Sochii Qeerroo Yuiniversitii Jimmaa Keessaa Harka Qabdu Sababaa Jedhuun Miseensotiin OPDO 3 Hidhaman

Ebla 02, 2013 | Qeerroo Jimmaa

Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa daran jabaachuun itti fufee jira, Mootummaan abbaa Irree Wayyaanees Miseensotaa OPDO baratootaa Oromoo ta’an Sochii warraaqsaa Qeerroon gaggeessaa jiruu keessaa harka qabduu jechuun baratootaa Oromoo yeroo dheeraadhaaf Wayyaanee waliin hojjechaa turan hidhaa jira, Haaluma kanaan Baratootni Oromoo miseensotni OPDO sadii hidhaman

Kanneen miseensummaa OPDO fudhatanii sochii warraaqsaa keessan harka qabdu jedhamanii mana hidhaa wajjiraa poolisii Magaalaa Jimmaa Awweetuutti galan keessaa tokko Barataa Mul’ataa Hirkoo mummee barnotaa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kan keessaatti argama.

Barataa Mul’ataa Hirkoo waggaa 3 guutuu miseensaa OPDO itti gafatama ijaarsaa dhaabaa OPDO kan mummee barnotaa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa ta’uudhaan tajaajilaa kan ture, yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee isiin nu keessaatti caasaa ABO ijaaraa jirtuu, sochii warraaqsaa Qeerroo keessaatti hirmaannaa gochaa jirtuu icciitii dhaaba keenyaa dabarsitanii qeerroof kennaa jirtuu isiin diinaa, FDG keessaatti hirmaatan jechuun mana hidhatti darbatamanii jiraachuu gabafameera.

Dabbaalloonnii Wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa raafamaa guddaa keessaa seenuun guyyaa gaafa Ebla 1/2013 baratootaa Oromoo miseensotaa OPDO ta’aan Walga’ii atattamaa guyyaa keessaa galgala sa’aatii 11:00 irraatti Mana barumsaa Jireen Sadarkaa 2ffaatti waamuun, miseensonnii OPDO baratootni Oromoo walga’ii dabbaalotaa kana irraa qooda fudhaachuu diduun dabbaalotaa fi ergamtuu diinaa qaaneessaan, ergamtootni kun caasaan ABO miseensaa keenyaa keessaa galee jiraa jechuun raafama jiraachuu qeerroon godnichaa gabaase.

No comments:

Post a Comment