WBOn Haleellaa Isaa Itti Fufuun Tarkaanfii Jabeesse

Caamsaa 07, 2013 | Madda Oduu ABO

Godina Harargee Lixaa Ona Odaa Bultum magaala Baddeessaa ganda 02 keessatti poolisoota Wayyaanee uummata doorsisuuf bobba'an gamtaan bakka dhaabbatanitti tarkaanfii irratti fudhatameen poolisootni 11 madaa'an.

Mootummaan Wayyaanee milishootaa fi poolisoota magaalaa Baddeessaatti bobbaasuun kanneen ABO waliin quunnamtii qaban gadi baasaa jedhee hiraarsaa kan ture oggaa tahu ummatni kanneen dirqama diinaa irratti bobba'an kanneen akka gochaa isaanii irraa dhaabbatan hubachiisaa ture. Haa tahu malee hubachiisa ummataa diduun ummata hiraarsuu waan itti fufaniif Ebla 29, 2013 boombii irratti dhoosuun miidhaa irraan geessisuu ajaji WBO Godinaa kanaa beeksise.

Yeroo ammaa kanas mootummaan Wayyaanee namoota magaala Baddeessaa ganda 02 hedduu mana hidhaatti guuruun nama kana hojjete waan beektaniif saaxilaa jechuun dararaa jira. Uummatnis waan beeknu hin qabnu jechuun dabballoota wayyaanee waliin wal qabuu irratti argama.

Gama biraan mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo qe'ee irraa buqqisuun lafa Oromoo gurguratuun galii isaa guddifatuu amaleeffate Godina Shawaa Bahaa magaala Moojoo keessatti uummata maatiin buqqisuu dhaan waarshaa daakuu ganda 02 keessatti dhaabuun ni beekama. Ummatni naannoo kana jiraataa tures beenyaan alatti buqqaafame. Ummatni gochaa diinummaa jireenya isaa irraa isa buqqise kanatti aare Ebla 29, 2013 tarkaanfii waarshaa kana irratti fudhateen waarshaan daakuu kunii fi kutaaleen waajjira warshichaa 7 meeshaa lolaa warshaan kun ittiin eegamu waliin barbadeessee jira. Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii fudhatame kanaan baarages hojjettoota waarshaa kanaa fi jiraattota magaala Moojoo irratti qorannoo geggeessuu irratti argama. Haa tahu malee jiraattotni naannoo mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo hanga hin kabajamnetti tarkaanfiin qabeenya alagootaa irratti fudhatamu jabaatee kan itti fufu tahuu beeksisaa jiran.

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment