Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Caamoo jabaate

Caamsaa 17, 2013 | Qeerroo Arbaminc

Diddaan barattootaa mootummaa garboomfataa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Caamoo keessatti barattootni hiriira jabaa bahuun mootummaa Wayyaanee balaaleffatan.

Mootummaan garboomfataa wayyaanee baajata dhimma barnootaaf kaawame irraa looguun dhimma waraanaaf tolchuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irraan darbee nyaata summaaaa fi qulqullina hin qabne dhiyeessuun barattoota fixuuf wayita jirutti irratti dhaqqabamuun diddaan kun taasifamee jira.
Mootummaan garboomfataa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni gaafatan dura dhaabbachuuf federaala hedduumminaan bobbaasuun aara ija gubu itti gadhiisuun barattoota miidhaa fi reebaa kan oole yoommuu tahu diddaan kun daran jabaachuun mooraan Caamoo mooraa waraanaa tahee jira. Mootummaan wayyaanees gamtaan barattootni gaaffii mirgaa kaasuu isaaniitti hedduu kan rifate yoommuu tahu yeroo ammaa basaastota barattoota keessaa:
  1. Barataa Amsaaluu Taakkalaa

  2. Geetachoo Moosisaa
Jedhaman qabachuun barattoota adamsuutti duulee jira.Barattootni kunneen diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf tattaaffii diina waliin gootan irraa hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin hojii keessan madaalu akka isin eeggatu beekaa jechuun qeerroon yuunivarsiiti Arbaminc gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment