf ijibbaanne. Silaa kan du’e kan deebi’u tahee, haala kanarratti yaada Jaarraan Abbaa Gadaa qabu kan beeku Rabbuma.

Akkuma olitti ibsinetti, Jaarraa Abbaa Gadaa, nuuf fira dhiigaati. Fira jeeyna akka isaa qabaachuu irraa gammachuu nutti dhagayamtu hoonga hin‐qabdu. Haa tahu malee, hamtuu fii toltuu kan waliin dabarsaa bahe nu caalaa jaallan isaa kan qabsoo ti. Kana waan taheef, mirga isaan isarratti qaban keenyaa oli goonee laalle. Akkasumatti ammaas, ummanni keenya, kanneen baroota dila inni lolaa ture dahoo tahaniifiis, nu caalaa anaannataniif jennee amanna. Hubannoota kanarraa kanee, dhiibbaa karaa adda addaatiin nutti godhamteen injifatamnee, odoo garaan nu booyuu, reefka obboleessaa fii fira keenyaa, Oromiyaa keessatti akka awwaalamu murteessine.

Murtii teenya hujiirra oolchuuf, warra mootummaa waliin qunnamtii qaban waliin marii gooneen:
  1. Mootummaa Xoophiyaa tii fii Oromiyaa sirna awwaalchaa keessatti qooda tokkollee qabaachuu dhaba;
  2. Warri mootummaa gargaarsa awwaalchaaf barbaachisu irratti kan gaafataman qofa godhuu;
  3. Sirna awwaalchaa irratti, maqaa mootummaa tiin namni tokkolleen akka in haasoyne;
  4. Sanduuqa reekfi Jaarraa Abbaa Gadaa keessa jiru irratti alaabaan tokkolleen akka hin afamne;
  5. Fira, aalii fii sabni bal’aan Oromiyaa bahanii akka awwaallatan;
  6. Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa guututti dhiheeffachuu;
  7. Reeyfi Jaarraa Abbaa Gadaa, akka biyya seeneen warra deemuun harkatti tiiysuun, itti gaafatama mootummaa tahuu;
  8. Naannoo itti awwaalamuttiis toyannaan qabrii isaa, akkasumatti, kan mootummaa tahu, irratti waliif gallee jira.
Waliigaltee armaa olii irratti irkachuun, reeyfi Jaarraa Abbaa Gadaa, bakka amma jirurraa, Bitooteessa 07, bara 2013 akka karaa Finfinnee deemee, Bitooteessa 08, bara 2013 Dirree dhawaa seenu. Achitti, Salaatul Janaazaan eega irratti salaatame booda, makiinaan karaa Calanqoo sossooha. Akka achi gayeen, jamaa awwaalchaaf walitti qabamaniin lamada irratti salaatamee, Dirree Calii Calanqootti, akka awwaalamu saganteessine.

Waliigalteen bakka bu’oota mootummaa waliin goone akka guutummatti hujiirra ooltu ni abdanna. Qabsaawotaa fii sab‐boonoonni murtii fudhatamte tanaan addaa qaban, dhiibbaa nu mudate ni hubatan jennee yaanna.

Dhumarratti, haala kana aanjeessuuf warra dhama’an mara, qophii dura dursinee galatoomfanna. Oromoota reeyfaa waliin biyya dhaquu murteeffatan, kanneen gargaarsaan nutti dirmatan, warra garaan isaanii keenya caalaa booyaa jiru hundaan, jazakumullah kheeyran, galanni keessan bilisummaa Jaarraan Abbaa Gadaa lolaafii ture haa tahu jenna.

Firaa fii aanota Jaarraa Abbaa Gadaa

Bitooteessa 07, 2013

No comments:

Post a Comment