Cuunfaa Tarkaanfiilee WBO Bitootessaa- Guraandhala bara 2013

Ebla 30, 2013 | Madda Oduu ABO

Irree fi gaachana ummata Oromoo kan tahe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo baatiilee lamaan dabran, jechuun, Bitootessaa fi Ebla keessa kutaa Oromiyaa gara garaa keessatti diina irratti tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufeera. Tarkaanfiilee kanaanis ajajootni fi qondaalotni olaanoon kan keessatti argaman diina irraa kudhanoota heddu hojiin ala yoo godhu meeshaalee waraanaa fi loojistika diinaa guddaas booji’uun qabeenyaa QBO taasiseera, kaampii waraana diinaa tokko barbadeesseera, konkolaataalee dabalatee qabeenyaa diinaa gariis daaraa godheera. Kana malees waytuma tarkaanfiilee kana fudhatu bakkoota garii guyyaataaf toyachuun alaabaa ABO fannisee ummataaf barnoota dammaqiinsaa laateera. WBOn tarkaanfiilee waraanaa kana yoomii fi eessatti akka fudhate itti aanee dhihaata.


Bitootessa 1, bara 2013 - Harargee Dhihaa

Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti magaalaa Mulluu keessatti tarkaanfii haleellaa halkan keessaa saáa 2tti Waajjira Milishaa Wayyaanee magaalattii keessatti argamu irratti fudhate. Tarkaanfii kanaan qawween kilaashinkoov 6 fi rasaasni 20,000 ol tahu, booji’amee qabeenyaa QBO taasifame. Hidhatoonni sirnichaa kanneen waajjiricha eegaa turan kan maqaan isaanii Ahmad Gaab fi Adawwee Jaamaa Iddoo jedhaman waytuma kanatti booji’amanii toyannoo WBO jala oolaniiru.

Bitootessa 2, 2013- Wallagga Bahaa

Humni Addaa WBO Dhiha Oromiyaa keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti basaasa Wayyaanee maqaa investerummaatiin naannicha keessa sosso’ee ilmaan Oromoo hedduu sobaan yakkee ajjeechisaa fi hiisisaa, akkasumas qabeenyaa isaanii maqaa golglaa inversterummaatiin saamaa ture du’aan adabe. Basaasni Wayyaanee Mitikkuu Atsbahaa jedhamu kun onoota Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa keessa deddeebi’uun hojii diinummaa isaa kan raaw’ataa ture yoo tahu, guyyaa eerame kanatti tarkaanfii WBOn naannoo laga Angaritti irratti fudhateen ajjeefamee jira.

Bitootessa 6, 2013- Wallagga Bahaa

Ona Giddaa magaalaa Guutin keessatti WBOn kuusaa boba’aa kan qabeenyummaan isaa dabballoota Wayyaanee Tasfaayee Kabbadaa fi Hurii Alamaayoo jedhamanii tahe irratti tarkaanfii haleellaa fudhachuun barbadeesse. Dabballoonni wayyaanee lamaan kun naannicha keessatti ummata nagaa doorsisuudhaan bahaa fi gala dhorkaa kan turan yoo tahu gochaa isaanii irraa akka of qusatan yeroo adda addaatti gorfamanii waan dhagahuu didaniif tarkaanfiin kun akka irratti fudhatame ajajni WBO godinichaa beeksiseera.

Bitootessa 9, 2013- Wallagga Bahaa

Humni waraana Wayyaanee dhalattoota sablammii Gumuz hidhachiisee Oromoo irratti bobbaasuuf osoo qophii taasisaa jiruu kan irratti dammaqe Humni Addaa WBO guyyaa eerame kanatti tarkaanfii laalessaa humna Wayyaanee irratti fudhate. Tarkaanfii kanaanis kaampii diinni humna isaa fi meeshaalee waraana isaa itti kuuffatee ummata Oromoo rukuchiisuuf qophaawaa jiru guutummaatti barbadeessee jira. Kaampiin kun godoo 28 kan qabu yoo tahu hundumtuu tarkaanfii kanaan barbadeeffamuun mirkanaawee jira. Tarkaanfii kanaan kan rifate humni waraana Wayyaanee ummata irratti haluu bahuuf jecha waraana isaa magaalaa Naqamtee irraa gara naannichaatti bobbaasuuf yaalii godhus hin milkoofne. WBOn onoota Giddaa fi Limmuu gidduutti bakka Abuyyee Koo Batatoo jedhamuttu daandii konkolaataa cufuun akka waraanni diinaa of duuba deebi’u dirqisiisee jira. Ummanni naannoo tarkaanfii WBO kanatti garmalee gammaduudhaan deeggarsa isaa agarsiisaa jiraachuunis beekameera.

Guyyuma eerame kanatti Wallagga Bahaa ona Haroo Limmuu fi naannoo Beenishaangul gidduu bakka Gabaa Ayyaanii jedhamutti Humni Addaa WBO tarkaanfii haleellaa fudhachuun dabballoota Wayyaanee lama du’aan yoo adabu sadi ammoo madeessee jira. Dabballoonni Wayyaanee tarkaanfii kanaan galaafataman Daani’eel Siyyum fi Asaffaa G/Tsiyoon kan jedhaman yoo tahu kan madeeffaman ammo Taayyee Abbabaa, Araarsaa Amsaaluu fi Taaddelee Gabayyoo kan jedhamanii dha. Konkolaataan dabballoonni kun ittiin sosso’aa turan kan lakkoofsi gabatee ishee A.A.05726 taates waytuma kana faayidaan ala godhamteetti. Dabballoonni diinaa kunniin sabaa fi sablammoota ollaa Oromiyaa hidhachiisuudhaan Oromoo irratti duulchisanii yakka hamaa kan raaw’ataa turan tahuun mirkanaayeera.

Bitootessa 14, 2013- Finfinnee

Humni Addaa WBO giddu gala Oromiyaa keessa sosso’u kan maqaa Risaa jedhamuun beekamu guyyaa eerame kana galgala keessaa sa’aa 8:30 irratti Finfinnee keessaa naannoo Boolee bakka Kondominiyeemii Caffee jedhamutti tarkaanfii fudhateen loltuu diinaa lamaa fi lukkee tokko, walumatti 3 yoo ajjeesu 8 ammoo madeessee jira. Sirni Wayyaanee tarkaanfii kanaan rifate waan qabatuu fi gadhiisu wallaalee ummata nagaa goolaa jiraachuun beekameera.

Bitootessa 14, 2013- Shawaa Kaabaa

Guyyaa kanatti godinaa Shawaa Kaabaa ona Jiddaa magaalaa Sirxii keessatti Risaan halkan keessaa saáa 11 irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen miseensota poolisa Wayyaanee lamaa fi hidhataa magaalaa sanii kan tahe nama Eliyaas Tolchaa jedhaman du’aan adabee jira. Jarri kun warra ummata naannoo hiraarsuun beekamuu fi gorsa lammii dhagahuu didanii gochaa hammeenyaatiin itti fufan tahuun mirkanaawee jira.

Bitootessa 25, 2013- Wallagga Bahaa


Wallagga Bahaa ona Saasiggaa bakka Soogee jedhamutti WBOn tarkaanfii fudhateen hidhattoota diinaa ummata naannoo hiraarsuun beekaman lama battalumatti yoo ajjeesu tokko ni madeesse. Hidhattoonni diinaa du’aan adabaman Kaffalee Taaddelee fi Ayyaaleew Abebaaw kan jedhaman yoo tahu, kan madeeffame ammoo Mokonnin kan jedhamu tahuun beekameera.

Ebla 4, 2013- Wallagga Bahaa

Humni Addaa WBO godinaa kana keessa sosso’u tarkaanfii diina irratti fudhatu jabeessee itti fufuun guyyaa eeerame kanatti onoota Haroo Limmuu fi Yaasoo gidduutti bakka Luugoo Booqaa jedhamutti haxxee hidhuudhaan qondaalota waraana Wayyaanee konkolaataa Patrol lakkoofsi gabatee isii Oro-01286 tahe koranii sosso’aa turan haleele. Haleellaa kanaanis diina irraa lama ajjeefamee afur madeeffamuun, akkasumas konkolaataan ittiin deemaa turan tarkaanfii kanaan hojiin ala tahuun beekameera. Qondaalonni waraana Wayyaanee tarkaanfii kanaan ajjeefaman lamaan Damballaash Ataakiltii fi Fissehaa W/Sillaasee kan jedhaman yoo tahu kanneen madeeffaman afran ammo maqaan isaanii yeroof hin beekamne.

Ebla 5, 2013- Harargee Dhihaa

Ona Mi’eessoo naannoo Burii Tumtuu jedhamuun beekamutti WBOn humna diinaa irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen diina irraa 3 ajjeesee 5 madeesse.

Ebla 8, 2013- Harargee Bahaa

Humni Addaa WBO godinaa Harargee Bahaa ona Mayyuu Mulluqqee naannoo Husee jedhamuun beekamutti duula taasiseen magaalaa Huusee Ebla 8 irraa qabee torbaan tokkoof toyannoo isaa jala oolchuudhaan ummata naannootiif barnoota dammaqiinsa siyaasaa laachuu ajajni WBO godinichaa beeksiseera. Tarkaanfiin kun ummata naannoo haalaan gammachiisuun akka isaan daranuu WBO cinaa hiriiran taasiseera.

Ebla 17, 2013- Harargee Dhihaa

Guyyaa kanatti Harargee Dhihaa bakka Gujee ja'amutti Humni Addaa WBO tarkaanfii laalessaa fudhateen diina irraa 7 ajjeesee 5 madeesse. Guyyuma kana ammaas Harargee Dhihaa Ona Mi'eessoo magaalaa Asabootitti lukkee diinaa tahuun kan ummata rakkisaa ture nama Rahamatoo jedhamurratti tarkaanfii fudhateen duáan adabee jira.

Ebla 20, 2013- Wallagga Bahaa

WBOn ona Haroo Limmuu bakka Sugee jedhamutti kan argamu buufata poolisaa 2ffaa Waajjira Poolisa ona sanii irratti haleellaa taasiseen waajjira poolisichaa gartokkee yoo barbadeessu miseensa poolisaa hojii farrummaa irraa deebi’uu dide tokkos akka hamaatti madeesseera. Miseensi Poolisaa Malkaamuu jedhamu kun namoota nagaa qabee sobaan yakkee hiisisuun kan beekamu tahuun mirkanaaweera.

Ebla 21-22, 2013- Shawaa Kaabaa

Guyyoota eeraman kana lamaan keessatti WBOn Shawaa Kaabaa keessa sosso’u tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen qondaalota gurguddoo dabalatee loltoota diinaa 12 ajjeesee kanneen biroo hedduu madeesse. WBOn Ebla 21, 2013 ona Dagam magaalaa Qurquraa keessatti tarkaanfii haleellaa fudhateen loltoota Wayyaanee 7 battalumatti ajjeesee kanneen biroo madeesse. Loltoota ajjeefaman kana keessattis qondaalonni waraana sirnichaa kan keessatti argaman yoo tahu, kanneen keessaas: Ajajaa 50 Siisaay Habtee, Ajajaa Kudhanii Zawgee Warquu, Hayiluu Dassaalany, Geetuu Zawudee fi Afawarqii W/Maariyaam kan jedhaman warra maqaan isaanii beekamee dha.

Haaluma walfakkaatuun WBOn Shawaa Kaabaa keessa sosso’u Ebla 22, 2013 naannoo laga Jamaa bakka Silmii jedhamutti tarkaanfii haleellaa fudhateen Ajajaan dhibaa sirna Wayyaanee maqaan isaa Beqqalee Damissee jedhamu kan keessatti argamu loltoota sirnichaa 4 ajjeesee jira. Ummanni naannoos tarkaanfii WBO kanatti gammaduun deeggarsa waraana isaaf qabu daranuu akka jabeessaa jiru mirkanaaweera.

Ebla 25, 2013- Harargee Dhihaa

WBOn Oromiyaa Bahaa keessa sosso’u haleellaa diina irratti geggeessu itti fufuudhaan gaafa Ebla 25, 2013 naannoo Mulluu fi Mi'eessoo jidduu bakka Ciqirtii jedhamtutti humna diinaa ummata Oromoo hiikkachiisuuf bobbaée argamu haleele. Haleellaa kanaanis diina irraa tokko ajjeesee tokko madeessuudhaan kaayyoo humni diinaa bobba’eef san gufachiisuu ajajni WBO godinichaa hubachiiseera.

Walumaa galatti abdii fi gaachana ummata Oromoo kan tahe Waraanni Bilisummaa Oromoo ammas godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti tarkaanfii humna diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina Oromiyaa irraa haxaawee biyya abbaa isaa walaboomsuuf murannoon sosso’aa jiraachuu Ajajni WBO walii galaa hubachiiseera.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment