Seenaa kaleessaa odeessaa kallattii dhugaa dabsuun gatatuu (obbaatii ta’uu) dha

Caamsa 02, 2013 | Boonsaa Irraa-Oromiyaa irraa

Hayyee! Attam jirtu? Barreeffama kana yoo dheerate iyyuu haala mijateen gurra sabaan nuuf gahaa!

Seenaan saba tokkoo dhugaa irratti hundaa’e yoom iyyuu hin badu. Diinni hagam yoo seenaa soba barreesse iyyuu dhugaa haquu fi soba irra dibuun dhugaa balleessuu fi awwaaluu tasumaa hin danda’u. Dhugaan yoo awwaalame illee awwaala diinni ittiin isa awwaale foqolchee ifaatti ni baha. Abbaan dhugaa ni turti, ni bulti malee injifannoon kanuma isaa ti.

Addunyaa kana keessatti seenaa isaa fi biyya isaa qofa otoo hin taane maalummaa isaa akka of-haaluuf (ganuuf) cubbuu fi bittaan garbummaa kan irratti raawwatame kan akka saba Oromoo hin jiru. Tarii sabni Israa’eel jira jettu ta’a. Isaan kan bitaman biyya isaanii fi lafa isaanii irratti otoo hin ta’iin biyya Misiritti dha. Kan Oromoo garuu kan adda isa godhu qe’ee fi lafuma isaa irratti waan bara dheeraaf garboomeef adda isa taasisa. Karaa biraa immoo sabni keenya,oromoon bay’ina uummataa fi dachee bal’aa yoo qabaate iyyuu gara laafummaa fi dagattummaa isaa irraa kan ka’een gurraachi akka isaa, Habashaan haxxummaadhaan lafa isaa dhaalee isa garboomsee, itti hiiqee fira fakkaatee maxxanuudhaan hanga har’aatti garboomsee isa bitaa jira. Kunis akka waan gaariitti odeeffamee har’as itti fufee jira.

Habashaan Qomootiin yoo danda’e humnaan, yoo dadhabe sossobuudhaan maqaa waaqaatti kakatanii isa ganu. Seenaa akkasii kana kan dhugaa nuuf bahu jaarraa kudha saddettaffaa keessa Horro irratti kan Goojjamoonni Mootii isaanii Takilahaymanotiin mottii Horroo kan ture Abiishee Garbaa irratti raawwatan ni dhugoomsa. Bara sanas Oromoodhuma keessaa nama Qadiidaa Wannabee jeedhamu ofitti qabuun ergatteetu Abishee Garbaa Hurrubaa gantee qabame. Oromoon ni cabe, Cittuu Kokor irratti beellamni halagaa waliin Abisheen sossobamee nagaaf dhaqe achi ennaa gahu”gabbir, gabbir”mallattoo jedhuun dibbeen Waaqayyoof rukutama fakkaatu, akka Habiishee qabanii booji’amu itti fayyadamuu isaanii abbootiin keenya nutti himanii darbaniiru. Guyyaa sanatti Oromoon kuma afur caalan Cittuu kokor, Homii bakka jedhamutti dhumuu isaanii abbootiin keenya dhugaadhaan seenessaniiru. Hanga bara dhiyoo asitti lafeen mataa namaa achi keessa akka jiru ni beekama. Kana irraa kan ka’een akka Habashaan gantuu ta’anii fi yoom illee, hangam illee yoo kakatan akka isaan hin amanne abbootiin keenya bareechanii nu gorsanii darbaniiru. Nutis ammas kan argaa jirru kanuma dha. Habashaan tooftaan isaan ittiin oromoo garboomsanii bitan kallattii biraan yoo isaaniif milkaa’uu baate kallattii biraan biyya alaatti (Ambaa) hirkatanii meeshaa kadhachuun Oromoo cabsu. Akka seenaan ibsutti kaleessa biyya akka Inglizifaa, ammas kan akka Chaayinaa fi Amarikaatti hirkatanii ittiin nu garboomsanii nu bitaa jiru. Boruufis aangoo isaani jabeeffachaa jiru. Dhugaa keenya uukkaamsuun olola nu irratti ofaa jiru. Maalummaa keenyaf akka hin dubbatneef labsii du’aa nu irratti labsanii biyyaa fi biyya alatti nu adamsanii nu ajjeesaa fi hidhaatti ilmaan Oromoo guuraa jiru.Imammatni bittaa garbummaa kun kaleessa akkuma bara Toodiroos (Dhalaan kan boojitee isa ajjeefte), Minilikfaa (Garbicha Qurcii Amaaraa),Yohaannisfaa (Tigree biyyaa fi seenaa kan hin qabne, bakka dhufte kan hin beekamne) seenaa sobaa fi kijibaa barreeffatanii biyya Ittophiyaa isaan hin ilaallatne itti of-moggaasuun har’as akkuma durii seenaa kijibaa fi sobaa ololuun daandii bittaa isaanii otoo hin jijjiriin kallattuma sanaan ammayyeeffatanii jajjabeesuun nu bitaa jiru.
  1. Kaleessaa “nagaan waliin jiraanna “ jechuun akkuma mootiin Gojjam takilaaymaanot haxxummaan Qadiidaa wannabee Abiishee Garbaatti erguun kokoritti ganee qabee gojjamitti booji’ee Horroon cabsee,

  2. Minilik immoo Ejeree Cangareetiin Shawaatti halkan huccuu dubartii uffatee dubartii fakkaate mana Ejereetti ol-galee booda miilla Ejereetti kufee ana hin tuqiin, si hin tuqu, maaloo loltee ana hin qaanesiin “jedhee galee booda isa ganee lolee cabse har’as “waliin jiraannna, sirna diimookraasii ijjaarra, Itoophiyummaatti jiraanna” jechuun Lafa Oromoo hanga biyyoota Ambaatti kan isaan irraa hfe gurgurachaa,Oromoo Oromoo irratti ijaaruun wal yakkisiisuun mana hidhaatti guuraa, biyya keessaa baasaa,fi akka barumaan garboomee jiraatu gochaa jiru.Har’a dhalootni oromoo hundi seena abbaa fi akaakilee isaa sirritti hin beeku. Kana iraa kan ka’een Habashaan yoo”Afaan Oromoo yoo dubbatte si ga’a, Itoophiyaan tokkichuma, seenaan biraa hin jiru,ati adda miti”jedhan dhaloota “tole” jedhee fudhatee waa’ee birmadummaa Oromoo fi biyyi Oromiyaa qofaatti jirachuu ishee kan isa hin quqquuqne isa/ishee hin dhukkubsine hedduutu jira.kunis kan irraa madde,

  3. Seenaan garbummaa waan nu irra dheeratee fi akkauma eebbaatti waan simanneefi dha. Kuni hadooddaa fi raateffamuu jabaa halagaan nu irratti raawwatee fi waan nu jiilcheefi dha.
  4. Kallattii biraan immoo, otuma beekanii kan abdii kutatanitu jiru.seenaa qofaa odeessu. Ulee halagaatiin waan eelaniif lamuu dubbachuu hin barbaadani.Yoo danda’ame halagaatti hirkatanii jalagalanii fakkeessanii jiraachuu ykn akkasumatti du’uu filatu. Warri akkasii kuni yaroo ammaa kana maqaa biroo moggaafatanii kaleessa ganamfatanii kan ka’aniifii kaayyoo isaaniifi galma isaanii jijjiruun halagaa jala gugguufuuf kan of qopheessaa jiran "ADO" ykn "ODF" jechuun of mogaasanifaa ti. Isaan kuni gantoota seenaa ti. Maqaa mogaafatan illee sirritti hin beekani. "ODF" jechuun sayinsiidhaan ennaa hiikamu "Open Deficaton Free"jechuu dha. Kanuma illee bitaa fi mirga otoo hin ilaallatiin maqaa saba saanii maqaa Udaaniitti waara moggaasanii orma nutti kofalchiisani dha. Jarreen kuni waarra qabsoon bitaa isaanitti galee dullomani dha. Maqaaf doktora jedhamu malee kijee mandaraa bunaa ta’aniiru. Abdii warra kutate waan ta’aniifjareen kana irraa of-eeguun ni barbaachisa. Isaan waliin ooluun, oduu isaanii dhaggeeffachuun nama hadoocha. Sodaa namatti naqa. Haamilee sabboontummaa cabsa. Kanaaf waarra "ODF" ykn "ADO" irraa yaroo ammaa fagaachuun barbaachisa. Isaan waa’ee mataa isaanii fi saba isaanii dhiisanii waa’ee garboomsitootaa fi gantootaa gaarummaa isaanii fi daandii bittaa isaanii akka siirrii ta’e kan labsanii fi kan of- ganani dha.
  5. Warra waa hin beeknee fi ergaa halagaa bakkaan gahuuf fiigani dha.Isaan kun maalummaa isaanii fi kan saba isaanii seenaa dhugaa hin beekani. Kanuma isaanitti halagaan odeessetu dhugaa itti fakkaata. Seenaa akaakayyuu isaanii fi akaakilee isaanii dhugaan itti himan iyyuu waan halagaan jallisee isaanitti himeef dhugaa gananiiru. Ofis gananiiru,biyyaa fi lammii isaanii dantaaf gurguruun akka cubbuu fi yakka ta’e hin beekani.
  6. Warri walmakoonis ni jiru. Isaan kuni “kan haadha koo fuudhe abbaa koo ti” warra jedhani dha. Garuma ho’etti goru.Obboleessa isaanii irra ejjetanii warra darbanii dantaaf fiiguuf jedhani dha.
  7. Michoota halagaa. Oromotni akkasii kan halagaatti firoomanii mataa isaanii fi biyya isanii irra halagaa caalsifatani dha.Kan halagaan jedhee fi itti himetu dhugaa itti fakkaata. Booda garuu ganamanii ennaa boo’an ni argamu. Seenaa akkasii kan qaban keessaa kan akka Soorii Gelaafaa ti. Erga darbee gaabbanii kan boo’ani dha.
Armaan olitti amaloota saba halagaa jalatti bara dheeraaf bitaman kan akka Oromoo irratti calaqisan keessaa hanga tokko dha malee kan Oromoo qofaa miti.

Kan garbummaa Oromoo addaa isa taasisu inni lammaffaan saba bay’inattis ta’e gootummaatti kan isa hin caalle jalatti waggaa dhibbaatamaan lakka’amuuf bitamuu isaa ti.Oromoon ukkamamee garbummaa tooftaa hidda gadi fageeffateen waan bitaamaa jiruuf biyyi Addununyaa illee gurra ittiin nu dhageessu hin qabdu. Oromoon yoo du’e, biyyaa isaatii ari’ame, yoo hidhaatti guurame, lafaa fi qe’ee isaa irraa yoo buqqifame iyyatni isaa hin dhaga’mne. Biyyootni addunyaa kanaa gudatneerra jechuun “Mirga ilmaan namaaf falmina” jedhan kan akka Amerikaafaa, Auroppaafaa—mirga Saree fi Sinbirroof ennaa iyyan duutii fi hidhamuun Oromoo isaan hin dinqu.Otuma beekanii fi arganii callisuun bira darbaa jiru. Jal’ee Dawd Ibsaa yaroo tokko kan dubbatan nan yaadadhe "Halaagaan gurra itti nu dhaga’u nutu uuma" akkuma jedhan ilmaan Oromoo kana gochuun dirqamaa fi kutannoodhaan Oromoon tokkummaan irratti hojjechuu qabna. Kun cubbuu fi kan nama qaanessu miti. Qaaniif Oromoon kan qaana’uu qabnu garbummaa keessatti jiraachuu keenya qaana’uutu nuuf mala. Du’uun kan hin oolleef maqaa fi seenaa salphinaa gonfatanii du’utu nama qaanessa. Kana irraa bilisa ta’uuf immoo Oromoon hundi kallattii biraa eeguu fi dhaggeeffachuu isaa irra gahoo fi dirqama dhaloota bahuun isa irra jira. Nama komachuu irra ani maalan gumaache jechuu qabna. Qabsoo keessatti ani dandeettii fi gahoon ani raawwadhu isa kami jechuun of haa gaafannu.

Haalli barreeffama kanaa akkan barreessu ana kakaase waanan haala brreessuu sirritti wanan beekuuf miti. Ani ogeessa kanas miti. Kan jallate sirreeffachhun dhugaa keessa jirtu kan sifeeffatu abbaa waa’een Oromoo ana galcha, anis nan gumaacha, Bilisummaa dheebochaan jira, garaan kiyya ana gubaa jirti kan jedhu qofaafidha.

Kan ana kakaase keessa tokko garuu, guyyaa 23/07/2005 ALH, guyyaa kabaja “TB” Addunyaa (Yealem TB qan) jedhamu magaala Adamaatti akka “Oromiyaa” jedhnitti kabaja gaggeeffame gaggeeffame irratti Qorannoo fi Qo’annoo mana Hidhaa wayyaanee hidhamtoota irratti gaggeeffame fi haala mana hidhaa magaala Adaamaa akka do’annee arginetu ana ajaa’ibsiise. Qorannoon gaggeeffame kuni akka ibsutti manneen hidhaa beekamoon Oromiyaa keessa jiran gurguddoon (Wahinibet) 36 tu jiru. Tokko tokkoo issnii keessatti giddugaleessan hidhamtoota Oromoo 2,000 (kuma lama ) akka jiran qoranichi ni ibsa.Walumaa galatti 2000X36=72,000 (Kuma torbatamii lama) kan ta’an dargaggeessii fi dargaggeettiin Oromoo umuriin isaanii waggaa 15-45 bay’inaan waggaa soddoma kan ta’an sababa adda addaa itti funaanamee murtoo waggaa dheeraa itti murtaa’ee jireenya gadadoo fi duuti isaan eegatu keessatti kufanii jiru. Kuni oromota gara dabarsamanii hidhamanii fi guyyaadhaan, torbeedhaan ji’aan itti dabalamu hin dabalatu. Ilmaan Oromoo kana keessa Kan baratan, kan qabeenya guddaa qaban ni jiru. Garuu akka achitti du’aniif dhukkuba akka “TB” HIV/AIDS, Golfaa fi wkf”du’aa jiru.

Do’annoo taasifame kan irratti dhukkubsatoonni “TB I HIV/AIDS” waan baay’ataniif akka “NGO USAID” fi “TB-CARE1”jedhaman akka mana hidhaa babal’isanii ijaaraniif afferamanii achitti argamuun akka ijaaran waadaa galuu isaanii tu ana ajaa’ibsiise. Warri biroon hedduunis yaruma sanatti akka kana gargaaran waadaa galani.Kan nama ajaa’ibsiisuu fi gaddisiisu imaammata wayyaaneen ammas uummata Oromoo hidhuuf karoorfatte kana qaamoleen birroo garggrsa uummataaf hojenna jedhan kana irratti walii galuu isaaniti. Oromoon hidhaa dha hiikamee manicha bal’isuu irra ijaarsa projektii mana hidhaa ilmaan Oromoof babal’isamaa jira. Kunis garbummaan akka jabaatuu fi Oromoon akka baduuf tahuu isaa beekuun nama hin dhibu.

Eegaa,kuni hanga yoomitti itti fufuu qaba? Seenaa darbe qofa odeessuunis ta’e hadoodanii ta’uun, walgurguurunis ta’e tokkummaa dhabanii garbummaa jala jiraachuun yoom dhaabbata? Oromoon eenyuun eegaa? Halagaan hanga yoomitti nu ergata? Michoomni halagaa kan lammii keenyaa irra caalee hanga yoomitti daganna?”

Torbee darbe dubartiin halagaa tokko magaala Finfinnee, markaatoo lafa jedhamutti meshaa bitachuufan affaan Oromotiinan gaafadhe jennaan akkas ana jette “Innezii affexaxeraachew inde ziinjaroo newnii?”. Kuni har’a illee Habashoota keessaa hin baane. Kana ennaa dubbattu Poolisiin ajajaan dhibbaa ani dubartii sana lollaan”ani dhaghaan jira, anuu Oromoo dha ajajaa dhibbaa abban koo maqaan isaa Guutaa dha “ana jedhe .Seeratti anaaf dhiyeessi jennaan dhiisi anaan jedhee otoo anis innis sabni keenya arrabsamuu anaan sossoba.Maqaaf jiru malee jaleewwan wayyaanee kan hin jirre ta’uu isaanii caalattan mirkaneeffadhe. Mmas salphachaa, arrabsamaa jirra jechuu koo ti.

Walumaa galatti maqaa itoophiyummaadhanis ta’e Dimookraasiitiin bilisummaan Oromoo haguugamuu hin qabu.Dhaabbotni maqaa Oromotinis ta’e dhuunfaan dhimmi birmadummaa saba Oromoo fi biyya Oromiyaa ana galcha jedhu kallattii tokko qabachuun ABO jalatti hiriiruun qabsoo Bilisummaa finiinsuu qaba. Bilisummaan keenya lafa irra harkifachuun isaa kutannoo fi tokkummaa dhabuu fi du’a sodaachuu irraa kan madde malee Waaqyoon kan daangaffamne, qabsoo cubbuu miti. Cubbuun of-ta’uu dhabuudha. Cubbuun Of-gurguruudha. Cubbuun Obboleessi ofii ennaa miidhamu birmachuu dhiisanii cal jechuudha. Cubbuun dabarsanii lammii ofii ormatti (halagatti) kennuudhaan ajjeesisuudha. Cubbuun obboleessa ofii akka hidhamu, akka badu, gochuu dha. Cubbuun kan rabbi namaaf kenne dabarsnii jalli’aan halagaaf kennuu dha. Akka Oromotti haallii filatnoon Oromoon qabu kallattii kana sammuu isaa qajeelche yarootti birmadummaa ija ishee arginee dhandhamnu fagoo miti. Kanaa alatti “otoo kan ishee danfuu kan ormaa mooqxi” akkuma jedhan akkuma “ADO ykn ODF” eegoo “OPDO” lafa qaqqabuun haafa funananii halagaatti maxxanuu fi garaa isaan ciibsuuf fiiguun gaaffii seenaa jalaa nama hin baasu.Jarreen kunis otoo hin du’iin akka jiraatti du’anii fi siicoo seenaa gatata dhalootaa ta’aa waan jiraniif deebi’aa isaaniin jenna. Karaa fi kallattii abaarsaa irra jiru. Kan isaanitti gammadu halagaa malee fira keessaa bahanii akka qullaa adeemaa jiran haa beekani jennee asumaan dhamsa keenya dabarsina.

IUO!

No comments:

Post a Comment