Walaloo: Booyyee fi Karkarroo

Saaxil Irraa*
=========

Booyyeef karkarroo godeeyyii bineensaa
Manamoo daggala galmi keessan eessaa
Booyyeen manas gala bifti isaa waa lama
Midhagan si caalaa karkarroodhaan falma.

Keellan najjaranii waa hunda nasooru
Akkakee waa nyaachuuf bakka hunda hin jooru.
Jedhee itti dhaddate Booyyeen inni adii
Silas dhaabbii hin qabu, kaata oliif gadi.
Karkarroon Booyyeedhaaf deebii yoo deebisu
Ani baayye’e hin caraanu ofis hin dhadessu
Foonkotu jabaadha danfi na hin bilcheessu
Ati waan hunda nyaatta tokkolle hin balfattu
Qalani si nyaatu mirgakee hin falmattu!!
Eyyee dhugaa jette foon koo jaallatamaa
Adii fi gurraachatu qaalomakoo hima.
Akkakee hin balfamu
Namni na hin toobbatu
Foonkootu qoricha kan namnu na nyaatu.
Falamiin jabaatee araarri waa dhibnaan
Tokko-tokko mohuun silatis laazima
Himata dhaqani gama is cimaa
Isa kamtu wayya walitti dhadhaamaa
Isa isaan fakkaatu bifaa fi qalamaan
Waraabu filachuun qabatan beellama!!
Angafa himachuun himannaa egalani
Warabuu hamaadha feetu galmi isaani
Malirra waldhibdani maal rakkoon keessani
Nagaa waldhorkachuun fincila kaasatani.
Yaa Booyee maal jetta? Karkarroo himadhu
Waa na kajeelsisa, waanan alalfadhu.
Wallaala fi godeeyyii Booyyee fi Karkarroo
Waraabuu filachuun seenan atakaroo.
Wayee binewwani yogguutiin goolabu
Lafti hundaa baata silas hin dadhabu.
Hoofuu ya waaqayyoo kan waa hundaa uumte
Daangaa itti hin goone bilisa gad-dhiiste.
Kan waa hin haalle kanneen akka Gaarerraa
Dhuguma uumaakee gadoo fi akka gaaraa
Akkuma tahee qubni quba caala
Inni kan daddabaa kaan baye’e diriira
Mukuma keessallee mukni muka caala.
Kan kana fakaatu fakkoo bineensota
Qomoo qomoo nyaatu gad-anti dhaloota
Isaan kun namamoo dhuguma bineensa
Ani kana nama hin jedhu dhugumaan bineenssa.
Ana na rakkisa kana nama jechuu
Kan saba isaa ganee qochomasaaf cichu.
Kan waa hin balfanne kanneen akka Booyye
Kan ofiin of ganu halagaatti boohee!!
Goobana ilma Daace maal isaa yakkina
Kan otoo arguu jaame waa meeqa argina
Daaceen wallaleedha jaamaa akka Gidaada
Gantuu gadii sanyii dhugaa nyaattu garba
Jaarraan keessa jirru qarooma baraadha
Gidaada balfama xurooftu shamaadha.
Seeenaa gotowwani qochomaaf dhiisanii
Haqa jiru dhoksuuf soba afarsani
Booyyeedhaaf karkarroo copha jaarraa kanaa
Daaceedhaaf Gidaadaa Rafuufuu akka dhama
Maal baasuuf dhama raasuu?
Dhugaa dhadhaa hin bahu
Gidadaa fi Daaceen ajaa shururkahu
Akka nu hin gurgurreef sabni haa qophahu, ha gurmaahu!!

* Saaxil Norway irraa

No comments:

Post a Comment