Lixa Shawaa, Aanaa Geedoo Keessatti Diddaan Barattootaa Akka Itti Fufetti Jira

Bitootessa 13, 2013  | Qerroo Geedoo

Bitooteessaa 3,2013 irraa egaaluun FDG utuu wal irraa hin kutiin gaggeessaa kan jiraan ta’uun gabaafame, Gototni Baratootni Oromoo kun hangaa Ilmaan Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiloo 4 irraa arii’aman fi Bakkotaa garaagara irraa arii’atamaa jiran hin deebineetti hin barannuu jechuun Mana barumsaa Cufuun FDG itti fufaanii jiraachuun gabafamera.
Haala kanaan Hanga ilmaan Oromoo Yuunversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arihaman barnootatti deebi’anitti FDG gaggeessinu hin dhaabnu jechuun gootonni barattooti Oromoo Geedoo sadarkaa lammaaffaa Bitooteessaa 3,2013 irraa egaalun manni barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Cufaamee jiraachuun gabaasa Qeerroo yeroo darbee keessatti ibsamuu ture. Haala kanaan guyyaa gaafa Bitootessaa 11/2013 Maatiin baratootaa ajajaa karaa karaa qondaalota Wayyaanee ummanni dirqiin dirqisiifamee mooraa mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa keessaatti walga’iin dabbaalloonnii Wayyaanee gaggeessaa oolan irraattii Ummaannii sagalee mormii Dhageesisuun gaaffiilee
  1. Daa’immaanii fi dargaggoota ol guddatan ilmaan biyyaa gaaffii kaasan jettanii hidhuu dararuu fi biyyaa ari’uun haalaan hammaatee waan jiruuf kun mufii ummataa keessaa isa jabaa akka ta’e

  2. Bara baraan Pooliisiin Rasaasaa dhukaasee Ijoollee keenyaa ajjeessaa?maaliif hidhamuu?

  3. Humna Waraanaa nurraattii bobbaasuun maaliif?
Jechuun ummanni diddaa dhageessisaniin dabballoonni Wayyaanees gaaffii uummatanaan muddamanii akka turan Qeerroon gabaasa. Akka gabaasi addeessutti dabballoonni kun Oromoota achitti argame kadhachuu fi ijoollee keessan nuu sossobaa gaaffii mootummaa irratti kaasan akka dhiisan jechuun yeroo walgahii irratti iyyatan dhagahamee jira.

Kana malees Hoteelota magaalaa Geedoo keessatti argaman gara garaa keessatti walleen warraaqsaa addattis kan Eebbisaa Aduunyaa osoo wal iorraa hin citiin kan dhageessifamaa jiru yeroo ta’u kanneen akka Hoteelaa Ittaafaa Carraataa fi Hooteellii Calliyaa keeseetotaa ABO sirbisiisaa jirtuu jechuun dabbaalloonni Wayyaanee ummata qorachaa akka jiran gabaafamee jira. Humni milishaa Wayyaanee kan nama maqaan isaa Addaamuu jedhamuun durfamus Waajiraa milishaa Aanaa Caalliiyaa keessaa hojjetuu ta’een uummanni dorsifamaa jiraachuun gabaafamee jira.

No comments:

Post a Comment