Mooraa Yuniversitii Jimmaa Keessatti Lamuu Fiilmiin Afaan Oromoo Akka Hin Agarsiifamne Dhorkame

Bitootessa 20, 2013 | Qeerroo Jimmaa

Aaangawoonni Wayyaanee Filmiin Afaan Oromoo akka lammaaffaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keesaatti hin argiisifamne murteessan. Peresedentii baratootaa Yuunibasiitii Jimmaa Daawut Geetachoo murtii Wayyaanee fi ilmaan Abaashaa murteessaan kana irraatti akkaa mallaateessuuf dirqisifamee mallateesisuu odeessii keessaa Wayyaanotaa ba’uu mirkaneessee jira.

Dabballoonni Wayyaanee yeroo ammaa kana walgahiilee bifoota adda addaan bakka gara garaatti godhatan irratti gama ittin gumii gudinaa fi dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo karaa itti dadhabsiisanii ykn yoo mijateef immoo kallaattii ittiin Mooraa Yuunibarsiitiilee keessaa itti dhabamsiisan irraatti hojjechaa kan jiran ta’uu beekama.

Gama kaaniin mootummaan Wayyaanee akkuma akkeeka isaa ilmaan Oromoo ukkamsee hidhuu, qara dabarsuu, barnootaa irraa arii’achuu, mirgaa dhorkachuu, hin dhaabuu yoo ta’ee fi gaaffii mirgaa Ummaannii Oromoo gaaffachaa jiruuf deebii kan hin keniinee yoo ta’ee fi ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii jiran hin hiikuu yoo ta’ee; murtiin Wayyaaneen yeroo garaagaraattii gama siyaasaan, Aadaa,Afaan, Seenaa,fi Dinagdeedee uummataa Oromoo irraatti dabarsuu hin kaafamuu yoo ta’ee gaaffiin mirgaa barattootaa fi qoteebulaa Oromoon walii galatti ummata Oromoon ka’e hin dhaabbatu.

No comments:

Post a Comment