Dr. Sheekh Mahammad Rashaad (Sheekha Yoomiyyuu hin irraanfatamne)

June 06, 2013 | Abdurashiid Abdurahmaan (AbbaaUrjii) Irraa

Wanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afaani. Kana hubachuun, diinni afaan Oromoo dhabamsiisuuf ijibbata gudda godhe. Ijibbaanni diinni godhaa ture, arra namatti mul’achuullee baatu yaroo isaa sanitti, haalaan cimaa ture. Afaan Oromoo kan arra mana barnootaatti ittiin barsiifamu, waggaa 25 dura, afaan du’aaf deemu ja’mee, jachoota isaa seenaaf harshif galchinaan, kuusaa jachootaa akka qopheessaniif, Dargiin koree jaareefii ture.

Garuu, afaan Oromoo du’a oolee, sakaraata keessa turerraa bayyannacuun, hawwii diinaa fiixa bahuu hanqise. Duuba, ijibbaanni afaan Oromoo ajeesuuf diinni godhe, akka laafatti qaxara hin caphne. Hawwii diinaa kolaasuu fii guddinni afaan Oromoo iddoo amma jiru akka gayuu godhuurratti wareegama barabaachisu warra kennantu jira. Isaan keessa hayyuun angafummaan maqaan dhawamu Sheekh Bakhrii Saphaloo ti. Isatti aansee, guddina afaan Oromoo tiif qooda himanaa olii gumaachuun, seenaa guddina afaanichaa keessatti qooda dinqifamee kan galmeesse, Sheek Mahammad Rashaadi.

Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaa Kabiir Abdullee Kabiir Mummayyaa fii haadha isaa Faaxumaa Shurraa Aammad irraa, odoo Xaaliyaan biyya teenya hin seenin waggaa lama dura, bara 1934, Baha Oromiyaa, kutaa Bareentumaa, konyaa Cercer, baadaa Habroo, aanaa Gubbaa Qorichaa, naannoo Laga Arbaa, ganda maqaa akhaakhoo isaa, Khabiir Mummayyaan moggaafame-tti nama dhalate.

Sheekh Mahammad Rashaad, barnoota amantii Islaamaarraa waan abbaan beeku akka baratee fixeen, itti fufuuf, gama Hirnaa sossoohe. Hirnatti, Sheekh Aliyyii Dabruu biratti, Fiq’hii (barnoota seera amantii Islaamaa) keessaa Baafadlii fii Umdaa, akkasumatti ammaas, Tawhiida (barnoota tokkummaa Waaqa)-rraa hamma tokko barate. San booda, Dhidhiibama dhaqee Sheekh Aammad Sheekh Maammad Jaldii iratti Zubad barate. Eegas ganda isaaniitti deebi’ee Sheekh Ibraahim Bakhaarratti Toowshiiha barate. San booda Qe’eerraa fagaachuun Kortoo dhaqee Sheekh Abuubakar Usmaan Odaa ykn Sheekh Bakh’rii Saphaloo irratti, ilmii Manxiqa (seeralugaa jiddu gala afaan Arabaa) fii Herrega eega baratee booda gama Fadis sossoohe. Fadisitti Sheekh Yuusuf Aammad Bareedaa irratti Minhaaj Nawawiyyaa (Qaceelfama seera amantii Islaamaa kan Imaam Shaafi’ii) xumure.

Akkanatti waan barnoota amantii Islaamaarratti rarraa’aa kan naannoo san jiru xumuree, kan biyya alaa itti dabalachuuf, ilma indooyyee ykn haboo isaa, Usmaa’il Alii waliin, bara 1951, Biyyee Dareerraa sossoohan. Karaa Jijjigaa tiin Zeeylaa dhaqan. Achirraa halkan, dukkana dahoo gaodhachaa, miilaan Jibuutii seenan.

Akka Jabuutii gayaniin, walqabatanii safaaraa Xoophiyaa dhaqanii, biyya Arabaa deemanii barachuuf baasaboora akka kennaniif gaafatan. Namichi Safaaraa, “Yo isin biyyaarra fagaattan, eentu boqqolloo nuuf qota?” gaaffii jettu dhiheesseef. Sheekni oomisha boqqolloo tiif warri biyyatti hafan ni gayaniin, namicha amansiisuu ijibbaatullee, waan fedhan irraa argachuu hin dandeenye. Garuu, baasaboora dhabuun abdii if dura deemuu hin kutachiifne. Waraqaa eenyummaa malee, harka qullaa, galaa malee, doonii gama Yaman deemtu yaabbatan. Abbaan doonii, akkuma warri ammaa godhutti, Sheekhaa fii ilma indooyyee odoo lafaan hin gayin, xarafa malkaa, baharuma keessatti buuse. Achii, heera malee, dambaliin odoo if duuba harkisuu, bishaan mudhii gayu keessa dhiibachaa, warri uffanni, daboon, tan ifiifuu bakka meeqatti erbamte irratti cicciramte, lubbuu qarqara Ganda Dabaab ja’amtuun gayan.

Dabaabrraa bikka ka’aniif gayuuf, miilaan karaa Ta’iz sossoohan. Ta’izzirraa karaa Zabiidiin Mansuur keessaan Hudeeydaa qaxxaamuranii, warri amnitti miilaa akkaa gara dhoorkite, magaalaa timjii biyya Su’uudii, tan Jiizaan ja’amtu gayan. Jiizaanirraa Hijaaz keessaan dabranii Xaa’if seenan. Yaroon karaa kanarra deemaa turan Bona ture. Biyya gammoojjii tan lafti isii Bona hanqatee Ganna ibidda tuftu, guyyaa nama dhokochaa, odoo halkan dukkana keessa tiratanuu, aman miilaa kan ji’a sadihii tiin Xaa’if gayan. Xaa’if irraa makiinaa yaabbatanii, baatii Eblaa tan bara 1951, Makka seenan.

Akka biyya Sa’uudii seenaniin, wanni Sheekni dura godhuu barbaade, Hajii dha. Odoo Soomana furnoo goggoyduu bishaan Zamzamiin jiifatee furuu, Hajjii isaa godhe. Akka Hajjii fii ziyaaraalee barbaadu mara raawwateen jalqaba bara 1952, karaa Ordon (Jordaan) sossoohe. Akka achi gayeen Qudis dhaqee Beetul Maqdas ziyaare. San booda miilaan karaa biyya Shaam (Suuriyaa) sosoohe.

Dimishq (Damaskes) magaalaa muummittii Shaamitti, Sheekni barnoota biyyaa baheefitti deebi’uuf hiree arkate. Mana barmootaa kan Fathul`islaam je`amutti, barnoota waggaa shanii booda, raga Muftumma`aa fudhate. Sheekni oduma baratuu imaama masgiidaa tahe. San malees, masgiidotarra daddeemee kuxbaa guyyaa Jim’ataa godhu jalqabe. Haala kanaan, baroota jaha Shaam eega jiraate booda, bara 1957 keessa Suuriyaarraa karaa biyya Lubnaan sossoohe. Magaalaa Beeyruutitti markaba karaa biyya Misraa deemu yaabbatee, Iskindiriyaan Qaahiraa seene. Karaalee dila irra deemee fii naannoolee qubate keessatti haala isa mudate mara, Sheekni seenaaf sirritti galmeessee jira.

Qaahiraa akka dhaqeen, Universitii Azhar, Kulliyyaa Usuuliddiinitti (Koolleejii Hundee Amantii)-tti barnoota jalqabe. Waggaa afurii booda, bara 1962tti, barnoota isaa sadarkaa ool’aanatti gaggeessuun, ragaa caalinsaa harka Bokkuu biyyaa Jamaal Abdulnaasir irraa fuudhate.

Sheekh Mahammad Rashaad, Masrii keessatti Oromoota biyya san keessa turan waliin warra hiriira diddaa Mootummaa Hayla Sillaase bahan keessaa tokko. Gaafasitti, Hayle Sillaasetti hiriira bahuun hafee, dura dhaabbachuu yaaduunuu raajii dha. Warri hiriira sanirra qooda fudhatan keessaa kanneen biyyatti deebi’an, basaasota mootummaatiin adamamanii hidhatti guuraman. Warri isaan keessa ajjeefamaniis jiru. Haalli kuni, Sheek Mahammad Rashaad keessaa, hawwii biyyatti deebi’ee waan barate barsiisuu sammuu baase. Kanaaf akka barnoota fixateen Qaahiruma keessatti barsiisu jalqabe. Isaa haala kana keessa jiru, Soomaaleen bilisoomte. Gaafana, hojjataa Universitii Azhar tahee, biyya Soomaaleetti amantii Islaamaa barsiisuuf, ji’a Adooleessaa kan bara 1963 magaalaa Bur’oo dhaqe. Achitti, barsiisummaa malees, Masgiida guddaa magaalaa sanii keessatti Jim’ata-Jim’ata kuxbaa gudhutti seene. Eega bara sadi akkasitti ture booda, dandeeytii afaanii kan qabuun hajjataa mootummaa Soomaalee tahe.

Wanni Sheekni naannoo sanitti Oromoof hojjate keessa kan jalqabaa raadiyoona biyya sanii keessaan sagantaa afaan Oromoo jalqabsiisu. Bara 1965 raadiyoon soomaalee afaan Oromoo tiin dabarsuu kan jalqabe tattaafata Sheek Mahammad Rashaad godheeni. Sheekni sagantichi maqaa afaan Gaallaa akka qabaatu fedhe. Garuu diddaa alagaa fii nama keenyaarraa itti xixxeen maqaa afaan Qottuu tiin dabruu jalqabe. Sheekni Qottuurraa Gaallaa filatee kan qabsoo godheef waaltina sabaa uumuu dhaaf ture. Akka Sheekni galmeessetti, bara 1968, gaafa Jeneral Kabbadaa Gabree, ajajaan waraana mootummaa Hayle Sillaasee, biyya Soomalee dhufe, yaadaa fii komii Ziyaad Barreetiif dhiheesseen sagantaan afaan Qottuurraa gama afaan Gaalla’aa-tti geeddarame. Sheekni haala kanarraa akkaan gammade. Gammachuu isaatiis akka aramaa gadii kanatti walaloon galmeesse.
Kan Gaallaa didu takkaayuu diinumaa

Takkaayuu galtu’uu tanaaf isaan moroma

Takkaa ni hin laalinii taariikha isaatii

Takkaa wahiif fedha baduu maqaati

Yaa lammii too dubbii too dhagayaa

Maqaafii afaaniin harka tokko tayaa

Namni afaan keetii inni shanyii teetii

Qoqqottee hin gaafatin maali gosti teeti

Maqaa gosaa dhiisaa ka dhiyoo argame

Isa dur qabdhaa kan akkaan barame

Maqaan durattii isaa walitti qaba

Gosa sabaa hundaa taarikaas ni qaba
Hujiin dinqifamaan Sheekhaa kan sagantaa raadiyoonaatti aanu, qubee afaan Oromoo ti. Sheekni hayyoota afaan Soomaalee tiif qubee moggaasan keessa tokko. Gaafa karoora san fiixa baasaa ture, hawwii fii manaamni isaa sagantaa san keessaan afaan isaa guddisuu dha. Hawwii isaa kana, bara 1973, kitaaba Furaa afaan Oromoo ja’u harfii Laatiniin barreessee maxxansuun hujiirra oolche. Haatahu malee, akkuma gaafa sagantaa raadiyoonaatti, ammaas, warra maqaa kana dura dhaabbataniin hujiin isaa balaaleeffatamee, maqaan kitaabicha, Furaa Afaan Abbootti akka geeddaramu godhame. Garuu, bu’urri inni gaafas afaanichaaf lafa kaaye, sab-boonota booda ka’aniin fudhatamee, qubeen Laatiin afaan Oromoo tiin wal simatan. Yo if duuba deebi’amee laalame, wanni inni gaafas godhe, guddina Afaan Oromoo tiif asaasa cimaa tahe.

Sheek Mahammad Rasdhaad, bara 1965 irraa hamma 1984 raadiyoona Soomaalee keessaan amantii fii seenaa odoo barsiisuu, haala amantiin Islaamaa naannoo Gaafa Afrikaa itti seente akka qoratuuf jilaa waliin karaa biyya alaa ergame. Qormaata kanaaf biyya Yaman, Iraaq, Kuweetii fii Su`uudii dhaqe. Akka dalagaa ergameef rawwateen Sheekni Maqdisho`otti deebi’uu irraa oolee, biyya Su`uudii qubachuun kitaabbaan afaan Oromootti barreessuu fii kan Arabaa-rraa kan Oromo`ootti garagalchuu hujii godhate.

Sheekh Mohammed Rashaad, barreessuu fii afaan Arabaarraa garagalchuu jidduu, kitaabban 23 afaan Oromoo tiifii sabaaf gumaache. Isaan malees, hiikkaa hadiisa afurtamaa kan Nawaawii afaan Oromootti garagalchea. Sheekni, kitaabbaan amantii malees, Tooftaa Riphee Loltuu, Seenaa gaafa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Taarika Aammad Giraanyi, Qubee afaan Oromoo tii fii Akkaataa Qubeen Afaan Oromoo itti kaayaman nama barsiisan nama barreesse.

Hujiin guddoon Sheekh Mahammad Rashaad ittiin beekkame Qur’aana Afaan Oromootti hiikuu dha. Qur’aana afaan tokkoon hiikuun hujii haalaan guddoo ti. Warri waan akkanaa godhu, dandeeytii malees, warra tin’isa diinaggee fii hamilee tan mootummaa ykn garee if duubaa abdatu. Sheekh Mahammad Rashaad garuu, gargaarsa malee, kophaa isaa hujii guddoo tana nama hojjate. Gaafa hujii baroota meeqaantam irratti dhama’e maxxasuuf dhiheesse, kan mudate, galatoomii odoo hin taane, dura dhaabbii dha. Warri dura dhaabbataniis alagaa ykn Araboota odoo in tahin Oromoota. Jara san maqaa dhawuunilleen barbaachisu baatu seenaaf galmeeffachuun dirqama sabaa ti. Sababni jarri dhiheesse tokko afaan kuni qur’aana ittiin hiikuuf gayaa miti kan ja’u. Sheekh Mahammad garuu, qabsoo godheen jara irra aanee, hiikkaan isaa sagaleen kaasetatti waraabamee, ummata isaatiif tola akka hiramu godhe. Akkuma kaaseenni hujiirra ooleen, hiikkaa barruun basuuf irratti hojjachuu jalqabe. Duuba, kanaas gaafa xumure, akkuma kan sagaleetti, warrummaan Sheekkotii Oromoo ti ifiin ja’an dura dhaabbatan. Haa tahu malee, Sheekni akkuma kan sagaleetti, dura dhaabbii barruutiis injifatee, akka maxxanfamee saba harka seenu godhe. Sheekni kan kana hunda godheef, maqaa ittiin argachuuf odoo hin taane, lammii isaa irraa wararrii wallaalaa dhabamsiisuu fi.

Sheekni waan afaanii fii aadaan tahan nama ganamaan akkaan hubate. Kanaaf, Afaan Oromoo afaan waan hunda ittiin hojjatamu tahuu mirkaneessuuf waggaa shantam caalaa ijibbaata adda hin citin godhe. Jaalalti Sheekni guddina afaan isaatiif qabu himanaa oli. Jaalala isaa kana walaloo isaa keessati akkanatti ibse.
Yaa Afaan Oromoo Rabbii si guddisee
Nama siin dubbatu sumaaf heddummeesse
Adunyaan si beekaa anilleen si wallaaluu
Karaa keetiin malee nu alaa hin gallu

Ormi adunyaa dhaa yoo dubbii kee kaase
Afaan muuziqaa dhaa je’ee ti si faarse

Yaa afaan Oromoo yaa kan zalaalamii
Kan sii je’ee du’e hammamii hammamii
Mee akkamiin si gannaa nuti siin mul’annaa
Odoo ati baddee matumaan dhabamnaa
Karaa kan kee kanaan harka tokko taanaa
Sumaan gurgurannee wal irraa bitannaa

Yo nu karaa banne siin karaatti deebinaa
Yoo nu dhukkubsanne sumaan wal gaafannaa
Yaa Afaan Oromoo mee akkamiin si gannaa
Salaamtaa jaalalaa siin walii erginaa

Yaa Afaan Oromoo yaa haadha guddinaa
Har’aa fi borullee nuti siin mul’anna

Gooytaan haa guddisu warra si mul’isuu
Dachee haa seensisuu warra si saph’lisu
Namni si saph’lise rakkatuuf jiraataa
Gaafa tasaa geessee biiluu tee irraa baata
Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama yaada isaa walaloon qarqabu. Haala kanaan, walaloota jaalalaa, jaalala biyaa, hamilee namaa dammaysanii fii kakaasan heddu barreesse. Kitaabban haala kanaan afaan Arabaa fii Oromoo tiin barreesseen Majistraa ykn Maastreet fudhate. Haaluma saniin, dandeeytii isaa kanaan Universitii Engilzirraa Dooktaraa ykn PhD gonfate.

Sheekh Mahammad Rashaad, haala armaa olii kanaan odoo hifaata malee saba isaa tiif hojjatuu, jiruu baqaa tan waggaa shantamii fii saddeetitti booda, bara 2009itti biyyatti deebi’e. Eega biyyatti deebi’ees, akkuma duritti waan itti amanu ifatti dubbachuu irraa if duuba hin deebine. Haaluma kanarraa kan ke’e, yaroo gabaabduu dura, warra Ahbaash ifiin ja’an, kanneen mootummaan Wayyaanee meeshaa godhattee deemmatuun balaaleeffatteen, mana adaamaa keessatti duraan kennameef irraa arihamee, Dirree Dhawaa qubachuu dirqame.

Sheekni, ergarama jiruun baqaa tiifii umriin muddeen odoo yaratuu, Ebla 25, bara 2013, umrii waggaa torbaatamii sagaliitti, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti aakhirame. Ogummaa baratanii fii hayyummaa horaniin dantaa mataa isaanii gatanii, waan dhimma sabaa if dura oofaa warri hojjatan, yarumaa hundaa, qoma lammii isaanii kessatti jaalala addaa qabaatu. Awwaalcha Sheekhaa irratti kumaatamni Oromoo akka argamu kan godhe kana. Sheekh Mahammad Rashaad haala takkaa argamee ykn dhagayamee hin beekkamnetti awwaalame. Inni awwaalamuus, maqaan isaa abad baduuf hin jiraatu. Sab-boonummaa fii murannoo ajaa’ibaatiin faayamee, qoonni guddina amantii Islaamaa tii fii afaan Oromootiif gumaache, lammii dhufaa jiruun kan dinqifamu taha.

Waaqni Jannataan haa qananinu!

Abdurashiid Abdurahmaan (AbbaaUrjii)

Waxabajjii 02, 2013

Torontoo, Kanadaa
=========================================================================
Hub: Seenaan Sheekhaa kuni, Guyyaa Yaadannoo isaa kan Magaalaa Torontootti qophaaweef, barreeffama isaa keessaa kan dubbuuyfame.

No comments:

Post a Comment