Warra Adda Dimokiraatawaa oromoo(ADO/ODF) Gaaffiilee armaan gadii kana naa deebisaa!

Bitootessa 29, 2013 | Finfinnee

Nagaan oromummaa isin haa qaqqabu,

Ilmaan oromoo nutu beeka jechuun carraa oromoo yeroo mara garbummaa keessatti hambistan seenaan isin haa gaafatu. Har’a immoo ala teessanii ilmaan oromoo gara tokkummaatti ABO jalatti hiriiraa jiraachuu isaa gaafa hubattan adda baasuuf ADO(Adda Dimokiraatawaa Oromoo) dhaabne jechuun maalii? Kanneen kana nutu beekaan gaggeessan gaaffiilee armaan gadii kana akka naa deebisan kabajaan isaan gaaffa.

  1. Namootni ODF kanneen keessatti akka itti gaafatamummaatti dhaabdan kanneen ABO turtani dha.Ilmaan oromoo ABO jalatti hiriiruun walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa oromoof jecha wareegamaniif itti gaafatamummaa kan fudhatu eenyuu? Akka amma isin jettan kana osoo Itoophiyaa jedhaniiru tahe ajjeefamuu? Hidhamuu?

  2. Alaabaa mataa keessanii qabdu moo kanuma ABOtti fayyadamtuu? Osoo injifattan Alaabaa ABO fayyadamtuu? Eessatti? Uummatni habashaa tole isin jedhaa?

  3. Isin ala teessanii nutu oromoo bakka bu’a jettanii olii fi gadi nu hunkuruuf murteeffattanii jirtu. Uummatni oromoo ABOn alatti dhageettii kamuu hin qabu.Kan ilmaan oromoo baay’ina miliyoona 40 ol murteessuuf aangoo akkamii qabduu? Uummatni oromiyaa keessaa waan isin marii’attan irratti argamee hirmaateeraa? Kana labsina jettanii marii’attaniittuu?

  4. Dhugaan yoomuu ni injifata.Hooggantoota ABO irraa lola,qeeqa ykn komii kan qabdan tahe ifaan lafa keessanii irratti marii’achuun maaliif hin danda’amnee? Maaliif hinaaffaan guutamtanii qilleensaan oofamtuu? Kanaan ala jala deemtotni wayyaanee ykn ammo kanneen qabsoon isin tufe carraa ilmaan oromootti akka hin taphanne dhaammanna.

  5. Ofii quuftanii ilmaan oromoo garbummaa keessatti hambisuuf hin kaatiinaa! Rabbi isin haa gaafatu! Kaleessa ilmaan oromoo Oromiyaa,alaabaa jechaa wareegamte lafeen ishee isin haa bittinsu.Har’a abdii kutattanii ykn ammo diinaan bixxilamtanii garbummaa keessatti nu hambisuuf oliif gadi kaattu. Oromiyaan ammo biyya.ABOs takkaa mirga sabaa fi sablammoota biyyattii hin tuqne.Isintu tuqeera yoo tahe isinumti of sirreessaa

  6. Namni biyya hin qabne akkamiin bilisa argataa? Oromiyaa Itoophiyaa keessa galchitanii bara baraan dhaloota dhufaa jiru seenaa wallaalsisuun garbummaatti nu hambisuu feetuu?
Barsisaa I.U

Finfinnee

No comments:

Post a Comment