WBO Godinaalee Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Fudhatu cimsuun Injifannoolee Galmeesse

Bitootessa 21, 2013 | Madda Oduu ABO

Humni Addaa WBO Godinaa Bahaa Harargee Lixaa magaalaa Mulluu seeneenuun Waajjira Milishaa Konyaa irratti Tarkaanfii fudhate. Tarkaanfii Bitootessa 5, 2013 halkan keessaa sa'aatii 2tti fudhate kanaanis rasaasa Ummata Oromoo ittiin loluuf kuufame guutummaatti dhuunfate. Akka kanaan AK-47 6 hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AK-47 21,000 (kuma digdamii tokkoo ol) booji'uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoo irra akka oolu taasise. Kana malees gootichi WBO waardiyyoota waajjira milishaa kana eegaa turan Ahmad Gaab-waardiyaa fi Addawwee Jamaa Iiddoo jedhaman booji'ee barsiisaa fi gorsa barbachisu eerga kenneefiin booda gadhiiseera.

Gama biraan mootummaan Wayyaanee ummatoota tahe jedhee walitti buusuun umrii bittaa isaa dheereffatuu akka tooftaatti itti fayyadamuu itti fufuun Bitootessaa 7/2013 ummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuuzii giddutti walitti bu'insa uumeen lubbuu namaa fi qabeenyaa irraan balaa dhaqqabsiisee jira. Waltitti bu'iinsa ummatoota lameen gidduutti uumame kan qindeessee dhalataa Tigree Asaffaa G/Tsiyon tahuun oggaa beelau lola kanaan manni ummataa lamaa fi qabeenyi walakkaa miliyoonaan lakkaa'amu barbadaa'uu ajaji WBO godinaa Baha Wallaggaa hubachiise. Lola Baha Wallaggaa Ona Yaasoo bakka gabaa Ayyaanaa jedhamutti adeemsifame kanaan kan mannii fi qabeenyi isaanii barbadeeffame dhalattoota Oromoo Belaay Mengeshaa fi Waaqjiraa Garbii jedhamanii tahuu ajaji WBO dabalee hubachiise. Lola ummatoota lameen gidduutti qabsiifame kanaanis lammiiwwan Oromoo,1, Hundee Bayyaanaa, 2, Dassaaleenyi Caalii, 3, Alamuu Gammadaa fi 4, Hamsaaluu Nugusee kanneen jedhamaan madaa'uun beekamee jira. Lola shira mootummaa Wayyaaneen ummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kana of irraa faccisuufis ummatni tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu tahuu hubachiise.

Karaa kaaniin Humni addaa WBO Bitootessaa 9/2013 Godina Wallaaggaa Bahaattii tarkaanfii Halleella fudhate. Tarkaanfii kanaanis mooraa waraanaa humna Wayyaanee fi kanneen ummata Gumuz keessaa Wayyaaneen ijaaramanii ummata Oromoo lolan guutummaatti barbadeessuun naannoo irraa fageessee jira. Kanneen tarkaanfiin kun irratti fudhatames kanaan dura lola ummata Oromoo irratti adeemsisaniin kanneen qabeenya ummataa barbadeessanii fi dhalattoota Oromoo 4 madeessan tahuu ajaji WBO hubjabeese. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee Tarkaanfii humna Adda WBO kanaan rifachuun Waraanaa Magaalaa Neqemtee irraa gara Onotaa Wallaggaa Bahaatti bobbaasuuf yaalullee humni addaa WBO Onootaa Giddaa Fi Limmuu gidduutti daandii konkolaataa itti cufuunakka duubatti deebi'u dirqeera. Tarkaanfii humni addaa WBO fudhate kanaanis ummatni gammachuu isaa ibsee falmaa bilisummaa WBOn itti jiruuf qooda lammummaa irraa eegamu gumaachuuf qophii tahuu WBOf ibsee jira.

Bitooteessaa 6/2013 humni addaa WBO kuusaa boba'aa Shell jedhamu qabeenya dabballootaa fi basaasota Wayyaanee Onaa Giddaa magaalaa Guttiin keessaatti argamu irratti tarkaanfii fudhateen guutummaatti barbadeessee jira.

Gama biraan WBOn tarkaanfii Bitootessaa 9/2013 Godina Wallaaggaa Bahaa Ona Haaroo Limmuu fi Ona Yaasoo keessaatti fudhateen dabbalotaa fi basaasota Wayyaanee Ol aanoo lamaa du'aan oggaa adabu sadii madeessee jira. Akka kanaan 1,Daani'el Suyyuum fi Asaaffaa G/Tsiiyoon kan sabaa fi sablamotaa Ollaa Oromiyaa Ummataa Oromoo irraatti dulchiisuuf babbaafamaan oggaa ajjeesu Konkolaataa ittiin sosso'an lakkofsii A.A 05726 tahe gutummatti hojiin ala taasisee jira. Kanneen du'aan adabaman kanneeniin alatti 1, Tayyee Ababee 2, Araarsaa Amsaaluu fi 3, Taddaalee Gabayyoo kaneen jedhamaan haalaan madaa'uu ajaajni humna addaa WBO gabaasee jira.

Kana malees WBOn tarkaanfii diina irratti fudhatu cimsee itti fufe. Bitootessa 14, 2013 galgala sa'a 8:30 Boolee Arrabsi bakka koondominiyeemii Caffee jedhamutti tarkaanfii WBOn humni Risaa fudhateen loltootni diinaa 2 fi lukkeelee Waraana Wayyaanee gargaarsifatuun ummta Oromoo irratti duulan 3 ajjeessee 8 madeesseera. Lolli naannoo kanatti adeemsifamu kan itti fufee jiru oggaa tahu hojiin naannoo kanas guutummaatti dhaabbateera. Waraanni diinaa farra ummata Oromoo tahenaannoo kanatti bobba'es ummata naannoo marsee akka jiru oduun ajaja WBO irraa dabarfame beeksisee jira.

Gama biraan WBO humni Risaa Godinaa Shawaa Kaabaa ona Jiddaa magaalaa Sirxii keessatti Bitootessa 14/03/2013 halkan keessaa sa'a 11:00 tarkaanfii fudhateen poolisii lamaa fi hidhataa magaalaa sanaa Eliyaas Tolchaa jedhamu battalumatti ajjeeseera. Kanneen tarkaanfiin humna WBOn irratti fudhatame kanneen ummata hiraarsuun beekkamanii fi gorsa kennamaafii ture fudhatuu didan tahuu WBOn beeksiseera.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment