Walaloo Qeerroo: DIINA IRRAA MIRGA HIN EEGGATAN

Dimokiraasii dharaa kan warra dhaadiyoo
Kan diinni hundeesse Sabatti gaadiyoo
Kan dubbatan televizsiinii kan mul’atu raadiyoo
Kan siif manaa ba’e adda baasi yaa qomoo
Kan Uummataaf falmu Adda Bilisummaa Oromoo.

WBO ta’uu miti maqaa dhawuuf yakkamnee
Farra nageenyaa shororkeessaa jedhamnee
Hedduun reebamnee gariin ajjeefamnee
Rakkoo keenya ibsuun Addunyaatti iyyannee
Deebii arganna jennee baay’ee gagammannee
Osoo murtee eegnuu lafarraa duguugamnee.

Uu_uu jedhee iyyus maaltu isaaf birmataa?
Gaaffii Uummataatiif eentu deebii laataa?
Kan kaayyoof manaa ba’es gargar wal qircata
Mee akkam jettu, maaltu ta’aa furmaata?
Rakkoon jiru kamuu jaarsumaan hiikkata
Keessan hiikoo dhabee maaf lafarra dheerataa?
Dafaa deebii kennaa Uummanni isin eeggata.

Kaayyoo sabaa gatee dantaasaaf kan kaatu
Dhaaba keessa galee diiguuf kan dhaadatu
Qabsoon dantaaf taanan maaf biyyaa baatu?
Dhiigni Ilmaan Oromootaa isin dura hin dhaabatuu?
Rakkoon jiru hinduu Jaarsan yaa hiikkatu
Martinuu wal ta’ee tokkummaan akka jabaatu
Firiin wareegamtootaa akka ifa baatu.


Hunduu dhiphuudha furmaata maal qabnaa?
Kan keessaamoo kan alaa eenyumaan abdannaa?
Rakkoorratti rakkoo barumaan ida’annaa
Gabrummaan golgamnee hanga yoom jiraannaa?
Qaama kamuu hin eegnu dirqama qixa qabna
Bilisa taanee jiraachuu har’a murteeffanna!
Sun ta’uu baannan dhumnee lafarraa duguugamna.

Maaloo yaa Rabbi, mee araara buusi
Kanneen wal dhaban walitti nuuf araarsi
Dhugaa awwaalamta boolla keessaa baasi
Du’aaf jireenya jidduu, jirra gar tokkotti nu baasi!

No comments:

Post a Comment