Ibsa KY-ABO: KAAYYOO OROMOO FAALLEYSUUN HIN DANDAYAMU

Ebla 06, 2013

Gaafiin Oromoo gaafii abbaa biyyummaati malee gaafii mirga lammummaa Tophia kadhachuutii miti. Oromoon wanni qabsaawuuf biyya humnaan weeraramee boortaadhaan irra fudhatamte harkatti deeffachuuf taha. Akeeka kana bikkaan gahuufiis gootota qaqqaalii kumaatamaan lakkaawamaniitu itti waragamee, ammallee itti wareegama jira. Oromoon qabsoo hadhooytuu bara dheeraaf gooteen milkii if duuba deebisuu hin dendeenye baayye galmeesite. Qabsoon Bilisummaatiis sadarkaa amansiisaarra gahuutti jirti. Ar’a waan hamma ammaatti hele jabeeyfatee sadarkaa itti aanutti tarkaafachuutu irrra eeggama malee waggaa afurtama if booda deebi’ee tokkummaa Tophiyaa leellisuun hin barbaachisu.

Qabsoon bilisummaa tuni akkanumaan hin jalqabamne. Mootummaa biyya alagaatu biyya oromoo weeraree qabeenya saa dhuunfatee abbaan biyyaa biyya ofiirratti alagaa tahuu mudate. Dhugaa namuu beeku tana Habashoota oromoon biyya oromiyya ja’amtu hin qabdu, biyyi Oromoo Toophiaadha je’u yoo taate malee, kan bir hin jiru. Warri qabsoon bilisummaa Oromoo isaan hifachiifte, kanneen rakkoon mooraa QBO keessatti akka isaan barbaadanitti furmaata arkachuu dhabde, arra dhaadannoo dulattii warra Habashaa lafaa fuudhatanii isii jalatti oromoota walitti qabuu yo tattaafatan waan nama ajaa’ibsiisuu miti; murni ykn tuutti abdii kutatte wanni hin goone hin jirtu.

Gareen maqaa ADO je’uun as baate tuni haqa Oromoon qabdu isaanii tolutti jijjiiruuf tashannoohaan bobbaate. Jarri kuni Oromoo fi Habashni warra biyya takkaati; Waldiddaan isaan jidduu jirtuus waldiddaa warra biyya takka waliin qabu jidduu jirtuuti jechuuhaan nu amansiisuu kajeelti. Hawwii fi dharraa aangoo habashoota waliin qoodachuuf qaban dhugoomfachuuf jecha haqa ummanni oromoo qabu daboolanii awwaaluun immoo, hin dandayamu.

Ummanni Oromoo eega biiyti saa irra fudhatamteerraa kaasee haqa ofiitiif takkaa qabsoorraa hifatee hin beeku. Ajjeechaan, hidhaafi roorroon isarra geessu murannoo isaa isa keessatti hin masheensine; kaayoo qabsoo isaa isa hindagachiifne; gabrummaa amanfatee ajaja alagaa isa fudhachiisuu hin dandeenye. Kuni kaleessas, ar’as, boruus dhugaadha.

Gareen tuni mulata haarayaan Oromoof qaba jetti. Mul’anni kuni harayaa mitti. Maluma warri Habashaa Oromoota afanfaajeysuuf itti afeeraa turani: “Toophiyaa takka, ummata tokko, eenyummaa takka” kan je’u taha. Akeekni isaatiis Oromoo gabrummaa Habashaa jalatti baraa gadaaf akka jiraatu gochuudha. Mul’anni garee tanaa kan moora QBO gadisiisu ka milikii haga amma QBO arrkatte if booda deebisu, ka moora diinaa ililbeedhaan goosu tahuun shakkiin hin jirtu, Kanaafuu, humnoonni Oromoofi Oromiyaaf anaannataii fi bilisummaa oromiyatiif dhaabbatan martinuu mul’ata kana sirna koleneeffataa Habashaa waliin qilee buusuuf akka bobbohan itti dhaamna.

Akka mala qabsoottis mala haarayaa miti. Jaarmayoonni maqaa Oromootiin Itoophiyaa keessatti jaaramanii mirgoota dimokrasii argachuufi hiree filuufi filamuutis qabaachuun ni dandayama jedhanii qabsaawan, fakeenyaaf: ONC Mararaa Guddinaatiin gegeefamu, WFIDO Bulchaa Dammaqsaatiin gegeefamu maqaa dhawuun ni gaya. Isaan lameenuu ‘mul’ata haaraya’ isiniif garre nun hin jenne. Haa tahu ammoo, hidhaa, ajjeechaafi, biyyaa irra arihamuurraa hin baraaramne.Oromootiin isaan kana duraas habashoota waliin hojacaa turan hireen saan kanuma ture. Habashaan akka hareetti fe’ateetuma, yaroo bakka barbaadan gahan gatanii, ajeessanii , hidhanii cafaqanii bira dabru. Dhugaa tana ta nuti mootoota habashoota irra hubanuu. Hireen warra arra habashootaa waliin dhaabachaa jiraniif, warra bakka warra achii jiruu bu’uu barbaadan hireen saan takkuma.

Akka hubannoo keenyaatti gaafii bilisummaa oromiyaa xurree sirriirraa maysuu ykn dabsuu yoo taate malee, milkiin mootummaa TPLF jalatti oromoodhaaf arkamsiisan hin jirtu. Mul’anni haraan ADO/ODF akkuma kurnee lama dura waraana mooratti galchan sunitti ar’aas moora qabsoo bilisummaa oromoo diiganii bittinnimsuu, sochii bilisummaa fashalsiisuu, mirga hiree murteefannaa ummata oromootiifi kan ummatoota cunqurfamooi hunda meelachiisuu waan toltuun dhuftu hin jirtu. Kuniis waan ummanni Oromoo qaamaa qalbiidhaan fuula itti deeffatee osoo firii qabsoo isaa hemilaalitti hinhafne tarkaanfii itti fudhatu ifatti hubachiifna.

Nuti KR-ABO kaayoon teenya Walabummaa oromiyaatii fi bilisumaa ummata oromooti. Tokkummaan saboota biroo wajjiin qabaatu dhimma erga bilisoome booda fedhiifi murtii ofiitiin irra gayu qofa taha jenna. Dhaadannoo ‘dura bilisummaa; sun booda tokkummaa’ jettuutu sirriidha jenna. Namni gabrummaa jala jiru AMBA tahuu hin dandayu; ambummaan mul’anni haaraan gartu abjuudhaan malee haqaan hin jiraattu.

Koreen Yaroo ABO duumeeysa balaafi gaaga’ama dorrobee ummata Oromoorra bargaafachuuf deemu dhalachuu isaa ummata Oromootiifi warra oromoof anaannatan mara hubachiisuu feena. Haala kana faccisuuf moora QBO jabeessuudhaan qabsoof bobbahuu feesisa. Kanaafuu jaarmayoonni kaayoo bilisummaatti amanan martinuu hatattamaan hiriira tokkotti galanii qabsoof akka bobbohan isaan afeerra.

Akkasumattis ummanni oromoo xurree qabsoof saaqamte keessa tarree galuudhaan humnoota dantaa isaa dhugoomsuuf, oromiyaa bilisoomsuuf bobbahan waliin akka dhaabbatu qabsoo diddaa gabrummaatis akka finiinisu, alaafii keessattis tokkummaa isaa akka jabeeysu dhaammanna.

Oromiyaan ni Bilisoomti!

KY-ABO

No comments:

Post a Comment