WBOn Tarkaanfii Diinaa fi Lukkeelee Diinaa Irratti Fudhatu Cimsee Itti Fufe

Ebla 01, 2013 | Madda Oduu ABO

Bitootessaa 25/2013 godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Sasiggaatti Humni Addaa WBO tarkaanfii fudhateen loltoota Wayyaanee 3 uffata siviilii fatuun ummata basaasuu irratti bobba'an keessaa 2 ajjeesuun tokko madeesse. Basaasota Ona saasiggaa bakka Soogee jedhamutti diinaan bobbaafaman irratti tarkaanfiin kun Bitootessa 25, 2013 irratti fudhatame. Tarkaanfii fudhatame kanaan Kaffaale Taaddalaa fi Ayyale Ababaaw oggaa ajjeefaman Makonnin kan jedhamu ammo haalaan madaa'uu ajanji humna addaa WBO Godina Wallagga bahaa hubachiise.

Karaa biraan Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa magaala Geedoo keessatti basaasaan mootummaa wayyaanee yeroo dheeraaf qabeenyaan wayyaanee cinaa dhaabbachuun ilmaan oromoo ficcisiisaa ture Tafarraa Ingiccuu irratti tarkaanfiin maayii fudhatamee jira. Tafarraa Ingiccuu wayyaanee waliin harka wal keessa naqatuun qabeenya hedduu kan horatee oggaa tahu saamichatti dabalee dalagaa farrummaa ummata Oromoo irratti raawwatuuf kan Wayyaaneen hidhachiifame dha. Tafarraa Ingiccuu bara 1998 wayta Kaabinee magaalaa Ijaajjii turetti ilmaan Oromoo kan hiisisaa ture tahuu irraa gochaa isaa kana irraas akka dhaabbatuuf yeroo baay'ee gorsaa fi dinniinni kennamafi kan ture dha. Haa tahu malee gorsaa fi dinniina kennamaafii turetti fayyadamee of sirreessuu dhabuu irraa tarkaanfiin maayyii kun irratti fudhatameera. Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii fudhatame kanaan baarage ilmaan oromoo magaala Geedoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment