Madaa kootu hin Qooru

Ni aarta, daftee mufatta jedhanii natti himuu
    Namticha aartu sana jedhanis na waamu
       Inni dafee aara obesee hin dabarfatu
Yaada isaa tasgabbiin danda’ee hin ibsatuJedhu ana duubas baayee na hamatu
           Dallansuun fira kee kolfi alagaa kee
Aariin kee baay’atee obsii kee maa xiqqaate
    Jedhee natti siqee namuu na hin gaafatu
       Dallansuu koo faarsu isaan na hamatu
           Aari koo leellisuu foon koo na ciratu!
Madaa wayii beektu madaa kan mogolee
 Kan nama hin teessifne diriirfatan malee
   Kan nama hin deemsifne yoo tiratan malee
     Madaa kanan qaba Abbaa koorraan dhaale
        Innis natti himeera Akaakan akka eegale
Tarii fayyaa jedheen madaa koon kunuunsa
         Qorchaa barbaaduuf oggeessaan dubbisa
              Suutan tarkaanfadhaa obseetan gubaasa
                 Innii fayyuu didee daranuu kulkula
                  Ni qooraa yoon jedhe itti hammaate bula
 Yookiin summiin isaa garatti dacha’ee na fudhatee hin darbu
Yookiin madaa fayyee fayyaa isan hawwu ija koon hin argu
Ni aara naan jedhu obsee hin dabarfatu
      Madaa koo kanatti falaxaa itti horfu
Isan an sossobee kunuunse kunuunsee qoorsu
    Isaan guyyaa guyyaan na jalaa boochisu
Miirri dhukkubbii isaa qaama koo bobeessaa
      Muddaa mudhiin isaa na dhoweera deemsa
          Madaa kootu hin qooru maafan aaruu dhiisa

…………………………………………

Tasfayee B. Birmajii
Ebla 16, 2013
Bonn, Germany

No comments:

Post a Comment