Mana barumsaa Geedoo keessatti diddaan jabaachuu irraa kan ka’e barattootni Oromoo 6 Mootummaa Wayyaaneen ukkamfaman

Caamsaa 23, 2013 | Qeerroo Geedoo

Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoon gaafatamaa dhufe daran jabaachuun Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaachaa dhufuun mootummaan garboomfataa Wayyaanee barattoota Oromoo mana hidhaatti guuruun ukkaamsaa jira. Barattootni Oromoo 6 mana barumsaa kana keessaa isin miseensa ABOti, Gaaffiiwwan barattootni Oromoo gamtaan gaafatan isintu qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran.


Barattootni Oromoo:-
  1. Barataa Iyob Mokonnin Barataa kutaa 11ffaa ‘’B’’
  2. Barataa Wandimmuu Diriirsaa Barataa kutaa 12ffaa
  3. Barataa Baacaa Faajjii Barataa kutaa 12ffaa ‘’A’’
  4. Barataa Beekumaa Ajjamaa Barataa kutaa 10ffaa ‘’C’’ dhalootaan Midaaqeny
  5. Barataa Shallamee Giddeelloo Barataa kutaa 12ffaa’’A’’
  6. Barataa Eeebbisaa Fiixumaa Barataa kutaa 9ffaa’’D’’
Kan tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti sababa Oromummaa duwwaan kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu barattootni Oromoo gamtaan gaaffiiwwan mirgaa:
  1. Manneen barnootaa siyaasa irraa bilisa waan taheef ijaarsi miseensota OPDO haa dhaabbatu
  2. Ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti ukkaamsaman haa lakkifaman
  3. Qulqullinni barnootaa ilmaan habashaaf xiyyeeffannoon godhamu nuufis haa tahu
  4. Doorsisni barattoota Oromoo irraa haa dhaabbatu
Kanneen jedhan yoommuu tahan mootummaan Wayyaanee jala deemtota bobbaasuun ilmaan Oromoo jiraattota dabalatee doorsisaa jira.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee magaala Geedoo Inspector Guuttanii fi Hangaasuu Kumalaa jedhaman barattoota mana hidhaatti ukkaamsaa kan jiran yoommuu tahan gocha farrummaa irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon magaala Geedoo gabaasee jira.Ilmaan Oromoo kunneen qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu irra QBOtti makamuun qooda Oromummaa akka bahan waamicha dabarsatanii jiran.

No comments:

Post a Comment