Uumanni Oromoo Kutaa Magaala Boolee Haayaat, Caffee fi laga Xaafoo Jiraatan Diddaa Itti Fufan

Bitootessa 17, 2013 | Qeerroo Finfinne

Kutaa Magaala Finfinnee kutaa magaala Boolee bakka Haayat, Caffee fi Laga Xaafoo jedhamanii ilmaan oromoo qeee isaanii irraa beenyaa malee buqqisuun kaabinota isaaf kondominiyeemii ijaaruu irraan darbee dabballoota isaa albuudawwan dhagaa kanneen akka Coble stone naannoo kanaa akka baafatan godhee jira.

Ilmaan oromoo naannoo kanaa qabeenya keenya irratti wareegama barbaachisaas ni kaffalla,Mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu fi qabeenya ilmaan Oromoo saamuu haa dhaabu jechuun dabballootaa fi waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbatanii jiran.

Waraanni mootummaa wayyaanees qabeenya kana kan itti fayyadamu kan mootummaan kenneef malee isin miti,Beenyaa gaafachuus hin qabdan isin shororkeessitoota jechuun Oromoota 350 ol mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo ukkaamsan keessaa:
  1. Obbo Bulchaa Tamasgeen
  2. Dargaggoo Tafarii Bariisoo
  3. Fiqaaduu Abaatee
  4. Jireenyaa Didhaa
  5. Girmaa Araarsaa
  6. Habtaamuu Kifilee, Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Ilmaan oromoo ukkaamsaman kunneen waajjira Poolisii naannoo Booleetti kan ukkaamsan yoommuu tahu wayyaaneen yeroo ammaa humnaan waan dhaabe isheetti fakkaatus diddaan daran jabaatee jira.

No comments:

Post a Comment