Radio Aadda Demokiratawaa Oromoo (ADO)

Radio Bilisummaa Oromoo (RBO) jedhamee kan moggaafame Radion Aadda Dimokiratawaa Oromoo harra Caamsaa 15 bara 2013 irraa jalqabee qilleensarra ooluuf jira.



Radion Bilisummaa Oromoo(RBO)n Aadda Demokiratawaa Oromoon qophaawee ammaaf torbanitti guyyaa tokko, guyyaa Roobii sa’a tokkoof afaan Oromoon tamsaasa isaa jalqabuuf jiru RBOn, hawaasa Oromoo adunyaa guutuu keessa jiraataniif sagantaa isaa dhiheessa. Radio n Bilisummaa Oromoo sagantaa isaa kana keessatti sochii Addi Demoikraatawaa Oromoo gaggeessuu fi walii gala qabsoo sabani Oromoo mirga isaa deeffachuuf taasisu irratti kan xiyyaafatu yoo ta’u, itti dabalees, aadaa, seenaa fi ogbarruu Oromoo irratti gad fageenyaan hojjeta. Tamsaasi Raadiyoo Bilisummaa Oromoo ammaaf kara marsaa interneetii Aadda Demokiraatawaa Oromoo http://oromodemocraticfront.org/ yaaliif jalqabee jiru kun fuula durattis dhaggeeffattoota isaa Oromiyaa fi biyya Ethiopia keessa jiraaniif afaan adda addaan kalaltiin dabarsuuf irratti hojjechaa jira. Kanaafuu dhaggeeffattootni keenya hundi yaada, qeeqaa fi gaaffii qaban hunda kara marsaa ADO oromodemocraticfront@gmail.com akka nuuf erganii fi irraa qooda fudhatan kabajaan afeerra.

Kun beeksisa gabaabaa Radio Bilisummaa Oromoo dhaahessuuf dhihaatee dha.

Caamsaa 15, bara 2013

ADO

No comments:

Post a Comment