OROMOO: Kaleessa Abbaa Qabeenyaa har'a Dafqaan Bulaa Bor Hoo?

Itana Guteta* 
Bara qaroominni dabalaa fi halli hundumtuu teeknoloojii hammayyaatiin guddaatee kessumaattuu uummaatni Afrikaa keessaatti sirni koloneeffamuu dhabbaateera jennuu kessaatti motummaan wayyaanee qaabeenya uummataa jireenya isaanii mo'aachuuf taataffii godhan keessaatti kan ofii isaa godhatee bifa hammaayyaa ta'een sirna koloneessumaa geeggeessaa jira.

Hanga ammaatti uumaatni keenyaa rakkoon siyaasaa fi malaamaltuummaan yeroo dheeraadhaaf kan butuche fi iyyuma keessaa haa jiraatuuyyuu malee jireenya isaa mo'aachuuf harka yeroo itti laatee hin qabu.

yeroo dhiyoo asiitti kan dhaga'aauu garuu fallaa isaa ti . Aduunyaan rakkoo hanqina nyaataa xiqqeessuuf biyyoota garaagaratti waliigaltee ifaa fi bilisaa ta'een abbootii qabeenyaa jajjabeessuun sagantaa hirrina nyaata hanqiisuuf haa diriirsuyyuu malee akkaataan inni biyyaa Itiophiyaa keessaatti ta'aa jiruu haalaa sukkaanneessaa dhaa fi mirga dhala namaa kan sarbuu ta'uun isaa ragooleen addaa addaa ni mirkaaneessuu.

Tooftaan motummaa wayyaanee itti fayyadamee uummataa keenyaa lafa isaarraa dhorkee rakkinaaf bal'aa garaagaraatiif saxilaa jiruu qonnaa booddeeti hafaa keessaa safiisaan baasee garaa qonnaa hammaayyaatti ceesiisuuf jedhee oloolaa haafuun rakkoo kaleessa uumatnii keenya qabuu kan foyyeessee akka hin taanee bara 2009 ti uummaata beelaaf saxilaamee gaargaarsii aduunyaa qaqabuun isaa ragaa yeroo dhiyoo ti.

Akkaa seeraatti abbaan qabeenyaa tokkoo yeroo hojii investmentii geggeessuu ofii isaaf uummaataa isaa keessaa jiruuf tajaajila barbaachiisaa tahee kennuu yoo ta'eeyyuu biyyaa keenyaatti garuu abbaan qabeenyaa kan jechaa jiruu uummata isaa biyyaa isaa fidaatee malee namoota keenyaa kan fayyaaduus barbaaduus akka hin ta'iin mediyaa gaaragara irraa odeeffannoo bal'aa qabdu jedheen abdaadha.

Uumaatni lafa isaarraa buqqaa'uu isaatiif dirqiifamee ajaajamee gadii dhiis jechuun haala haallii isaaf mijaateef eessa akka jiraachuun irra jiruu kan murtessee hin jiru. Yoo bakka jiruu buqqa'ees eessa akka jiraatuu hin beeku. Mirgi dhala namummaa isaa irraa molqamee ,maatii isaa wajjiiin rakkoo ulfaataa dhaaf saxilamee jiraa, uummaatichaaf kan birmaateef dammaqee tokko illee hin jiru.

Harra abbootiin qabeenyaa biyya keenya keessa seenaanii misooma irraatti bobbaa'anii warqee magariisa argannee jechuun lafa aduunya kamiiraayyuu hin argannee saasabbaatanii bu'aa isaarraa argatan deebiisanii gara biyyaa alaatti ergaa jiruu gara fuuladaraattiis qophii guddaa irraatti qabatanii kan jiran erga ta'ee fayiidaan uummaata keenya maal???

Erga lafaa isaanii dhabanii harraaf dafqaa isaaniinuu haa bulaan yoo jennee sodaan koo inni guddaan Yaa Oromoo bor hoo??

Mirga dhala namaaf kan dhabbataa jiruu meerree?? ?? Maaliif callisee ??? jedheen iyyuudhaan dirqamaa lammuummaa koo barreeffama xiqqoo kanan beeksiifaa dha.
========================================================================
*Itana Guteta can be contacted at itanaguteta@gmail.com

No comments:

Post a Comment