WBOn Haleellaa Diina Irratti Fudhatu Itti Fufee Bakkoota Adda Addaatti Injifatnoo Muldhise

Waxabajjii 30, 2013| Madda Oduu ABO

Godina Wallagga Bahaatti humni addaa WBO tarkaanfii fudhate.Waxabajjii 19, 2013 humni addaa WBO basaasa Wayyaanee Taddaasee H/Sillaasee jedhamu Godina Wallaggaa Bahaa Ona Giddaa bakka Guttiin jedhamutti tarkaanfii maayyii irratti fudhate. Basaasni diinaa kun yeroo tarkaanfiin irratti fudhatame qubatoota keessa sosso'uun qubatootni sochii sabboontota Oromoo fi odeeffaannoo sochii humna addaa WBO hordofanii akka gabaasaniif ijaaraa ture. Tarkaanfii humna addaa WBOn fudhatame kanaanis basastotaa fi lukkeeleen Wayyaanee akka malee rifatuu fi yaaddoon ittii buluu ajajni WBO godinichaa hubachiise.

Kana malees WBOn poolisoota Wayyaanee booji'e barsiisuun gaggeesse. Humni addaa WBO Godina Wallaaggaa Bahaa keessa sosso'u poolisoota sirna Wayyaanee Ona Haroo Limmuu irraa sakattaaf bobbaafaman shan booji'uu ajajni WBO Godinaa kanaa hubachiise. Polisootni sirna Wayyaanee Waxabajjii 9, 2013 Ona Haroo Limmuu keessatti WBON booji'amanis:
  1. Dachaasaa Galaan
  2. Amanuu Fayyisaa
  3. Koostir Ballaxaa
  4. Guutamaa Caalii
  5. Baddeessoo Fayyisaa
tahuu kan hubachiise ajaji WBO Godina Wallagga Bahaa, booji'amtoota kanneeniif barnoota, ABOn akka Wayyaaneen ololutti shororkeessaa fi farra ummata Oromoo akka hin tahini hubachiisuun akeekaa fi kaayyoo ABO barsiisanii dhiifama gochuufiin gara maatii isaaniitti geggeessee jira. Boji'amtootni gadi dhiifaman kunneenis barnoota kennameef irraa hubannoo argatuu beeksisuun gara fuula duraatti gochaa dantaa ummata Oromoo tuqu raawwatuu irraa kan of qusatan tahuu waadaa seenuun qabiinsa WBOn godheefiif galatoomfatan.

Akasumas Godina Wallaggaa Bahaatti tarkaanfii basastotaa Wayyaanee irraatti fudhatuun itti fufe. Humni addaa WBO Onaa Haroo Limmuu bakka Danbii jedhamutti humna tikaa Wayyaanee oddeeffaannoo funaanuuf bobbaafame keessaa qondaala tikaa Adaanee kiroos jedhamu irraatti tarkaanfii mayyii fudhatee jira.

Humni addaa WBO tarkaanfii Waxabajjii 4, 2013 fudhate kanaan basasaa tarkaanfii irratti fudhate kana irraa boombii harkaa 4 fi rasasaa 25 irraa hikkaachuu ajajni humna waraanaa addaa WBO Godina Dhihaa Oromiyaa beeksisee jira. Tarkaanfii fudhatame kanaanis ummatni naannoo gammachuu isaa ibsachuu ibsi ajaja Godinichaa dabalee hubachiisa.

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment