Guyyaa Gootota Oromoo (Oromo Martyrs’ Day) – Ebla 20, 2013 London


Koreen ABO biyya UK ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo (Oromo Martyrs’ Day) Ebla 20, 2013, London keessatti kabajuuf qopheessee jira. Guyyaa kana gootota mirga ilmaan Oromoof jecha lubbuu isaanii kennan, hidhaman, reebaman, biyyaa ariihatamanii fi haala adda addaan wareegama kafalan yaadatna. Akkasumas, kaayyoo isaan wareegamaniif bakkaan gahuuf waadaa keenya haaromsina. Xumura ayyaana kanaa irratti galgala sagantaan bashannanaa ni jira. Kanaaf Oromoon London fi biyya UK naannoo kaan jiraattan akka argamtanii ayyaana ulfaataa kana waliin kabajnu isin afeerra.


Bakka: 10 Manor Gardens, London, N7 6LA
Guyyaa: Ebla 20, 2013
Yeroo (akka UK): 2:00WB (pm) – 6:00WB (pm)

Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti fufa!

IUOf!
Koree Qindeessituu

No comments:

Post a Comment