OROMO MALLI MAALI?

June 02, 2013 | Tokkicha Abbaa Milkii irraa*

Seenaa Sabboonan Oromo T.F ykn Addaamuun ABO  barbaacha manaa bayee loltuu Shaabiyaa harka bu’un dabarfame TPDM (Tigray People’s Democratic Movement) tti kennamuun dararaa cimaa booda kutannoodhan harkaa bayee of bilisoomsee seenessee yoon dubbisu mar’imaantu garaa keessa nagaggaragale.
  1. Gochaa suukkanneessaa uruu qawweetin deggeramee ilmaan Oromorras ta’e miseensota saba biraa irra gahaa jiru yaaduun waan sammuu nama tuquudha.

  2. Haala amma deemaa jirruun yoo kan itti fufnu ta’e (yoo raajii wayii huumnee adeemsa keenya saffisiisu baanne) rakkoon keenya xumurri isaa fugug (horizon) caalaa fagaate natti mul’ate.
Yaa sabboonaa Oromo dargaggoo T.F baga waaqni si baasee seenaa kana uummata jaalattun ga’uf milkoofteen jedha. Kana argitee saaxiluun kee qabsoo ummata Oromo keessatti akka waan ga’e kee baatetti waan lakkaawwamuuf ABO tti makamee qabsaa’u hindandeenye jettee garaa si nyaatin. Kuni mataan saa injifannoo (achievement) guddaadha .

 Gara yaada nakaaseetti yoonan deebiu akka sabaatti lafarra jiraachuu qabna jeennee yoo kan yaadnu ta’e waan sabboonan kuni nuu ibserraa maal barachuu qabna jennee akka dhuunfattis akka ummataattis of gaafachuun dirqama jedheen yaada. Maaltu nuuf qophaa jira? Balaa ulfaataa akkamiitu nutti as deemaa jira? Balaa nutti as deemaa jiru kana akkamitti ofirraa ittisu dandeenya? Jennee of gaafachuun fala isaa barbaaduuf halkanii guyyaa hojjanu malee badii keessaa ba’uf baroota hedduu nubarbaachisu akka nuurra gahuuf deemu hubachuu qabna.

 Wanti qulqulluun ifa jiru Oromos ta’ee akka walii galaatti biyyatti Itoophiyaa jedhamtu tana summiin dhabamsiisu akka qopha’afii jiru mull’isa. Waan dargaggoon kuni barreesse yoo hubannu wanti ta’aa jiru waan tuffannee nu hintuqu jennee teenyee ilaalluu miti. Warri Shaabiyaa jaarmiyaa ofii ijaaranii, guddisanii, goobsanii mootummaa taasisaniin injifatamani toohannoon isaan qabeenyaa Oromo s ta’ee warra kibbaarratti horatan erga sarbame booda qaaniif hinaaffaa itti dhagahameen garaan isaan gubatee hirriba dhabanii akka jiran beekkamaadha.

Kana haloo bahuuf humnoota mormitoota Itoophiyaa walitti qabanii ijaaruun mootummicharratti hiriirsanii mootummicha buqqisuu nidanda’u turani. Garuu jarri kuni fedhii san qabu? Hinqaban.Fedhii kan dhaban mootummaa wuyyaanee jaalatanii miti. Karoorri saanii yero dheeraa kan dantaa guddaa irraa arganna jedhanii yaadan akka jalaa hinfashalleef of qusachaa jiru. Karroorri saanii maali? Akkuma wuyyaanee ijaaranitti humna hooggantummaa Shaabitin gaggeeffamu ijaaranii gaafa wuyyaanee injifatan harka duwwaa biyyatti deebi’u jedhee namni yaadu yoo jiraate dogoggora guddaadha. Humni wuyyaanee injifatu kuni akka mootumaa Itoophiyaa dhuunfatee ta’e kan as bahu yoo ta’u biyyaattif kan hojjatu oso hin ta’in ka isaan tajaajilu (stooge administration) ijaaranii qabeenyaa ummataa saamanii akkuma obbolyyan saanii ittin sooromuudha akka qophaa jiran hubachuu barbaachisa. Dhakaa tokkoon simbira lama ajjeesuu jechuudha. Bu’aa qabeessa.

Shaabiyaan lammata haa gowwoomu jenne eegun yookin hojii melekootaa akka hojjatu eeguun nurra jira natti hinfakkaatu. Mormitoota Tigrees lammata akka hinijaarre beekuu qabna. Amma kan gochaa jiru humna Shaabiyaa maqaa Tigreetin ijaaree akkuma barame PDO saboota adda addaa jala naquun humna Tigree fakkeessee bobbaasuudha. Jibba TPLF irraa kan ka’e Tigroonni hangi tokko mookfamanii ykn aangoo barbaacha wajjin hiriiru nimalu. Garuu kan hoogganan,toowatan waan hunda murteessan warra Shaabiyaa akka ta’an shakkiin hinjiru. Ummata Ertiraa kanarratti of jala hiriirsunis ulfaataa miti.Akka Waaqni biyya Kana’an Israa’eloon weeraranii irra qubatan waadaa galeefi gabrummaa biyya Misir jalaa baasee “dhqaa lafa Kaa’an,Amorit….. kan aannaniif dammi itti dhangalau fudhaa”jedhee kenneef sanitti Shaabiyaanis biyya jiituu annaniif dammi itti dhangala’u biyya Oromo fii naannoo Kibba ummata saatii laate akkuma Tigoortaa yeroo gabaabaa keessatti akka sooroman gabaabsetuma itti himuu qofaan gahaadha. Qabeenyaa namaatin sooromuun aadaa habashootaa waan ta’eef kana boodatti jedhu jedhamee hinyaadamu.

Waaqnu jara haqa fii mirga namaarratti daba yaadan kana hinmilkeessin,mirga hinkenniniif malee , hooggantooni keenya aangoo fi barcuma hinjirreerratti oso wal nyaatanu jarri kuni tasa milka’anii yoo dhufan Oromon ummanni hangana gahu eessatti akka baqatu hinbeeku.Kana yoon jedhu haaluma of ibsee jiru kana eeruuf malee farrisuu ykn raaguu koo akka hintaanee naa beekaa .

Wantin kana kaaseef mootummaan Shaabiyaa mootummaa akka Adunyaan hinargineef hindhageenye balbala cufatee gara jabina suukanneessadhaan ummata isaa hidhee dararaafi fixaa jiru yoo ta’u gaafa biyya alagaa akka keenyaa qabate waan inni raawwachuuf deemu waan natti mul’ateefi.Shaabiyaan lammata Tigraayi yaadee ummata Tigree gurmeessee, hidhachiisee akka of danda’ani biyya bulachan taasisuf akka hinkaane 100% beekkamaadha. Itoophiyaa keessatti mirgi namoomaa dhiitame jedhees yaade miti.Saboonni Itoophiyaa keessa jiran cunqurfamani qabsaa’ani yaa bilisooman jedhees akka hintaane hubachuun nama hindhibu. Wuyyaaneerratti haloo bahuu fakkeessurree galiin saa inni guddaan kanaa miti. Wuyyaanee diigee dhaaba amma bixile kana lammii Ertiraa afaan Amaaraa dubbatannitti maqaa adda addaa moggasee aangoo qabachiisuun duuba taa’e biyyaatti- Ummataafi diinagdee shii ittin too’achuuf akka ta’e icitii oso hinta’in waan ifa jiru.

Kanaaf jaarmiyaan inni bixille butunis ta’e dirqisiisun nama walitti qabee amma humna godhatutti jarmiyootin akka ABO bilisummaa ummata saaniti falman fira fakkaatee ofitti qabuun achitti hukkaamsee akka hinguddanne taasisaa gaafa jarri isaa wuyyaanee buqqisanii aango qabatan haree itti kennuun ficcisiisuf akka ta’e fageessanii yaaduun nimala.


Humni Shaabiyaan gurmeessaa jiru kuni namoonni kan kaayyof fedhiin itti galan oso hinta’in kan humnaan walitti qabaman ta’us humna guddaa akka qaban sabboonaan kuni arguu saa ibsee jira.Humni kuni har’a kallattin waa fiduu baatus gaafa wuyyaaneen dadhabdhe humni hatattamaan bakka bu’ee ummatarraa ittisu danda’u jiraachuu baannan loltuu shaabiyaatin deggeramee akka biyyatti toohatu (qabatu) mamiin hinjiru.

Oromon bara kufaatii mootummaa H/Sillaasetti kaasee qophii gahaa ittin of bilisoomsu dhabuun haalan mimijaawoon hedduun jala darbanii jiru. Waggaa afurtama booda har’as akkas akka hintaane afaan guuttannee wabii qabna jennee dubbachuun nudhiba.

Addunyaan nuuf birmata akka hinjenne waan amma raawwatamaa jiru argaa jirra.Milishaa naannoo Sumaalee horii mootummaan Ingiliz arjoomeen leenjifame ummata Oromo Harargeetti fixuunifi kuma kurnoota hedduu qeerraa buqqisuun saa yoo saaxilamu mootummaan Ingilizi ta’e mootummoonni biraa kana dhaabsisuuf afurayyuu hinbaafanne. Ummanni Omoo kibbaa lafa diroo darbaa dhufaan saanii irra jiraachaa ture irraa wuyyaaneen yoo buqqisu ummanni diddaa agarsiifnan dhibbootan rashananii booll’a tokkooti yoo awwaalan mootummaan waa dubbate hinmull’anne. Ummanni Gaambeellaas kan irratti raawwatamaa jiru waanuma akkanaati. Eenyutu birmateef? Kanaafan barruu tana “Oromo mali maali” jedhee mataduree kenneefi.

Egaa gabaabatti haalli kuni kan teenyee ofirratti eegnu miti .Ammayyu alaala taa’e qaama keenya (dargaggeyyi Oromo) hedduu nyaachaa jiraa,gaafa as gahe Oromo hunda akka nyaatu hinshakkinaa. Kana taa’anii laaluun akkuma lubna yoo waraabessi luka isaa nyaatu hiriyaan dhagahee gaafannaan “ana nyaachaa jira hindubbatin jedhe”jedhamuu sana ta’u keenya. Halkanii guyyaa hojjannee gurmoofnee,wal gurmeessinee,oso dursanii nu hinqabatin achumatti ofirraa ittisuun waan yeroon kennamuufii miti. Kanaafuu Oromon hundi akka dhuunfattis ta’ee akka jaarmiyaatti itti yaadee irratti hojjachuu qaban jedha.

Oromiyaan Nibilisomti!

Galatoomaa!

* Tokkicha Abbaa Milkii: bariitee@ymail.com

No comments:

Post a Comment