Jidduu Galeessa Oromiyaa Naannoo Saadim Irraa Qabeenyi Oromiyaa Lafti Dhagaa Coble stone Qabu Abootii Qabeenyaa Abashaaf Kennamuun Mormii Kaase

Bitootessa 16, 2013 | Qeerroo Finfinnee

Magaala Finfinnee Boolee naannoo Saamid jedhamutti qabeenya Oromiyaa kan ta’e dhagaa Coble stone dhaaaf oolu ilmaan Oromoo irraa fudhatamuu fi naannicha irraa Oromoo buqisuun Abashoota kanneen waldaa xixiqqaa jedhamanii Wayyaanee ijaaramaniif kenname.

Bitootessa 14,2013 Oromoonni naannoo kana jiraatan qabeenya keenyatti nutu fayyadama,Qabeenyi Oromiyaa kan ilmaan Oromooti malee kan mootummaan Wayyaanee IMXdhaan miseensummaan ijaartee nutti ergitu miti jechuun qabeenya keenya irratti wareegamna jechuun falmaa mirgaa eegalan. Kanneen qabeenya kanatti fayyamuuf humnaan dhufanis ilmaan Oromoo naannoo kanaa gamtaan of irraa ittisaa jiru.


Mootummaan Wayyaanees ilmaan oromoo qabeenya kun kan Oromoo dha  kanneen jedhan miseensota ishee waliin taatee waraana hedduumminaan bobbaasuun rukkutaa jirtus ilmaan oromoo gamtaan waraana Wayyaanee fi jala deemtota ishee dura dhaabbatee jira.

Mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasus tasgabbii itti gochuu kan dadhabe yoommuu tahu ilmaan oromoo gamtaan yaa’anii abbaa qabeenya kanaa kan tahe nu haa gaafatu jechuun bakka albuudaa kana qabatanii dhorkanii jiran.

No comments:

Post a Comment