EESSA JIRAN? Galmee Qabsaawota Oromoo achi buuteen isanii dhabame keessa namoota 29 suuraa isanii waliin [Collected from social media]

Waxabajji 01, 2018
  1. Huseen Abubaakar Ganamoo (Muldhataa Dirree)

    Jaal Huseen Abubaakar Ganamoo (Muldhataa Dirree) Hogganoota waraanaa ABO baha Oromiyaa keessa tokko kan tahe fi bara 1995 A.L.A. Lola Baale nannoo Gindhiiritti godhame booda kan dhabame. Jaal Muldhataa Dirree goota gootowwanii hiikaa harka keessan jira ykn nuuf himaa iddoo itti awwaaltan.

  2. Simmanyi Dayyaasaa (Hawwii)

    Simmanyi Dayyaasaa ykn Hawwii jedhamti, Jiraattuu Amboo yoo taatu, Fincila bara 1998 keessa humna tika wayyaaneetiin qabamtee mana hidhaa qaallittii seentee turte. Yeroo muraasa booda mana hidhaa keessaa baatee Qabsoo Adda Bilisummaa oromootti makamte. achi keessaas sababa hin beekamneen bara 2000 baatee gara Magaalaa Ambootti deebitee utuu dhoksaan jiraattuu haaluma yeroo keessa achi buuteen ishee dhabamee afe!

  3. Dabbassa Guyyoo Saffaroo

    Dabbassa Guyyoo Saffaroo maanguddoo dhalataan naannaa Booranaa, Taltallee yoo ta’an Yaa’abal’otti guddatanii Dirree Liiban jjiraachudhaan waggaa dheeraf Gadaa Oromoo qorataa turan, nama gara ganna 80 ta’ani. Waggaa 35 duraa dhiibbaa mootummaa Darguutin gara keenyaa galan. Waggoota keenyaa jiraatan kana keessa Aabbo Dabbasaa Guyyoo Saffaroo Gadaa Oromoo hayyoota hedduu barsiisaa, odeeffannoo kennaa turan. Hayyuu waayee Gadaa qorate hunduu kan Dabbasaa hindubbisin heddu miti. Aabbo Dabbasaan waggaa 15 dura namooota fedha Gadaa qaban waliin ta’uudhan ARGAA DHAGEETTII GADAA OROMOO Keenyatti – Daagoratitti hundeessan. Kunillee maandhee Gadaa Oromoo keessatti barsiisan jechuudha. San booda kanumaan walitti qabsiisun biyyoo Amerikaa kibbaa- Guatemala, Rusiyaa, Amerikaa kaabaa, Noorway kkf deemudhaan waayee Gadaa, aadaa, duudhaa Oromoo barsiisaa turan. Beekumsi maanguddoon kuni qaban kan addaa ta’uu namoonni isa dhaggeeffatan hunduu ragaa bahu. Aabbo Dabbasaan seenaa, raaga, aadaa, safuu, seeda, kkf bakka fi guyyaa akkasumas akkaataa waliin yaadachuudhan tarreessanii seenaa bara kuma hedduu duraa akka hara’a waan ta’eetti qulqulleessanii kaahudhaan nama himuu danda’ani. Hayyuun kun akka tasaa Naaroobii-Keenyaa keessatti guyyaa Birraa 27.09.2015 Irreecha oolanii yoo galan humna tikaa Itoophiyaa fi Keeniyaan butamanii achi buuteen isaanii dhabame. Haga ammaatti hin argamne.
  4. Mulugeetaa Baqqalaa Hirphaa

    Mulugeetaa Baqqalaa Hirphaa jedhama bakki dhalootaa Wallagga bahaa aanaa Ibantuu Ganda Qeelloo yommuu ta'u bara 1983 humna tikaa wayyaneen Finfinneetti qabamee achi buuteen isaa dhabame.
  5. Ibraahim Usmaan

    Ibraahim Usmaan jedhama.Oboleessa Nadhii Gammaadaati. Nadhii barbaacha manaa bahee haga ammaa hin argamne. Nuuf deebisaa!
  6. Raashid Qaasim Ismoo

    Raashid Qaasim Ismoo jedhaama bakki dhalota isaa Arsi anaa Suudee abukooy. Arsitti hadhaltu male bakki itti guddate fi baaratee magaala dire dawaatti turee.
    Barumsaa issaa addan kute qabsoo oromottii makaamuf ergaa mana bahee bubule jiraa
    Yeroo dhumaatif baraa 1996 E.C harargee lixaa maagalaa baddessatti mulaa'te saan bodaa achii buteen issaa hin bekkamnee. Maati fi firooni isaa baraa heddu essa jedhaani bakkuma barbadan dhabani rakkatta jiruu. 

  7. Mitikuu Wadajoo Amuumaa

    Namini Suuraan isaa armaan gaditti Argitan kun ; MITIKUU WADAJOO AMUUMAA jedhamuun beekama. Biyyi inni itti dhalate Goodina Walagga Lixaatti Magaalaa Mandiiti. HumnootaTPLFn YKN WAYYANEEN magaalaa Finffineettii akka lakk.habashatti bara 1983 butamee haga har'aatti achi buuteen isaa hin beekamu; Namni kun akkuma ilmaan Oromoo wayyaaneen dhoksitee jirtuttu hubatama; Kanaaf qaamni Oromoo kamuu barbaacha ilmaan oromoo wayyaaneen gooree butamanitti dabalatee akka isaan barbaannu haa ta'u; Wal-bira buunee warra dhimma oromoo achi buuteen isaanii dhabame kana wal taanee haa barbaannu haa barbaachifnu. Kaneen ilmaan keenya akka kanaan nu jalaa milqisan isinitti dhaga'amuu sheerii gochuun nu tumsaa.
  8. Margaa Tarfaa

    Akkuma hundi keenyi beeknu sabboontonni Oromoo hedduun bara 1991 irraa jalqabee yeroo adda addaatti mootummaa wayyaaneetiin ukkaamfamanii kan maatii fi firri jiraachuu fi boqochuu isaanii hin beekne hedduu dha. Isaan keessaa tokko barsiisaa kabajamaa fi quuqama sabaa qabu; kan haqaaf dhaabbatu barsiisaa Margaa Tarfaa Godina Horroo Guduraa Wallaggaa mana barumsaa Gitiloo irraa isaan keessa tokko. Mee haa iyyaaffannu!! Margaa Tarfaa qabsaa`ota Oromoo kanneen akka Milkeessaa Gadaa fi Araarsaa  Assabaa warra bara kudha sagal sagaltamoota keessa Wallaggaa naannoo Horrootti wareegaman waliin kan ture dha. Margaa Tarfaa haalli yeroo sanaa ulfaataa waan tureef gara Ameerikaatti balali`uuf haalli hundi xumuramee qophii irra osoo jiruuti halkan sana magaalaa Finfinneetti human tikaa wayyaaneen kan butame. 
  9. Gammachu Butta Barisoo

    Gammachu Butta Barisoo bara 1984 Geologe dhan ebbifamuuf (GC) ture kan inni itti dhalatee Anaa kofalee ganda Garmamatti yeeroo barumsaa irra turettis ABO wojjin hoojjata ture jira ergasii bara 1984 namoota karaa balee deeman wolin bahe yeeroo sani irraa egalee achii buteen isaa hin Bekamnee.
  10. Ahmed Sheikh Umar Ali

    Maqaan isaa Ahmed sheikh Umar Ali ja'ama. Nannoo Gaara Mullataa magala Gobeelletti dhalatee. Jireenyaaf magaala Dirre Dhawaa ganda Lagaharre kara ganda Guggubaa ja'amutti qubacha ture. Abba ilmaan afurii dhira 3 fii dubra takkati. Muazzina (nama azaanu) kan duraa kan Masjida Bilal Dirre Dhawati. Bara 1994 keessa Halakan walakkaa mana isaa, Ilmaan isaa keesa fudhamee hanga ammaatti bakka kana jiraa hin beekkamu. Yoo oduu isaa qabaattan llaman isaa qunnamma.
  11. Badiru Umar

    Iyyaafanno maqaan isa Badiru Umar. jedhama kan dhalate godina Wallagaa Farmakiis Magalaa Kober, Begii dha 2002 ALH mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamsamee adaara nuf iyyaafadha
  12. Alfiya Yusuf Ahmad

    Alfiya yusuf Ahmad ykn hangatu Ja.aamtii  Bareysitu Jaal Nadhii Gammada Turte. Kan Dhalatte Godina Harargee Bahaa Magaala Haroomayya Erga Gaaf Jaal Nadhii Wajiin Qabaamte Hanga Ammaati Essa Butteen hin Bekkamne.
  13. Addessa Gadaa (Amin Abdo)

    J/ Addessa Gadaa maqaan dhallota Amin Abdo k/J / ABO fi Barressa dhabaatii Tahe bara 2000 kessa fillame sanan bodda dirqamanii itii lataame shageriiti kute akka caraa tahe diina afan bu,ee shiira irratii dalagamen diinaan butame bara 1993 ALH tii jechudha J/Addessan kan dhalate G/Balle Anaa dello mena Aba issa Abdo Tukko fi Hadhaa issa Meka usman walluma galatii sadarkan barumssa issa B.A degree in History bara 1981 ALH tii kana ebiifame kanafuu essa akka inii jiru oddun male qamaan argachuu hin dandenye kanaf eeruu nuf barabada jiratus seenaa dha warregamus Gota sabatii.
  14. Muzayyan Hasan Abba Duulaa

    Maqaan isa J/Muzayyan Hasan Abba Duulaa jedhama kan dhalate godina Wallagaa Farmakiis (Kober, Begii) dha 1988 ALH Gimbii irraa osso Finfinnee demaa jiru mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamsamee.
  15. Jireenyaa Ayanaa

    Artist Jireenyaan bakki dhaloota isaa godina Wallagga bahaa, ona Giddaa Ayyaanaa ganda Gabaa Jimaataa jedhamtu.Artistii Oromoo kun aadaa, seenaa fi eenyummaan Oromoo akka gaariitti akka guddatuu fi beekamu hojjachaa ture.
    Wallee artistii kanaa keessaa kan akka ''Baddaa Finfinnee keessattan arge Hoomii dorrobaa fi mara
    taa Jawwee, kottu Botoroo sirna Abbaa Gadaa halagaa ormaa lamuu hin dhannamuu luba keen hawwe'' har'a illee seenaa fi hojii weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa waliin guyyuu kan yaadatamuu dha.

    Artistiin kun artistii dhugaa aadaa Oromoo keessatti guddatee, eenyummaa Oromoo beeksisuuf otuu hojjatuu bara 1996 Finfinnee keessaa humnoorta tikaa mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamsamee- achi buuteen isaa dhabamee dha. Artisti Jireenyaa erga gaafa humnoota tikaatiin butamee as amma har'aatti eessa akka bu'e hin beeekamne. Oromoon artistii akkasiifaa qabdi.

  16. Ashiquu Abbaanashaa

    Namni Suuraa isaa argitan kuni Dhalataa Godina Baalee Magaalaa Dodolaati Ashiquu Abbaanashaa jedhama.dhuma bara 2000 fi jalqaba bara 2001 jiduttii Harka diinaa/ Mana hidhaa woyyaanee seene kan jedhu dhageenne Namooni Mana Hidhaa bakka adda addaa keessa turtan yoo kan beektan ta’e akka nuuf eertan isiin gaafanna.
  17. Jamal H/faqqo

    Barsisa jamal. H/ faqqo jedhamu isaan jiddu jirran kunni. Eddoon dhalloota godinna arsii baha. Anna jajju ganda danab guddootti. Bara. 1992 achii butte isaanni ergaa dhabne hin du.e hin jiran hin bekkamu yerro sannitti. Miseensa Abotti jedhame hordoffi cimman barbaadame qabamme. Gara mana hiidhaa garra mulla.atta geessan oduun jettu qofti jirti san booda haffurrii hin jiruu.
  18. Roobaa Mohammed

    Roobaa Mohammed,bara 1986 keessa Imaan Haramaayaa humnoota tika wayyaaneetiin achi buuteen isaanii dhabne keessa tokko isa kanakana, Roobaan yeroo sana dargageessa umrii kudha 18 kan butame galga nannoo sa'aa 1fi 2 gidduudha. jiraatu gad haanuu lakisanii,ajeesan ammoo iddoo awaala isaa nuhaa garsiisanii.
  19. Firdiisaa Bayyanaa Hordofaa

    Firdiisaa Bayyanaa Hordofaa Go/Ho/Guduruu magaalaa jaardagaa keessaa bara 1984 A.L.H tti butame.hanga ammaa hiyyaafannee du'uusaafi jiraachuusaa hin beeknu.
  20. Saafawoo Tufaa

    Saafawoo Tufaa jedhama. Dhaloonni isaa godina Arsii Lixaa Aanaa Arsii Nageellee ganda Godee Duurooti. Qabsaa'ota keenya dhabaman keessaa innis tokko.
  21. Tujii Raggaasa

    Jaal Tujii Raggaasa hoggaana waraanaa ABO ture chaartaraa keeysa dhabamsisan du'e jiratee isaa nuuf gaafadhu.
  22. Hirphaa Miidhaksaa

    Hirphaa Miidhaksaa jedhama magaalaa Gudar irraa bara 1992 kaasee as buuteen sa'a dhabame. Maqaa ABO Jechuun Daninnaatiin yeroo sanaa kan shawaa lixaa Namticha Abbaa Giddii Ajjamaa jedhamuun barbaadamaa ture. Qabamee bakka kaampii Agaazii warshaa xiyyitii Hoomachoo jedhamutti hidhame achi cabsee bahe. Amma eessa akka jiru hin beekamu.
  23. Sadiiq Umar

    Maqaan isa Sadiiq Umar jedhama kan dhalate godina Wallagaa magaala Kober, Begii magaala Finfiinee keeaaa butamee 1993 keessa achii buute Isaa hanga haratti wan dhagenye hin jiru maati isa Kober irraa.
  24. Jamaal Abdulqadir Ganamoo

    Jaal Jamaal Abdulqadir Ganamoo(Ifaa Ija Baatirii kan akka Jamaal Abdulqadir jette Shaabee Sheekaa kan wellifteef) hogganoota waraanaa ABO keessa tokko kan tahe fi Nadhii Gammadaa waliin goota Baaleen Bosonatti deebi'ee bara 1994 diigamuu chartaraa booda jiraaf du'ee hin beekamne.
  25. Qaasim Musxafaa

    Qaasim Musxafaa jedhama. Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algeetii bara 1986 A.L.H sababa sabboonummaa isaatiif weyyaaneen qabamee achi buuteen isaa hinbeekamne. Maatiin Qaasim Musxafaa adaraa Oromummaa nuuf iyyaafadhaa jedhaniiru.
  26. Darajjee Qana'aa Waltajjii

    Wallagga lixaa, Boojji Dirmajjii, Biilaa
    Oogummaa:- Barsiisaa
    Barri itti qabame Gurraandhala 11, 1984 ALH tti.
    Bakki dhalootaa achuma Boojji Dirmajjii
  27. Qananii

    Jaal Qananii jedhamti Miseensa WBO turte iddoon dhalootaa godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaati. Gaafa ABOn chaarteraa bahe falmaaf dirretti baate hanga har'aatti achi buuteen isii hin beekkamu.
  28. Abdata Adem

    Abdata Adem obbollesa Galmoo Ademi Maqaan dhaloota saa (Abdulwahab Adem dhalata magaala Hirna tti. Barataa cimaa fi barnoota qubee joollee Hirnaa Barsiisa ture. Abdataanis akuma obbollesa isaa bara 1989 achii buutte tahe hafe. du'aa fi jiruu saani maattiin fi firootan walalcha akuma oromoota hunda tti qalbiin ala raraate hafte jirti.
  29. Galmo Adem

    Galmo Adem Maqaan dhaloota saa (Abdulqadir Adem) Dhalotaan magaala Hirnaatti bara dargi keesa itti gaafatamaa biroo Barnoota Hararghe lixa ture. Bara 1984 waarana adda billisumaa keesa gale. Hojjii adda addaa hojjachuun oda bultum tti ni beekama. Erga bara 1989 booda achii buute tahe hafe. Yeroo tokkotti isaa fi obbollesa isaa Abdataa maqaa dhaloota isaa Abdulwahab Adem. Maattii fi firootan Galmo fi Abdata baruma tokko kessa ilmaan isaani lama dhaban hanga amma barbaada jiran.

No comments:

Post a Comment