Oduu Gaddaa: Monaa Abdusalam Alii (Magaala Chicago)

Bitootessa 15, 2013

Nuu Hawaasnii Oromoo Magaala Chicago keessa jiraannu tibbana kana ijjeechaa dubartii Oromoo koollejjii barattu irratti raawwatameen gaddaa, rifannoota fi dallansuun hangana hin jedhamne nutti dhagahamee jira. Dubartiin kun maqaan isii Monaa Abdusalam Alii jedhamti. Abbaa isii Abdusalam Alii fi haadha isii Zaharaa Omar Madobee irraa guyyaa 08-15-1994 Oromiyaa kutaa Harargee keessatti dhalatte. Umrii waggaa kudha sagale (19) ganamaan abbaa fi haadha isii irraa ijjeechaa harka namaatiin dhabamte. Monaan magaala Chicago keessa koollejjii Harold Washington College jedhamu barachaa adoo jirtuu balaan kun irra gahe.Haallii isiin itti duute karaa poolisiin hanga oduun kun midiyaa ergamutti wannii ibsame hin jiru. Poolisiin magaala Chicago guyyaa 03-09-2013 haadhaa fi abbaa intalaa qaamaan bira dhufuudhan oduu du’a intala isaanii itti himuun ala akkaata isiin itti dooteef eessatti akka dote wannii warraa fi hawaasaaf ibsan hin jiru. Magaala Chicago kana keessa guyyaa guyyaan yakka dalagamu irraa caalaan sa’aa sa’aan midiyaa irratti kan darbu yoo ta’e oduun ijjeechaa/du’a intala kanaa wannii karaa midiyaan ibsame hanga ammaa jiraachuu dhabuun nu jiraattoota magaala kanaa raajjii nuttyi ta’ee jira. Walbira dhaabbachuu keenna ciminna keenna jennee amanna.

Kanaafuu, nuuti hawaasnii Oromoo magaala Chicago fi naannoo Chicago keessa jiraannu nama nurraa du’e awwalachuu du’aa osoo hin taanee haqa nama du’ellee barbaaduun dirqama hawaasummaa nurraa eegamu ta’uu hubbannee koree tokko dhaabuudhaan, warra Abdusalam bira dhaabbachuun haga intala isaanii barbaaduuf murteessine jira. Hanga danddeennu maraa warra dutii itti galte kana sabbarsiisuu callaa osoo hin taanee, karaa barbaachisaa ta’e maraan isaan bira dhaabbachuuf murteessine jirra. Hawaasnii Oromoo bakka biraa jirullee fi namootii dhuunfaan gargaaruu feetan haqa dubra Oromoo umrii diqqeennan ijjeeffamte kana barbaaduu irratti karaa danddeettan maraan akka warra kana bira dhaabbattan waamicha isaniif dabarsina.

Koree Hawaasa Oromoo Chikaagoo Deeggarsa Warra Abdusalam Alii fi haqa Monaa Alii barbaaduuf dhaabbate.

Chicago | March 14, 2013

No comments:

Post a Comment