Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo isheetti guyyaan gootota oromoo hordoffii mootummaa wayyaanee jalaa bifa miliqeen Ebla 16/2013 haala ho’aan ayyaaneffatame

Ebla 18, 2013 | Qeerroo Haromaya

Miseensotnii fi deeggartootni qeerroo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee Ebla 15 guyyaa gootota oromoo hordoffii diina jalaa miliquuf Ebla 16/2013 haala hoaan ayyaaneffatanii jiran. Mootummaan garboomfataa wayyaanee Ebla 15 irratti ayyaanni kun akka hin ayyaaneffatamneef basaastotaa fi federaalota ganda keessa gadhiisuun sakattainsa gaggeessaa kan ture yoommuu tahu sabboontotni barattoota oromoo fi jiraattootni naannoo kanaa Ebla 16/2013 walitti dhufuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran. Qophii isaaniif yaadannoo gootawwan wareegamaniif gochuun eegalan. Marii balaa erga gaggeessanii boodas ibsa ejjennoo qabxii toorba of keessaa qabu baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen:

  1. Akeeka gootawwan keenya itti wareegaman bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa ni baana.

  2. Dhaaba keenya dhugaa ABO jalatti hiriirree hiree murteeffannaa uummata keenyaa mirkaneessuuf hanga dhumaatti ni hojjenna.

  3. Gantootaa fi ayyaan laallattootaaf harka hin laannu.Kanneen uummata oromoo dogoggorsuuf sochoanis dura ni dhaabbanna.

  4. Saaminsa

  5. Qaalainsa jireenyaa,hojii dhabdummaa fi malaammaltummaa mootummaa bicuu wayyaanee irraa nu mudate ni morminaqabeenya Oromiyaa,hidhaa fi ajjeechaa ni mormina.

  6. Waraana bilisummaa Oromoo ni deeggarra.Waan qabnu maraan cinaas ni dhaabbanna.
  7. Qotee bulaa,barataa,barsiisaa osoo hin jedhiin ilmaan oromoo marti mirga isaaf akka dhaabbatu gahee keenya ni baana.
Kanneen jedhani dha.Dhuma irratti alaabaa ABO qabachuun waadaa walii seenuun ayyaana guyyaa gootota oromoo diina jalaa bifa miliqaa taheen ayyaaneffatanii jiran.QBO galmaan geessisuufis maallaqa 275.00(dhibba lamaa fi torbaatamii shan) walitti qabatanii jiran.
=========================================================================
*Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Vidiyoon waan jiruuf Qeerroon barruu qofaan baasuuf dirqame)

No comments:

Post a Comment