Iyyaannoo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

Waxabajjii 16, 2013

Nuti Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barachaa jirru biyyaa keenyaa keessaatti yeroo irraa gara yerootti Sarbamuun mirga dimookiraasii,qabinsii mirga namummaa, Malaamaltummaan , Hidhaan, Ajjeechaan fi barnotaa irraa ariiamuun baratootaa Oromoo fi maqaa investimentii habaaboon qeee irraa buqqauun uummataa Oromoo daran hammaatee jira. Yeroo irraa gara yerootti rakkinnii ulfataan jiruu fi jireenya keenyaa waliin wal qabatuu hammaachuun iyyannoo keenyaa qaama dhimmii isaa ilaalutti akka iyyaannuu nu dirqee jira. Keessaattuu yeroo amma kana Mirgii baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guutummaa guututti mulqame jira. Nuti baratootni Oromoo gaffiiwwaan armaan gadiif Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Itoophiyaa, Ministera Barnotaa Itoophiyaa fi Oromiyaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Komishinii Poolisii Federaalaa, irraa Deebii atattamaa barbadna.


Gaaffii Baratotaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa
  1. Bulchinsi Yuunivarsiitii Jimmaa waxabajjii 1/2005 Beeksisaa dorgommii galmee kaadhimamtota Gamtaa baratootaa (Student president) saatii 12:oo irraatti maxxansee yeroo galmee daqiiqaa 20 qofaa jechuun (saa 12:00-12:20)tti miseensi barataa Yuunivarsiitii Jimmaa Idilee tataan kamuu galmooftanii dorgomuu dandeessuu jechuun Baratoota 36,000 oliif carraan daqiiqaa 20 seerri takkaa biyyaa lafa kana irraatti rawwatamee hin beekne bulchiinsaa Yuunivarsiiti Jimmaan egalamuun guutummaatti mirgi baratootaa waliigalaa sarbamee jira. Kanaaf yeroon galmee dabalataan nuf haa kennamu, beeksisa daqiiqaa 20f bulchiinsi Yuunivasiitii Jimmaa itti nuf haa gaafatamu.

  2. Addaatti Mirgii Baratoota Oromoo ni Ukkaffame.Waxabajjii 2/10/2005 Wajjiirri DH.D.U.O Godina Jimmaa dhimmaa Baratoota Oromoo miseensota OPDO Yuunivarsiitii Jimmaa irraatti hojjetu Walga’ii ariifachiisaa waaree booda sa’aatii 10:00 irraatti bartoota 50 miseensotaa fi dabbaalotaa OPDO ta’anii dhalotaan ijoollee Oromoo hin ta’iin kan afaan Oromoo qofa dubbachuu danda’an galma Gibeetti waliitti qabuun Filannoo Gamtaa baratoota baratoota 36,000 oliif namota 50’n bifa dhoksaa ta’een gaggeessuun Baratoota 3 keessaa 1ffaa Barataa Badhaasaa Firraajaa muummee barnota Oromoo Folklore waggaa 2ffaa sagalee 24’n filatan.


    A. Wajjirri bulchiinsa Yuunivarsiitiin ala jiruu OPDO’n akkamitti Fedhii keenyaa fi beekamtii keenyaa malee bakka bu’aa baratootaa nuf filuu danda’a? kun mirga dimokiraasii cabsuu fi seeraa biyyaatti millaan irraa deemuu waan ta’eef attattamaan seeraatti nuf haa dhiyaatan.


    B. Nuti baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa jirru yoo xiqqate 16,000 gadi miti, hireen keenyaa akkamitti baratootaa 24 kan murtaa’uu ta’ee? Bakka bu’aa baratootaa (student president) qaamni miseensa baratootaa hin ta’iin wajjirrii OPDO akkamitti nuf filuu danda’ee? Kanaaf bakka baratootni hundi jiranitti nama bakka bu’aa keenyaa ta’ee tajajila seera qabeessaa nuf kennu danda’uu dirree irraatti filanna (through direct democracy)


    C. Barataa Badhaasaa Firraajaa Yakkamadha. Nama baratoota Oromoo bakka bu’uu utuu hin ta’iin nama siyaasaa dahoo godhachuun malammaltummaa, Olola sobaa ofuun Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti yakka garaagaraa rawwaachuun beekamudha waan ta’eef attattamaan seeraatti dhiyaachuu qaba.

  3. Mirgi keenya (baratoota Oromoo) maliif poolisota mooraa yunivarsiitii bulcha jiraniin sarbama? ID ‘n ittin barannuu yeroo garaagaratti balleessaa keenya tokko malee nurraa fudhamee dorsifni ciman jirachuuf nu sodaachisuu nurraatti godhamee jira. ID nurraa fuudhuun nyaataa illee waan ittin nyaannuu dhabne rakkinaf saxilamne.

  4. Yeroo garaagaratti baratootni Oromoo balleessaa tokkoo malee Yuunivarsiitii irraa humnotaa poolisaa fi nageenyaan ukkafamanii rakkoo ilaalcha qabdu jechuun hidhaman atattamaan hiikamanii gara barnotaa isaanitti haa deebi’an . Ammas balleessaa keenyaa malii dorsifnii fi sodachiisuun psychologically nu jeequun nurraa dhaabbachuu qaba.

  5. Ummaannii Oromoo biyyaattii keessaatti rakkoo gama siyaasaa, Dimookiraasii (mirga gurma’uu, mirga yaadaa ofii karaa bilisaan ibsachuu, mirga hiriira nagaa gochuu,mirga ilaalcha siyaasaa dimokiraatawaa ta’ee fedhan hordofuu,mirga filachuu fi filatamuu dhabuu), mirga qabeenyaa isaa irraatti abbaa qabeenyummaa dhabee qe’ee irraa buqqa’uun lafti irraa fudhatamee investimentii garagaraaf kennaamun uummaanni dararamuu fi qabinsaa mirga namummaa dhabuuf maalii? Maqaa siyaasaa dahoo godhateen Oromoon maaliif hidhama? Hidhaan nurraa dhabbachuu qaba; Kanneen hidhaman hiikamuu qabu.

  6. Mootummaan maqaaf biyyaa bulchaa jiruu uummataa Oromoo meeshaa maleeyyii irraatti waraana bifa garaagaraan gaggeessuun keessaattu sabootaa Ollaa keenyaa nurraatti ( Godina Harargee Bahaatti Somaalotaa hidhachiisuunii fi Godina Waallaaggaa bahaatti saboota Guumuzii hidhachiisuun ) lubbuun Uumataa Oromoo nagaa kumatamatti lakka’amuu jumlaan ajjeefamera, Yakka waraana uummataa keenyaa irraatti gaggeeffamaajiruuf mootummaan EPRDF nuf haa gaafatamu.

  7. Bulchiinsii baratoota Yuunivarsiitii Jimmaa (Student Dean ) Baajataa Kaffee baratootaaf ramadamee gara qabeenyaa dhuunfaa isanitti naanneeffaachuun malamaltummaan ija baase, yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti dalagamaa jira. Sababa kanaan kan ka’ee balaa beelaa fi dhukubotaa garaagaraan dararama jirra. Rakkoon kanaf furmata barbadna.
Walumaa galatti rakkinotaa walii galaan qabnu mootummaan nuf hubatee gaaffii keenyaa bal’inaan nurraa fuudhee rakkoo keenyaa akka ibsannuuf mirgii hiriira nagaa gochuu akka nuf eeyyamamuu ni gaafanna.

*Rakkoo nu mudatee jiru kana Ibsachuuf Mirgii Hiriiraa Nagaa Gochuu Nuf Haa Eeyyamamu.
=======================================================================
Garagalcha :
  1. Mootummaa Nannoo Oromiyaa fi Mootummaa Itoophiyaatiif
  2. Ministeeraa Barnotaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaaf,
  3. Bulchiinsa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaaf,
  4. Komishinii Poolisii Federaalaa fi Oromiyaaf,
  5. Bulchiinsaa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf
  6. Saba himaalee Addunyaa: VOA, BBC,Algezira fi kkf,
  7. Dhabbilee Mirga namummaa Addunyaaf.
  8. Uummata Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa sadarka garaagaraa irraa jirtan hundaf.

No comments:

Post a Comment