“Fira Fakkaatee Risaan Shimbir Nyaatee”

Najiib Zannuu Irraa*

Ambayyoo maaluma teenya tun dubbiinii
Garam deemaa jirti qabsoon teenya tunii
Mee tam qabatanii; tami tan dhiisanii
Dhiiroo mee dubbadhaa nu afaanfaajjeessanii


Waa’een keenyaa kuni nama ajaa’ibsiisa
Haalli deemaa jirus nama gaddisiisa
Kan duraan nuuf duree qabsaawaan kaleessaa
Har’a agarsiise kunoo diinummaasaa
Dhiiroo bolola moo maali hiikkaan isaa?

Qabsaahoonni qabnu kanneen duraan duree
Addaan wal qoqqooduun garaa gara goree
Bakka meeqaantamitti maqaadhaan wal hiree
Duuba mee hawaasni tam dhiisa, tamuma deeggaree?

Qabsoo sabaaf biyyaa nutti kan fakkaate
Tan ammaa tun garuu faallaa sanii taate
Dhimma dhuunfaa tahuu ifatti mul’atte
Duuraan nu fakkaattee gadheen nutti malte
Dubbii mammaaysaan Oromoon dubbattee;
“Fira fakkaatee Risaan Shimbir nyaatee”
Kunoo hubadhu mee dubbiin akkas taatee

Irbuu kalee seenuun manaa itti bahan
Galmaan gahuudhaaf waadaa waliif galan
Arra hoo akkamiin irbuu san dagtan?
Sa duuba qabsoof moo bu’aa jala goran?

Bofa afaa jalaa eenyuutu hubate
Numa keessa taa’uun fira nu godhatee
Har’a yeroo ka’u tooftaa jijjiirratee
Irrat barree jirra Isuma gaafasis kan nu galaafate
Saba koo maal wayya garaan nu gubatee.
Sabboontoonni biyyaa abdiin isin eeggattii
Biyya keessa taa’uun kan duulan diinatti
Meeqaat itti dhabe lubbu-saa takkittii
Kunneen halaalaa ofumaaf wal nyaattii
Silaa sabaaf yaaddee hin qoostu qabsotti.

Waliin wal dhageenyee wal jala hiriiruu
Akkamiin dadhabne kayyoodhaan tokkoomuu
Kan man-tokko jaaru citaa walin-saamuu
Afaan tokko ta’uun maan gurmooyne namuu

Tokkummaa dhabaaf gargar wal fiffillee
Qabsoo laamsheessuun bu’aa ifii malee
Kunoo har’aan tana diinni nutti koflee
Isaan maal haa godhan nuutu waliin gallee.

Nurratti wal jaartee tokkummaadhaan jarri
“Freedom is not Free”!
Akkas tahuu isii kunoo irraa barii
Onnadhuu qabsaawi wal jala hiriirii
Sabaa fi biyya tee bilisummaan furi
Sabaa fi biyya tee bilisummaan furi.

 ========================================================================
Najiib Zannuun: marsimoonaa@hotmail.com

No comments:

Post a Comment