Labssa Wal-hubannoo fi Tokkoomuu ABO-SHG fi ABO-KY

Rakkoo dhaaba keenya keeysatti dhalate irraa addaan bahinsi bara 2008 tahe tokkummaa miseensotaa fi qabsawootaa irratti dhiibbaa dabalataa uumee darbe. Rakkoo kana karaa araaraa furuuf yaaliin hedduun godhamu illee itti milkaawuun hin danda’amne. Amajjii 2012 haallii dhalate garuu kaayyoo QBOtti cichaa kan jiran walitti deebi’uu fi humna qabsoo bilisummaa jabeessuun fardii tahuu addeesse. Mooraa QBO keessatti rakkina dhalate furachuun dhaaba keenya dhinsuu fi mooraa qabsoo gabbisuuf hojjachuun dirqama yeroo tahee argame.

Kana bu’ura godhachuun jilli ABO SHG GS ABO fi Koree Yeroo ABO dhaaba keenya cimsuu fi moraa QBO gabbisuuf marii yeroo dheeraaf gaggeefatne, gaaffii araaraa fi tokkomuu ummatni keenya gaafataa jiruuf deebisaa kennuuf wal hubannoo armaan gadii kana irra gahuu keenya yeroo labsinu gammachuun taha.

  1. Kaayoon keenya Oromoo humnna Kiyyummaa/Kolooneefattu Itoophiyaa jalaa basuuf Sagantaa siyaasaa ABO ta walabummaa oromiyaa fii bilisummaa ummata oromoo imamatte fixa baasuun mirga hiree murteeffaannaa ummata Oromoo bakkaan gahuu akka tahetti wal hubanne.

  2. Tooftaa fi tarsimoon hordofnu qabsoo hidhanno, siyaasaa, diplomaasii fi Fincila Diddaa ummataa walitti qindeessuu taha.

  3. Heera fi seera, sirna diimokiraasiitiin utubame dhaaba keenya ABO keessatti dagaagsuun, sirna diimokirasii hujjii irra oolchuu fi dhaaba keenyaaf ittisa barbaachisu gochuuf walii galle.

  4. Rakkoooleen/badiileen fakkaatoon mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti deebi’ee akka hin mul’atne fashalsuu fi yoo mul’ateef furmaata waloo iiti barbaaduuf murteeffanne.

  5.  Mooraa QBO cimsuu, haarayoomsu, waliin tiiysuu fi diina moraa QBO dadhabsuu ykn diiguuf hojjatan hunda waloon dura dhaabbachu.

  6. Jaarmayootiin kaayoo walbumaatti amanan martuu moora QBO jabeesuu fi itichuu irratti akka wajiin dhaabatan gochuu irratti walii gallee.

  7. Oloolota diigaa fi haallan mooraa QBO jeeqan waloon dura dhaabbannee xiyyeeffanoon keenya diina irratti akka tahutti buufanne.

  8. Waltahiinsa kana hojii irra oolchuun hafuura jaallummaa haaromsuu fi caasaa dhaaba wal-fudhachisuuf koreen takko utubamtee sadarkaa hundatti miseensoti akka walitti dhihaatan wal hubannaan kun akka hojii irra oolu fi miseensoti akkataa itti caasaa bakka takkatti deebi’an irratti akka hojjatamu wali-galee jira.
Walii galtee fi waltahiinsi kun dhaabota Oromoo kaan wajjin tattaaffii araara fi tokkomuu godhamaa jiru osoo hin faalleessine kan cimsuu fi fiixa baasuu akka tahutti wal hubannee jirra.

Dhuma irratti Jaarmayoota Oromoo kanneen Bilisummaa Oromiyaatti amanani fi , qabsaawan martu akka mooraa qabsoo gabbisuu fi diina irratti xiiyyeefannu waamicha oromummaa dabarsina.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Shanee Gumii Sabaa ABO fi KY-ABO

Ebla 5, 2013

No comments:

Post a Comment