JAARRAA ABBAA GADAA KABAJAA GUDDAADHAAN YAADATAMA

Bitootessa 04, 2013

Ibsa Kana Afaan Ingiliizin Duubisuuf Addana Tuqaa

Du’aan Boqochuu Jaarraa Abbaa Gadaa ilaalchisee ibsa Adda Bilisummaa Oromoo 

Hoggana qabsoo bilisummaa Oromoo hangafoota keessaa tokko kan tahe Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dheeraaf dhukkubsatee waldhaanamaa turee addunyaa kana irraa duáan boqochuun sabboontotaa fi firoottan Oromoo Oromiyaa keessaa fi ala jiran mara biratti gadda guddaa waliin dhagahame.

Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaa eegalamuu qabsoo hidhannoo Oromiyaa baláa keessatti qooda murteessaa qabaachuun beekama. Qabsoo hidhannoo Baha Oromiyaa keessatti eegaluuf jecha fincila hidhannoo Kibba Baha Oromiyaa waliin tahee, sana biras dabruun hanga Soomaaliyaa fi Baha Giddu Galeessaatti gargaarsa qabsoo argamsiisuuf jecha sochii qabsoo obsa fixachiisaa geggeesse. Sana boodas Soomaaliyaatti deebi’ee waggoota shaniif manneen hidhaa Soomaalii keessatti hiraarfame. Hidhaa irraas gaafa bahu hawwii qabsoo bilisummaa Oromoo itti fufsiisuuf qabu dhugoomsuuf jecha hidhatee Baha Oromiyaatti deebi’uudhaan cichaa fi murannoo akkaan jabaa qabaachuu isaa mirkaneesse. Dhiibbaa fi hammeenya mootummootaa fi humnoota biroo godinaa kana keessatti isa irratti aggaammatamu hunda jabinaan qolachuuf, akkasumas, kaayyoo hanga daqiiqaa maayyiitti dhaabbateef galmaan gahuuf murannoon bara jireenya isaa guutuu agarsiise sabboontota Oromoo maraan kan yaadatamaa jiraatuu fi akka fakkeenyaatti kan fudhatamu.

kana malees, dhaaba isaa kan duraan Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromiyaa (IFLO) jedhamaa turee amma Adda Walabummaa Oromiyaa (FIDO) jedhamu fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti mariin araaraa wayta geggeeffametti hoggana ilaa-fi-ilaameetti amanu tahuu isaa agarsiise. Bara 2000 keessa wayta garaagarummaa gurmuulee siyaasaa Oromoo gidduu jiru furuuf hojjetametti qooda jaaraa gumaachuu isaatiin yaadatama. Kunis jaaramuu agoobara Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (ULFO) mirkaneessuuf gumaache.

Nuti akka Adda Bilisummaa Oromootti boqochuu hoggana hangafaa kanaatiin gadda gadi fagoo nutti dhagahame maatii isaaf, miseensota dhaaba FIDO fi ummata Oromoo biyya keessaa fi alaaf, akkasumas, firoota Oromoo maraaf wayta ibsinu, kaayyoo bilisummaa Oromiyaa Jaarraan hanga jireenya isaa maayyiitti qabsaayeef galiin gahuuf irbuu keenya haaromfachuu waliini. Sabboontonni Oromoo marti du’aan boqochuu hogganticha hangafa Jaarraa Abbaa Gadaatiin akka qalbii hin cabnee fi kaayyoo haqaa ummata keenyaa kan inni jireenya isaa guutuu wareegama kafaleef galiin gahuuf murannoo keessan akka jabeeffattan dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qabsaayaan ni kufa; qabsoon itti fufa!

Adda Bilisummaa Oromoo!

Bitootessa 4, 2013

No comments:

Post a Comment