WMO (ODF) Qaxxaamura Karaa Irra Jira

Bitootessa 16, 2013

“Mootummaa EPRDF jalatti Biyya Ethiopia jedhamtu, dimokraatessuu fi Feederaalaan bulanii mirga sabootaa bilisa argannaan walabummaan Oromiyaa faayidaa hin qabu” sababa jedhuun ijaarsi tokko maqaa WMO jedhuun biyya alaa keessatti dhalatee hawaasa Oromoo bakkoota adda addaatti haasofsiisaa jiraachuun beekamaa dha. Gaaffii mirga ummata Oromoo kan walabummaa, dimokraatummaa, taadhummaa, bilisummaa fi mirga dinagdee Oromoon falmatu faayidaa ykn firii dhabeessa taasisuun tooftaa Oromoon itti qabsoo gaggeessu dullomaa fi qaroomaa waan hin taaneef malli fi falli haxxummaan guutame biyyatti galanii mootummaa Wayyaanee waliin hojjechuu dha yaadi jedhu bal’inaan Oromoo keessatti haa faca’us malee sabi Oromoo gabrummaa jibba biyyaa bahe yaadaa fi akeeka WMO kana irraa hin fudhanne.

Haala kanaan WMO marii ummata Oromoo alaa waliin taasise fixadhe ammaan booda dhaaba ta’een if labsa jechuun baatii Bitootessa (March) 2013 dhuma itti magaalaa lakkuu MN keessatti teessuma taasisuun if labsuuf deema.

Haalli kun WMO dhaaba akkamii ta’ee as baha inni jedhu Oromoof ifaa ta’uu baatu illee keessa garee WMO keessatti wal falmii fi walii ifii mormuu irraa kan ka’e dhaabichi maal jedhamee akka labsamu bita itti galee jiraachuun keessa isaanii irraa odeessi bahu hima.

Qabxiileen falmisiisoo sadii keessa WMO keessatti dhalachuu irraan kan ka’e yaada kana dura darbanii xumuruuf dandayamnaan yaadota ka’an walitti araarsuuf jecha Obbo Leencoo Lataa gaafa Bitootessa 9,2013 waaree booda magaalaa MN seenanii hanga har’aatti marii ta’een gara tokkotti hin kutiin jiru.

Yaadota falmisiisoo ta’an sadeen:-
  1. WMO gara dhaaba siyaasaa if dandaye tokkotti jijiramee ijaaramuuf maqaan dhaaba haarayaa kanaa akka sabaa fi sablammii Ethiopia hunda haammatutti jecha Ethiopia jedhu if keessaa qabaatee akka yaamamu ykn ammo party hunda hammatu ta’ee akka yaamamu( ijaaramu) kan jedhu namoota garii fi warra akeeka kana wixine irraa madde.

  2. Gareen lammaffaa ammo maqaa haarayaa kan Ethiopia qabu tasa hin fudhannu ammatti maquma ABO jedhuun if labsuutu ummata biratti fudhatama nuu kennisiisa kanaaf ABO SHG dadhabsiisuuf maquma kanaan deemuu keenyatu irra wayya jedhu.

  3. Gareen sadaffaa ammo maqaa ABO jedhuun wagga tokkoof deemnee ummati Oromoo yaada kanaan jeeqamee ABOn bakka sadii,afur fi sanii olitti ijaaramee waan jiruuf “abdii kutanne” jedhee yeroo gumgumuu ka’utti booda irra alternative biraa qabna jennee wagga tokkoo booda dhaaba saboota mara hammatuun gadi bahuu wayya jechaa jiru.
Egaan yaadi armaa olitti dhihaatan kanneen waan dhalataniif yoo ilaalle martnuu rakkoo saba Oromoo hiikuuf osoo hin taane adeemsa siyaasaa ummata Oromoo keessatti gufuu ta’anii qabsoon Oromoo bakka akka hin geenye danqaa ta’uu qofaaf fakkaata. Haala kana gamaagama isaa ummata Oromoofin dhiisa.

Walumaa gala dhaabi dhalatee bahu qabxiilee armaa olitti dhihaatan keessaa tokko waan ta’eef WMO waa murteeffachuuf qaxxaamura karaa irra jira.

Hogganummaa fuula duree fi qabxii falmisiisaa.

Ammatti qindeessaa fi gaggeessan WMO Obbo Leencoo Lataa ta’uun beekamaa dha.Haata’u malee hogganooti waltajjichaa kanneen akka Bayaan Asoobaa fi Leencoo Baatii, ummatatti yeroo himan Obbo Leencoon afeerraa keenyaan dhufan malee WMO warra ijaare keessaa tokko miti, waan ta’eef hogganni hegeree Bayaan Asoobaa ta’ee ramadama kan jedhu dha. Haalli kunis mufattoota WMO jala tiratan biratti soda fi gumgummii kaasuun waan ifatti muldhatu dha.

Obbo Leencoos ta’e Bayaan Asoobaa WMO har’aa fi Dhaaba biro hegeree akkuma jedhan EPRDf itti galanii gaggeessuu fi biyyuma alaa ta’anii ummanni Oromoo fi hawaasi ala jiraatu akka nagaa argatee waliisaa waliin hin jiraanneef ergama diiggaa gaggeessuun isaanii hin beekamne. Waan kanas kan murteessu silaafuu mootummaa Wayyaanee dha. Jarri kun biyya keessa yoo galan irra Oromoo diigu moo biyya alaa keessa ta’aanii yoo hawaasa Oromoo addaan diigan irra Wayyaaneef bu’aa qabaa kan beeku warra isaan hojjechiifatu qofa.

Dabalata Information kanaa itti fufama.

–Yonaa Haile yonaa1@hotmail.com

No comments:

Post a Comment