MEETNI NAMA HARKA JIRU DHAGAA FAKKAATA

Ebla 16, 2013 | Malkaa Caffee irraa*

Baatiilee 10 dura (Waxabajjii 2012) barreeffama mata duree “Meetni nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata” jedhu kana oggaan barreessu, adeemsi marii kan amma ‘ADO/ODF’ dhalchuudhaan xumurame kun jalqabamee reefuu gara baatii lamaa gaha ture. Yeroo sanatti namootni ‘Marii’ sana irraa hirmaachaa turanii fi ala taa’anii deggeran kan nuun jechaa turan “Dhimmi rakkinoota QBO waan nu yaachiseef mari’annee waan fala/furmaata irra wayyaa tahuun gadi bahuuf akeekkanne” dha. Namoota adeemsa ‘Marii’ sana ija shakkiitiin ilaalanii mormaa turaniin ammoo wanti dubbatamaa fi barreeffamaa ture faallaa kanaa ture. Anis yaaddoo fi shakkii namoota waan sana mormanii irra guddaa isaa kanin qooddadhu tahu illee, yoo bifa ijaaraa taheen qooda gama keenyaa gumaachuudhaan itti dirmanne tarii sodaa fi yaaddoo ture sana danda’amu hanqisuu, dadhabamu ammoo xiqqeessuu, hin dandeenyuu laata? abdii jedhuunin yeroo sanatti waan kana barreesse.

Adeemsichi guddina isaa kan sadarkaa duraa xumuratee amma boqonnaa biraatti seenee jira. Ulfi gaafas garaa jiru amma dhalatee lafa jira. “Kan dhalate kun waan Farraa ti. Nu balleessuuf dhalate” jedhanii kan sodaatanii fi irraa waywaatan jiru. “Nama gadi hin gatin, midhaan itti gati” jedhamaatii mee bullee ilaalla jedhanii fayyaalummaa fi abdiidhaan yeroo fudhatanii ilaaluu kan filatanis jiru. Adeemsa sana sadoo jireenya dhuunfaa ofiin wal qabsiisanii ilaaluudhaan kan deggeraa fi jajjabeessaa turanii fi itti baha isaa kanas akka ‘Free Ticket’ fi ‘Green Card’ Oromiyaatti nama galchuutti kan herregatanis jiru. Daa’imni dhalate kun qaama guutuu fi lubbuu waliin dhalachuu isaa iyyuu kan hin amaninis guutan.

‘Mul’atni Haaraya’ gadi baaneen jedhamu meerre nama biraatti mul’achaa hin jiru? Garaagarummaan gurguddaan OFC (dhaabota biyya keessatti karaa nagaa qabsoofna jechaa jiran) fi ODF gidduu ni jira jedhamu meerre miseensotuma ODF hedduuttuu mul’achaa hin jiru? Hundaafuu, “Meetni Harkaa Qaban Dhagaa Fakkaataa”n gaafas caalaa har’a namaaf hubatamuu danda’a jedheen amana. Barreeffama kana warri oggas argattanii hin dubbisin (keessattuu miseensotni ODF) akka dubbistaniifin irra deebi’ee maxxanse.

Bilisummaan kadhaa/tolaa yookaan ammoo kan karaa qaxxaamuraa (short cut) argamu inuma hin jirre. Humna jaarmayaa caalaa namoota dhuunfaatti amanuu, abdachuu fi waan ajaa’ibaa ‘Miracle’ irraa eegachuun dogoggora guddaa dha. Hanga ammaatti QBO hoogganee galmaan gahuuf abdiin Ummatni Oromoo qabu tokkichi ABO qofa. Kan ABO caalu nuuf hin dhalatin hin jennu. Garuu hanga ammaatti kan isa caalu hafnaan kan isaan dorgomu illee hin jiru. Kanaaf isa harkaa qabnu haa jabeeffannu. “Meetni Harkaa Qaban Dhagaa Fakkaata” jedha Oromoon!

* Malkaa Caffee: malkaacaffee@gmail.com

No comments:

Post a Comment