Godina Jimmaa Keessatti Mootummaan Wayyaanee Humnaa Waraana Bobbaasuun Daandii Cufee Sakkata’insaa Gaggeessaa Jiraachuun Beekame

Caamsaa 11, 2013 | Qeerroo Jimmaa

Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa Camsaa 12/2013 Godinaa Jimmaa Tulluu Beegiitti sirna ho’aa ta’een kabajamuuf jira. Jal-bultiin Ayyaanaa Irreechaa arfaasaa Caamsaa 11/2013 Malkaa Deeddeettii sa’aa 7:00 irraa kan eegalamu yeroo ta’u Caamsaa 12/2013 ammoo Tulluu Beegiittii guutummaatti sirna ho’aa ta’een kabajamuuf jira.

Ummaannii Oromoo kumaatamattii lakkawwamuus ayyaanaa kana irraatti argamuuf qophii cimaa gochuun walittii dhaammaachaa jirachuun kan beekamu yeroo ta’u,hordoftootnii amantii Waaqeffaannaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sirna kabaja Ayyaanaa Irreechaa kana irraatti ummaannii Oromoo fi Jaalattootni aadaa, safuu fi sabboonummaa Oromoo fi jaalatootni Oromiyaa akka qoodaa fudhataniif waamichaa dabarsuun waraqaalee warraaqsaa fi waamichaa bakkoota hedduutti faca’ee jira.

Haalli kun kanaan osoo jiruu mootummaan abbaa irree Waayyaanee kan aadaa, Afaan, Duudhaan, safuun, amantaa, sabboonummaa fi Oromummaan akka kabajamuu hin barbadnee fi tokkummaa Ummataa Oromoo cabsuun umrii aangoo isaa dheereeffaachuuf tirtiraa jiruu, humna waraanaa isaa bobbaasuun daandiiwwaan konkolaataa godinaa Jimmaa geessaan bakkotaa 4tti jechuun daandii Finfinnee gara Jimmaa geessuu bishaan Gibee irraatti, Keellaa karaa Finfinnee Magaalaa Jimmaatti seensiisu, daandii Baddaallee gara Jimmaattii seensisuu Baddaallee fi Jimmaa Gidduutti fi keellaa konkolaataa karaa lixaa (Baaddaallee) Magaalaa Jimmaattii seensiisuu irraatti konkolaataa dhaabsiisuun uummata nagaa sakkataa’uun uummataa rakkisaa kan jiraan ta’uun gabaafamera.

Gama biraan baratootaa Oromoo mooraawwaan yuunivarsiitii Jiimmaa 4′n barachaa jiran mooraa main Campusy, Mooraa Business fi Economics, Mooraa Qonnaa, Mooraa Saayinsii fi Teekiinoloojii fi Koolleejjii barsiisotaa Jimmaa karraa keessaa baratan yeroo mooraa seenaanii fi bahan humna ol sakkataa’aa jiraachuun hubatamee jira.

No comments:

Post a Comment