MIIDIYAA BAAYYINA KEENYA IBSU NU BARBAACHISA !!!!!

Caamsaa 04, 2013 | Y.G(2005)

Yaada dhunfaa mata duree kana jalatti katabame, baatii Amajjii bara 2012 jalqaban dhiheesse ture. Hawwiin kun kan Ummata keenya maraati jechuun ni danda’ama. “Biyya keessa oggu turre, waan Ummata keenyaaf tolu hundi harka keenya keessa jiraate, miidiyaa irratti hojjannu dhabna turre. Biyya alaa baanee ammo, bakka waan hundaa argachuu dandeenyu teeny, bakka waa irratti hojjannee ummata guddaa kana dammaqisinu dhabne”.

Har’a garuu Oromoonni gufu jiru hundaa tarkaanfatanii, miidiyaa Ummata kana ibsuun asi ba’uuf daandiin kan eegalame fakkaata. Mee dura, barruu kana dubbisaa. Dhuma irrattis dhaamsa walii dabarsina.


Gabrummaa jalatti waggaa 130 ol dabarsine. Gabrummaa kana of irraa kaasuuf, Ummati waggoota gabrummaa jala ture kana maraa, bifa gara garaan falmataa jiraate. Qabsoo bifa akkasiin gaggeeffamu xumura itti gochuuf, Qabsoon hidhannoo barbaachisaa ta’uun itti amanamee, bifa dhaabaan ega sochiin eegalee, waggaa 40tti hiiqaa jira.

Gabrummaa keessaa ba’uuf, Qabsoo akkamii akka adeemsiifamu fi carraaqiin barbaachisu Ummata ykn Nama waggaa 150 oliif gabrummaan waadametti himuun nama saalfachiisa. Wallaalaa keenya dhiifnee, kan waa dubbisee ykn waa dhaga’ee hubatu qofti, warri gabrummaa jala turan akkaataa keessaa itti ba’an, waan dhaga’an ykn dubbisan ykn daawwatan san, Qabsoo Ummata keenyaafis barbaachiisaadha jedhanii maaliif, dirqamuma lammummaa irraa ka’anii, qooda mataasaanii maaliif akka hin baane naaf hin galu.

Hawaasa Oromoo Biyyoota hanbaa keessa jiran keessaa harka 90 ol, sababaa Siyaasaan kan Biyya keessaa ba’aniidha. Namni Biyya Abbaa isaa irraa haala gaddisiisaan ari’amu ammoo, humna isa ari’e san kaasee Biyyatti deebi’ee qe’e warra isaa irra jiraachuu akka qabu walitti himuun taajjabbii ta’a. har’a beektoota keenya meeqatu Biyya hanbaa jira? dureessa meeqa qabna? Hayyoota rakkoo addunyaa kanaa furu keessatti ga’ee ol aanaa qaban meeqa qabna? Ogeessitoota waldhaansaa, Qonnaa, aadaa, Afaanii, barnootaa, Gaazexessummaa, Waraanaa, Dippolomaatoota, Piroofesaroota haala addunyaa keenyaa furmaata isaa waliin tarrisuu danda’an, kkf meeqaa Biyya alaa keessaa qabna ?

Addatti Namoota siyaasaa warra kaan illee gorsan meeqa qabna ? Ogeessitoota waraanaa addunyaan ajaa’ibsiifattu, saayintistootaa fi piroofesaroota addunyaan, addatti hawaasi Biyya hanbaa dinqisiifatan meeqa qabna? odoo ni lakkoofna jennee yeroonu nu hin ga’u. maarree beektoonni keenya kunniin, haalli Ummati isaanii keessa jiran ni wallaalu jedhee hin yaadu. kan na yaaddessu, maaliif qabsoo Ummatichaa irraa fagaatanii kan namaa dinqisiifataa jiraatu? kan jedhudha.

Kan sirbaanis ta’ee gorsuma beektoota keenyaan dhaga’a guddanne, “kan barateetu Bilisummaa gaafataa. Furmaatas argamsiisaa ” kan jedhu mitii ? Beektoonni keenyas ta’u dureessitoonni keenya amma yoomitti waan maraa irraa of moggeessanii jiraachuu filatan? Addunyaan rakkoo keessaa fi gufuulee meeqaantama keessa dabranii akka milkaa’an osoo beekanii, maaliif kan isaanii irratti dadhabuu fi rakkoo dandamatanii keessa dabruu dadhaban? ?

Maaliif waan qabsoo saba isaaniif gumaacha ol aanaa ta’uu danda’an irratti maaliif hin hirmaatan? waan biraa dhiifnee, itti fayyadama miidiyaa irratti hawaasa keenya isa kaan waliin yoo madaalle waan nu qaanfachiisuu hedduu agarra. Warri kaan namoota muraasa ta’anii Sadarkaa TV banachuu wayita ga’an, keenya garuu waan kaasinu dhabnee of keessatti gubachuu irraa kan hafe waallee jechuu hin dandeenyu.

Addunyaa akka barruu harkaatti of ilaalaa jirtu keesstti, waa’ee Qabsoo fi Ummata keenyaa addunyaatti beeksiisu keessatti miidiyaan bakka ol aanaa qabaachuu osoo beeknu, har’a Ogummaa fi beekumsa keenya, Dinagdee qabnuun walitti qindeessinee waa ummachuu dhadhabuun keenya, yeroo gabrummaa keessa turre waliin yennaa ilaallu nu qaanfachiisa. Warri har’a qabsoo isaaniin injifannoo galmeessisan, umurii hangamiif akka falmatan inuma beekna. Miidiyaa akkamii qabaatanii Ummata isaanii akka dammaqisan inuma beekna. Keenyawoo ?

Humni fi beekumsi Biyya ambaa keessa jigee jiru yoom walitti dhufee, qabsoo saba isaaf gumaacha taasisuu eegala? har’a hundumtu Intarneeta irratti waan itti mul’ate katabuu fi argisiisuun eessaan nama ga’a? isuma iyyuu ta’ee, dhimma keenya addunyaatti dhageesifachuu irra, wal hamachuun kun eessaan nu ga’a? humna tokko dhaabbatanii diina waloo irratti xiyyeeffachuu irra, yaada halagaa bakkaan ga’uu fi mul’achuuf jecha hanga yoomitti kottee halagaa jala eegee raafna ?

Hawaasi Oromoo Biyya alaa keessa jiru, miidiyaa xixiqqaa Ummaticha waliin hin geenye fi humna ga’aa hin qabne, akkasumas, maqaa Ummaticha bal’aa kana hin ibsine moggaafannee amma yoomitti joorree wal joorsina? Maqaa Oromoon ykn Oromomiyaan maaliif TV ogeessitoota keenya bakka jiranii walitti fidne hojjannee miidhaa ummata keenyaa addunyaatti hin baafnu? wayyaaneen sa’’a 24 Ummata keenya irratti shirri karaa midiyaa hojjattu salphaa miti . maarree Ummata keenya haala hammaataa kana keessaa baasuuf kan nu gargaaru Midiyaa TV,RAADIYOO, INTARNEETAA, GAAZEXAA, BARRUULEE JAJJABAA qabaachuu hin dandeenyu? yoo xiqqaate, baduu keenyaan dura, SBO BAL’IFNEE UMMATA KEENYA HOLOLA DIINAAN RAKKACHAA JIRU MAAF HIN BARAARRU ?????

Keessattu yeroo ammaa kana Ummata Oromoo adda diiguuf shirri Dolaara biliyoonaan irratti dhagala’ee gaggeeffamaa jiru kanatti, Ummata keenya dandamachiisuun dirqama oromummaan nu irraa eeggattu mitii? Namoonni bebbeekamoon, Hayyoonni, Namoonni siyaasaa keenya waan kana dhaabuuf humna Dingdee isaan barbaachisu , haala mijeessuu ni dadhabuu ? maalif irratti hin hojjannu? Oromiyaa fi Oromoon haala yaaddeessaa keessa jiraachu hubannee, garaagarummaa jirtu dhiifnee Ummata kana baraaruuf maaliif wal hin tumsinu? wayyaaneen Ummata Biyya keessaa holola ishee umama keenya balleessuu sa’a 24 irratti lallabaa, Biyya alaati miidiyaalee yeroo gaggabaabduuf Ummata bira geessu irratti cufuuf humna qabeenyaa keenyaan maal hojjachaa akka jirtu haalaan daawwachaa jirra miti? falli isaas maal akka ta’e ifatti odoo beekamuu, Umurii keenya guutu Biyya faranji keessatti fixinee dabruu feena yoo ta’e, qalbiin nu hiri’achu nutti mul’isa. Mee jarana kana irratti haa hojjannu. deeggarsa barbaachisu taasisuuf of haa kenninu .

Mee ilaalaa yaa firaa, Humna namaa fi beekumsa akkasumas Dinagdee biyya alaa qabnu, yaada kanaaf murteessaa ta’anis, bara wayyaane kana qofa, Gaazexessitoonni TV itoophiyaa, TV Oromiyaa, Raadiyoo Itoophiyaa, Raadiyoo Oromiyaa, meeshaalee sab-quunnamtii wajjiraalee gara garaa irra hojjataa turaniifi Gaazexaa dhufaa hojjachaa turan 200 ol Biyya alaa keessa jirra. Ogummaa kanaan dhimma ummata keenyaa hojjachaa kan jirru seenaan haa ibsuuti, bakkuma jiraannu teenye teekinolojii Addunya kanaan waliif dabarsinee waa hedduu hojjachuun ni danda’amaa haa tattaffanu. nuuti eenyun illee gadi miti. Xiiqii dhabuu keenyaan garuu eenyun illee gadidha. Amma yoomitti Umata keenyaa Biyya keessaa qabeenyaa fi qe’ee isaa saamamee addaggeen ari’atamu simataa jiraanna? amma yoomitti ????????????? caccabuu odoo hin taanee, humna waliif ta’uutu, shira wayyaanee dhaabuu danda’a.

Kun qabiyyee barreeffama waggaa tokko duraati. Har’a, miidiyaa Qooqa Afaan Oromoon hojjatan kan Biyya keessaa harka meeqaan dabaluus, hanga Ummatichi karaa barbaaduun hin hojjannetti gaaffii jala galchinee dhisnus, Biyyoota alaatii garuu Teekinolojii hammayyaa kanatti dhimma ba’uun hojiileen hojjatamaa jiran, hegaree Oromoo kan bareechan ta’uun nama hin shakkisiisu. Har’a weeb-saayitiin adda addaa ,sagalee Ummatichaa ta’anii hojjachaa jiran, bu’aan Ummata isaaniif buusaa jiran, akka salphaatti kan ilaalamu miti. Marsaaleen Intarneetaa, barruu maxxansuu, Raadiyoo intarneetaa fi TV banuun Ummatummaa isaanii ifatti mul’isaa jiraachuu argaa jirra.

Ilmaan Oromoo muratoo jireenyi Biyyi alaa qalbii isaan hin mo’iin, waan argatan irraa walitti fidanii fi kan qalbii qabu isaan gargaareen sochii isaan taasisaa jiran, Gootummaa yoo isaan goonfachiise malee, waan harkatti har’a argatan jiraachuu hin danda’u. kaayyoon isaanis kanuma natti fakkaata.

Har’a Namoonni sochii akkasii irra jiran, miidiyaa Qabsoo Ummatichaa gitu utubuuf karaa cirachaa jiraachuu fi Ummati Oromoo bakka jiru hamilee kennaafii jiraachuu argaas ta’u dhaga’aa jirra. Qabxiin kaafame kun waan salphaa miti. Ummata kanaaf bu’aan qabaatus ol aanaadha. Waan kana caalaatti jabeessanii humna argachuuf, qabsoon kun gama tokkotti luuca’uuf akkuma tattaafatamaa jiru, miidiyaan akka dhuunfaatti sabboonummaan eegalamee jiru akkaataa asi keessatti hammatamu danda’an yoo itti yaadame, waan hundaaf dansaadha jedheen yaada. keessattu humna namaa fi Dinagdeef bu’aa ol aanaa qabaata jedheen yaada.

Jaallannus jibbinuus Qabsoon Oromoo jabaachaa deemuun waan hin hafne. Kun diinaaf sadaa guddaa ta’uu gamanumaa hubachuun barbaachisaadha. Diina qofaa odoo hin taane kanneen tokkummaa Oromoo hin fedhiin, Dachee Oromoo keessatti guddatanii qooqicha waan beekaniif qofaa , dhaaba Oromoo fakkeessanii ijaaru irra warra ga’ee irraallee of eeggachUUN barbaachisa. kana irratti dhalli Oromoo bakka jiru maraa socha’ee kaayyoo ka’ameef kana milkeessuu barbaachisa. Waan jiru bilcheessnii yoo lafaa ka’an, hanga firiin argamutti namni nama dhaabuu danda’u hin jiraatu.

Kanaan alatti akka yaada kiyyatti, waan kaleessaa irraa yoo barachuun nu irra jiraate, waan miidhamnee fi diinni karaa irra deemu qabnu akka nuuf hin qopheessine hubachuu nu barbaachisa.Boruu miidiyaa hedduu qabaachuu dandeenya. Garuu hundinuu Dantaa Oromoo fi Oromiyaa irratti walii galuu ykn bu’ura taasifachuu qaba. Baayyachuun miidiyaalee keenyaa deebisanii nu miidhu hin qaban. Waan galiin wal fakkaatuu bakka gara garaa irraa dhaga’u irra bakka tokko dhaga’uutu dansaadha. Hanga TV fi Raadiyoo baayyisaa deemnu, yaadaa fi ilaalchis akkasuma yoo baayyataa deeme, humna keenya facaasa. Kanaaf, miidiyaa Ummata keenya ykn qabsoo keenya gitu dhaabuun hojii namoota hundaa ta’uu qaba. Addunyaatti humna ta’anii mul’achuun barbaachisaadha. Kana hojiin mul’isuuf ammo waan Ummata keenya mul’isu, bakka jirru fi dhuunfaa irraa yoo eegalle bakka yaanne ni geenya. Miidiyaalee Hawaasummaa fi siyaasaa bakka maraa dhaga’a jirru kun hundi madda tokko ummachuuf socha’uutu, diinaan dafanii kufu irraa isaan dhaabu danda’a jedheen amana. Gama kanaan warra Ayyaantuun sochiin eegalame caalaatti bal’isanii, tarkaanfii diinaa fi fira fakkaattotaa jalaa akkaataa itti milqan ganamumaa itti yaannaan, waan isaan yaadan hundi milkaa’uun waan hin hafneedha. Kun Miidiyaa Qabsoo Oromootii waliin Yaa hiriirrun jedha. Yaada eebbifamaa. OFKALAAA !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment