Sooressa qabsoo yoomuu hin irraanfatame

Ibsaa Guutamatiin* | Gubirmans.com

Bitootessa 2013

Ummati Oromoo gidiraa waggaa dhibbaa ol itt fe’ame jalaa akka bahu sochiin bilisummaa jaatamootaa kaasee tolfame hin irraanfatamu. Keessaayyuu yeroo jalqabaaf ummatichi tokkummaan dhaaba malbulchaa ABO jehamu ummatee qabsoo boonsaa gochaa jiraachuun saa addatt yaadatama. Qabsoo kanaaf kallachatt kan waamaman yeroo ka’an maqaa Jaarraa Abbaa Gadaa utuu hin dhahin darbuun hin danda’amu. ABO fi WBO dhugoomuuf kutannoo Jaarraa fi jaallewwan saa utuu hin jirree se’amuu hin danda’u ture. Jaarraan saba saaf meeshaa lolaaf mala argachuuf karoota hamaa tahan lafa, garbaa fi qilleensaa irra goota marmaare. Bilisummaa Oromiyaa mirkaneesuuf balaa inni jala darbe quwannoo guddaa gaafata.

Qabsoon yeroo hunda didibee irra hin deemtu. Quuqaa, gufuu, boolla, harangamaa qileee fi bineensa farra nama lowu, barrisuu fi utalu hedduutu jira. Beelaa fi dheebuun waan guyyuuti. Akka wal jaallachuun jiru walitt bu’i keessaas jira. Lolli walirraa hin citne hamajaajii xayyaara, taankii fi madaafa hidhate mancaa fi klashiin ofirraa faccisuun dhaabbataa dha. Qoramsi qabsoo dheessuu waan yeroo yeroon nama mudatu. Waliigalatt daandiin qabsoo walmaraa gamnaa fi janni qofti uggee kessa hulluuqu. Jaarraa Abbaa gadaa gooticha hunda jala darbee kaayyoo ganama bobba’eef utuu hin dagatin raage. Onneeen saa onnee leencaa kan maaliifuu hin gunnuunfanne. Onnee sana, kan Onkoloolessa 3, 2013 biyya halagaa keessatt dhaabbate.

Jannichi koloneeffataa walakkaa jaarraaf baaragsiisaa bahe akka laayyooti alatt hafe. Jaalala saba saaf qabuf maqaan itt of moggaase ragaa guddaa dha. Jaarraan sanaan nama hundee saatt boonu tahu mirkanesse. Kurnan lamaan darban kana keessa hogganoota sochii bilisummaa hedduu dhabne. Hedduu saanii allaattii fi biyyee biyya abbaa saaniitu nyate. Sana ga’u dadhabuutu Jaarraa Abbaa Gadaa adda godha. Lafeen goota kanaa bartokko biyyati deebitee siidaa iseen jala ciiftu dhaloota dhufee darbu hundaan akka fakkeenyaatt ni dawwatama jennee haa abdanu. Du’i hin ooltu, garuu yoo du’an akka Jaarraatt halagaa utuu hin jilbeefatin du’uun eebbifamuu dha. Oromoon ofbaree ijaa fi gurra akka banatu hedduu gumaachee darbe. Jaarraan barachuufis qananiin jiraachuufis utuu dandahu jaalala sabaa saaf qabuun bosona lixee rakkina yaaduun nama suukessu keessa darbee Oromoon Oromummaan mataa ol qabatee akka deemu gargaare ofii hiyyoomee deeme. Ilmaan gargarsa malee hafan akka qabus gabaafamee jira. Sun qabsaawoti Oromoo angafooti hundi haala keessa jirani.

Yeroo nammi du’u hidhii xuuxuu fi kan du’e waan nama taajjabuu hin dandeenyeef faarsuun waan jiruu. Kan hin jirre, nuuf jedhe deegee du’ee maal goonuu aadaa jedhu. Seenaan qabsoon hidhannoo bilisummaaf godhame yeroo ka’u Jaarraa Abbaa Gadaa kanneen dura waamaman keessaa sooressicha. Jaarra waliin jaallewwan halaalaa walbeeknu malee akka carraa ijaan wal hin argin hafne. Sun ana isa hafeef gaabbii gadda irratt dabalame. Amma egaa Jaarraan waan halle, loluus, dheessuus, yaaduus dhaabee jira. Ayyaanni akaakilee saa ekeraa saatt haa araaramu. Lubbuun saa gaaddisa haa cistu. Kan gargaaraa turanii fi maatii saaf jabeenya hawwina.

Oromiyaa bilisi haa jiraattu!!
Ibsaa Guutama
Bitootessa, 2013
________________________________________________________________________________
* Ibsaa Guutama: Gubirmans.com

No comments:

Post a Comment