WBOn Godina Shawaa Kabaa fi Iluu Abbaa Booraa Keessa Sosso'u Diina Irratti Injifatnoo Argate

Ebla 27, 2013 | Madda Oduu ABO

Irreefii gaacheenni ummata oromoo WBOn goodina Shawaa Kaabaa keessa sosso'u tarkaanfii laaleessaa waraana diinaa irratti fudhateen ajajoota waraanaa dabalatee loltoota 10 hujii ala taatsisee jira..

 Akka kanaan gaafaEbla 21, 2013 humni Risaa WBOn galgala keessaa sa'aatii 8:00 wb irratti lola diina irratti adeemsiseen loltoota waraana diinaa 7 battalumatti yeroo ajjeessu 3 madeessee jira. Kanneen ajjeefaman keessa kan maqaan isaanii argame:

  1. Ajajaa shantamaa(50) Siisaay Habtee,
  2. Ajajaa kudhanii(10) Zawugaa Warquu, 
  3. Hayluu Dassaaleny, 
  4. Geetuu Zawudee, 
  5. Afawarqii W/maariyam jedhamu.
Warra madaawe keessaa 1, Salamoon Tafarraa, 2. Mokonnin Tolchaa kan keessatti argaman tahuu ajaji WBOGodinaa kaaba shawaa hubachiise..

Lolli kun Goodina Shawaa Kaabaa Ona Dagam magaalaa Qurquraa tan jedhamtutti adeemsifamuu kan hubachiise ajaji Godinichaa Ebla 22, 2013 waraana Wayyaanee lola halkan tehe saniif dirmachuu deemu WBO humni Risaa naannoo laga Jamaa bakka Silmii jedhamutti haxxee hidhuun haleelee kan ajajaan 100 keessatti argamu loltoota 5 ajjeesee hedduu madeessuu beeksisee jira. Tarkaanfii gootichi WBO fudhate kanaanis, Ajajaa dhibbaa(100) Baqqalaa Damisee jedhamu ajjeefameera. Loltootni Wayyaanee haxxee kanaan rukutamanii madaa'an hedduu tahuu irraa lakkoobsaan baruun rakksuu kan hubachiise ajaji WBO Godinaa Kaaba Shawaa lola guyyaa kanaan walii gala loltootni 5 ajjeefamanii hedduun madaa'uu mirkaneesse.

Akka ajajni WBO dabalee hubachiiseetti loloota guyyaa lamaa kanaan loltootni Wayyaanee 12 ajjeesamuun hedduun madaawanii jiran. Tarkaanfiin tuni tan ummata keenya gammachiiftee diina rooraafte tahuu ajajni WBO goodina kanaa ifa godhee , sababa kanaaniis ummanni keenya dhiiraa dhalaan xiqqaa guddaan osoo adda hin hafin deeggarsaa fi jaalala WBOf qabu ifatti garsiisuutti dabalee hanga bilisummaatti WBO cinaa kan dhaabbatu tahuu ifatti labsuu hubachiiseera. Tarkaanfiin tuni kan fudhatamte yeroo ayyaana guyyaa gootota Oromoo kabajamaa jirutti, waadaa jaallan wareegamaniif seename hujiin agarsiisuuf tahuu ajajni WBO ibsa kenneen mirkaneessee jira.

Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Mattuu keessaa qotee bultoota ilmaan Oromoo kumootaan qe'ee irraa buqqisuun lafa isaanii investeroota Turkii fi Paakistaanitti gurguratuun galii isaa gabbifatuu irratti qofa kan xiyyeeffate mootumaan Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti mormii fi balaaleeffannaan itti jabaatuu irratti argama. Bakkoota adda addaattis tarkaanfiin fudhatamaa jira. Akka kanaan oomshni shonkoraa Al-Habash jedhamu qabeenuymmaan isaa kan dureeyyota Turkii fi Paaksistan tahe irratti tarkaanfii fudhatameen heektaarri 50 ol hojii ala taasifamee jira. Warshaa sukkaaraa kana irraa mootummaan Wayyaanee dhibbeentaa 40(%40) kan argatu tahuun beekamee jira. Mootummaa fi inveestaroonni tarkaanfii kanaan rifatan ummata naannoo humnaan walitti qabuun qorataa akka jiran hubatamee jira.

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment