Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc dhimma QBO irratti marii gaggeessuun ibsa ejjennoo lafa kaawatan

Caamsaa 23, 2013 | Qeerroo

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Yuuniversitii Arbaaminc

Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee daran Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii erga gaggeessanii ibsawwan ejjennoo baasatanii jiran. Dura dhaabbannaa murna ODF jedhee of wixineefis mata duree nuti Sagantaa siyaasaa dhaabaatti malee nama dhuunfaatti miti mata duree jedhuun marii gaggeessanii ibsa ejjennoo armaa gadii baafatan.

Ibsa Ejjennoo:-
  1. Dhaabbileen oromooo maqaa qabsootiin tuqaman hundi bakka tokotti deebiuun qabsoo tokkumman ijaramte finiinsuun isii duraati.

  2. Adda baee argame taanaa walceephau dhiisanii marii balaa qopheessuun akka ufceephaan gochuun barbaachisaadha karaa salphaa dogongorarra nama deebisu waan taeef.

  3. Walitti dhufeenya dhabaa kanbiyya keessaa,kanbiyyalaa akkasuma sabboontota bosona keesssa jiranii,qote bultoota,barattoota, barsiistotaafi hojjettoota keessajiraniicimsuufi jajjabeessuun fincila diddaagabrummaa yeroo yerotti gaggeessuu.

  4. Lukeefi basaastota diinaa irratti yerooyerotti tarkaanfii fudhachuun hojii ishee gufacchiisuu.

  5. Hidhamtoota sabboontota karchallee diinaa jala jiran gaafachuun jajjabeessuufi maatii isaaniif gargaarsa barbaachisa tae kamiinuu bira dhaabbachuu; ollaafi namoonni iddo dhiyoo jiran yeroo yerotti akka jajjabeessan hubachiisuu.

  6. Bilisumman dhiigafi afan qaweetiin ala dhufu wanta hinjirreef kana beekaniidimokraasiin kan argamu bilisummaa booda tauu beekanii tokkumman qabsoo hidhannoo jajja beessuu, asirratti fakkeenya kaasuu yoo barbaanne mootummaan wayyaaneee ummata ithoopia kan somaletti fitaa ture sirna dimookriisii kan fidu afaan qawwee asuma jararraayuu hubachhuu dandeenya.

  7. Miseesota baayifachuufi kan jiran jajjabeessuun mare biyyaa yeroo yerotti biyya keessaafii biyyan alattis haala mijeessuun gaggeessuu, qabsaaota biyya keessajiranis yaadaan bilcheessufi infoormeeshina gaaa akka argatan gochuu.

  8. Ummannis taeedhaabni dimokrasii biyya keessajiru hubatee jira waldiiganii maqa dimokraasiitiin biyyatti deebiuun abdii ummanni dhaabarraa qabu laaffisuufi qabsoofi dhiiga ilmaan oromoo bishan itti naquu wantaee; ilmaan oromootii bilisummaa ykn furmata walabumma tauu akka hindandeenye hubachuun barbaachisaadha. Kun ammo qabsoo orommo baayee kanduubatti deebisuudha. Kun oromof qabsaauu osoo hintaa oromorratti qabsaauu waanteef kana dhiisanii tokkummaa ijaaranii qabsoo finiinsuun furmaata guddadha.

  9. Biyya kam keessattuu bilisummaan adduunnyaan baatte qaetti namaa fiddu hinjirtu, qabsaa.aan nikufa qabsoon itti fufa.qabsaaaniimulisanii bakka harki qalattettti adduny aa gaafatan malee addunnyaan nuwaaji dhaabadhaa jechuu guutumatti hinjiru. Yoo abbaan ibidda bue firri daaraa namaa bua jedhamii ree oromoon yeroo mammaaku.

  10. Dhaaba qabsaauudhiisuun qabsoo ofii dhiiga ofii oromiyaadhaaf,oromoodhaaf gumaachuun qabsoo harka shantamaa gara duraatti oofa ,nuti kan amannu kaayyoo dhaabatti malee dhuunfatti waanhintaaneef,dhabni ummata oromootiif furmaata keenu yoojirate ABOakka tae amannee deemuu qabna kanaafuudimokraasiin kandhufu walqixxxummaan sabaafi sablammootaaa kan dhufu bilisummaa dhiiga qabsootiin dhufte booda tauu hubannee qabsoo teenna finiinsuuu

  11. Rakkoon kara hoji dhabdummaatiinjiru kan ilaallatu dhimmasiyaasa akka tae ummata hubachiisuu akka ummanni abbootii dhimmaa faana dhaabbatee sagalee isaaa yeroo yeroo yerotti dhageessisu kakaasuu. Kun ammootuu lafaakaeeti miti kanjedhame sagantaa gandaa gandaarra jalqabee hanga sadarkaa paarlamaa namoonni dhaaba bakka buanii gaggeessa jiran namoota sadrkaa barnootaatiinis taee sadarkaa hawaasaaf waan gaarii yaaduuti dadhaboo taan tauu kan ummanni hundi hubatee. Sababni isaa namni wahaasaaf waangaarii gaafii gaarii gaafachhuu waan hindhiifneef, namtichi gaafa hawaasa fayyaddu gaafate ammo akka ilaacha adda qabuutti waan ilaallamuuf keessa jiraatee gaggeessuu waan hindandeenyeefi.
Injifannoo uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment