Lakkii Dhiisaa If Irraa !

Ebla 23, 2013 | Malkaa Caffee Irraa*

Abjuu hin qabatamne waan sheexanaa suufnee,
Dhihaana abdii nyaannee, garaa qullaa quufnee,
Of jalaa bittimsuun waan hanga har’aa kuusne…


“Maaljette?” naan jedhaa! Bor nu gaabbisiisaa,
Waan kun nuuf hin toluu Lakkii if irraa dhiisaa!
Ani balaa isaa malee waa hin arguu firii isaa.

Oromoon dammaqee sabummaan hiriiree,
Deebi’ee hin gowwoomuu sammuu isaa jijjiiree,
Falaasamni fedhes waan hin dabsuu micciiree.

Kun waa ololaa mitii hojiin argaa jirraa,
Mormii xiixaa jirtu deemsa hanga ammaatirraa,
Xumurri isaa hin toluu Lakkii Dhiisaa If Irraa !

Quuqqaa Sabaa caalaa kan mataa ifii ilaallee,
Aariidhaan machoofnee, xiiqiin of wallaallee,
Dantaa Sabaa irratti yoo hammeenya yaalle…
Qaxxaamura hawwuun daandii qabsoo dhiisnee,
Bowwaa hurufa seenee jarjarree itti fiignee,
Galma ormaa ijaarraatti godoo teenya diignee…

Ofittummaan goobdee Sabaaf yaaduun baddee,
Xiiqii fi aarii keessaa ‘Mul’atni Haaraan’ maddee,
Mooraan diinaa ililchee kan lammii yoo gadde…

Mee maaluma arganna gochaa akkanaatirraa?
Eenyuuf tumsa taanee eenyu miidhaa jirraa?
Galgalli isaa hin toluu Lakkii Dhiisaa If Irraa !

=======================================
“Only Free Men/‘People’ Can Negotiate, Prisoners Cannot Inter Into Contract.”  Nelson Mandela

====================================================================
*malkaacaffee@gmail.com

No comments:

Post a Comment