Duulli Sabboontota Oromoorratti godhamu, QBO dhaabuu hin danda’u

Adoolessa 23, 2013 Abdii Boruutiin* 

Erga TV Aljaziraa irratti Sabboontota Oromoo sadi (Dr. Fidoo Eebbaa, Obboo Jawaar Mohaammad fi Obboo Mohaammad Adamoo) waliin waayee saba Oromoorratti mariin godhame fi keessumayuu Sabboonaan Oromoo Obboo Jawaar Mohaammad gaafii isaaf dhiyaatef “Ani dura Oromoo dha…”  jedhee deebii kenne booda, Habashootni gamaa gamanaa wacaa akka jiran hubatamaa jira. Habashootni, dhimma kanarratti maaliif akkanatti maraatanii, hucuu gatuuf akkana ta’u? Jawaar ilma Oromoo akka ta’e duraan otuu hin beekin hafaniitii moo maaliif akkanatti dubbataatu isaan aarse?Sabboontotni Oromoo, nuti dura Oromoo dha akka jedhan har’a itti mul’atee? Moo dhimmi Oromoo yeroo duraatiif sabaa-himaa Addunyaarratti dubbatamuu isaatu garaa isaanii gubee; isa kanaan aaruudhaan Sabboonaa keenya kanarratti abaarsa fi olola akka rooban isaan taasise laata?Sana booda hoo Sabboonaa keenya Dargaggoo Abdii Fiixee akka reeban kan isaan taasise maali? Asirratti gaafiilee baay’eetu ka’uu danda’u. Haa ta’u malee, dhimma kana karaa adda addaatiin ilaaluudhaan, akka yaada kiyyaatitti sababoota adda addaa tilmaamuun yaala.

Akka natti fakkaatutti, Jawaar ani dura Itoophiyaawii dha jechuu dhiisee ani dura Oromoo dha jechuu isaa akka yakkaatti kan fudhataniif sababootni adda addaa jiraachuu danda’anillee, ololli Habashootaa kun kaayyoo gurguddoo afur qaba jedheen yaada.
Tokkoffaa, sochii musiliimota Itoophiyaa kana keessatti, Obboo Jawaar xiinxala bal’aa godhuu birallee dabree akka hogganaa tokkotti ilaalamaa waan jiruuf; jaalala fi kabajas argachaa waan dhufeef, inni kunoo dhiphina qaba; kaayyoo saba tokkootiif (Oromootiif) qofaa dhaabbata; musiliimota Itoophiyaatiif dubbachuu hin danda’u jedhanii akka inni shakkamu fi jibbamu godhuuf, olola wal shakkisiisuu oofu.
Lammaffaa, akkuma dur baran, akkuma yeroo hundaa dubbatan, waayeen dhimma Oromoo yoo ka’u, isa kana akka dhipinaatti waan ilaalaniif; kaayyoo QBOs akka fottoqinsaatti qofaa waan fudhataniif, carraa amma uumame kanatti fayyadamanii; kunoo Oromoon Itoophiyaa hin barbaadu jechuudhaan saba Oromootti diina baay’isuuf olola akkanaa afarsu. Kuni ammoo Oromoo fi Sabaa fi Sab-Lammoota impaayarittii sana keessa jiran jiduutti wal shakkiin uumamee, uummata Oromootti akka diinni heddoomu taasisuufi.
Sadaffaa, akkuma makmaaksi Oromoo “Sa’a abbaan gaafa cabse, ormi ija jaamsa” jedhu, mooraa keenya keessaa namootni ykn gareeleen tokko tokko akka dhuunfaattis ta’ee akka jaarmayaatti gadi bayanii waayee Itoophiyaa diimookraatessuu fi haaraa ijaaruu waan leellisaniif; sababa kanaan ammoo Oromummaarratti dhiibbaa waan fidaniif; Oromoon tokko ani dura Oromoo dha yoo jedhu, projaktii jara kanaa faallessuu akka danda’u olola oofuudhaan ilmaan Oromoo jidduuttillee wal shakkii fi jibbinsi akka uumamu taasisuufi.
Afraffaa, Yeroo ammaa, yoomiyyuu caalaa kaayyoon mooraa Oromoo bakkee lamatti bayee (Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu) waan mula’teef, kan Itoophiyaa diimookraatessina jedhan ofitti qabanii; warra kaan achi baasanii dadhabsiisuuf jecha maqaa Itoophiyaa dursuutiin Sabboontota Oromummaaf dursa kennan irratti olola oofu.
Egaa qabxiileen ani armaan olitti gaggabaabsee akka tilmaamaatti kaase kun, uummata ykn saba Oromoo miidhuuf kaayyoo olola Habashootaa haa ta’an malee, sabani isaan akkanatti maraataniif garuu kana qofaa miti. Maaliif Sabboontota keenyarratti akka dhuunfaatti olola oofu? yookaanis lubbuu isaaniillee galaafachuuf isaan adamsu ykn reebu? jennee yoo gaafii kaasne, kunis akkasuma tilmaama gara birattii nu geessuu danda’a. Isa kana keessaayis tokko tokko tuquudhaaf:
A) Oromummaa fi Sabboonummaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti babal’achaa fi guddachaa waan dhufeef; keessumaayuu ammoo dhalootni haaraan (Dhalootni Qubee) dhaloota duraanii caalaa sabboonummaan isaanii Habashoota waan sodaachisuuf, Sabboontota akkanaa kanatti xiyyeeffatu
B) Yeroo ammaa jaarmayaan Oromoo ABOllee dabalatee kan humna cimaa fi abdachiisaa qabu fi Habshoota sodaachisu mul’achuullee baatu, gama dammaqinsa fi sochii uummataatiin qabsoon cimaa dhufee; Habashoota waan hirriiba isaan dhoowwuuf (dhoorkuuf) Sabboontota uummata kakaasuu danda’an dafanii mataa gadi qabachiisuuf olola danda’amu hundaa isaanirratti oofu; kana birallee dabranii lubbuu isaanii gaaga’u
C) Obboo Jawaar yoo fudhanne, Habashootni akkuma dur baran fi tooftaa siyaasaa isaanii ta’e, Oromoota ciccimoo fi kan dandeettii addaa qaban ofitti qabanii maqaa Itoophiyaatiin kaayyoo isaanii bakkaan gayachuuf yaalii godhanii; garuu Obboo Jawaar karaa kanaan isaaniif qabamuu dinnaan itti garagalanii duula irratti banu.
Wanti hubatamuu qabu, namni tokko “Ani dura kana…” jedhee eenyummaa ofii ibseef ykn isaaf dursa kenneef yakkamuu hin qabu. Kan Oromoo garuu wanti adda godhamee akkanatti irratti duulamuuf, dhuguma Itoophiyaa tanaaf quuqamanii otuu hin taane, carraa argame kanatti fayyadamanii Oromummaatti xiyyeeffachuu fi qabsoo bilisummaa Oromoos dadhabsiisuuf malee, mee  fakkeenyaaf otuu namni biraa Sabaa fi Sab-Lammiilee impaayara tanaa keessaa ka’ee “Ani dura….” jedhee dubbatee, kun waan akkanatti raajessamu natti hin fakkaatu. Maarree, kan Oromoo maaliif adda ta’e? Deebii gabaabaan gaafii kanaa, Oromoon waan sodaatamaa jiruuf, sababa kanaan uummata kanatti diina heddoomsuuf shira godhama jiruu dha.
Kan ta’es ta’u, warra kompiitara duuba taa’anii wacaa oolan dhiisii yookaanis ammoo cuubee (albee) qabatanii Sabboonota keenya miidhuu yaalan dhiisii; warri meeshaa waraanaa hammayyaa hamma funyaaniitti hidhatanuu (Wayyaanotnuu) uummata keenya sodaachisanis, hidhanis, ajjeesanis garuu qabsoo bilisummaa keenyaa dhaabuu hin dandeenye, dhaabuus hin danda’an. Haa turu haa daddafu malee, qabsoon akka ibiddaa boba’aa jiru kun gaaf tokko diinota keenya gubee akka isaan barbadeessu yookaanis akka galaanaa akka isaanirra garagalee isaan fudhatee deemu mamiin ykn shakkiin hin jiru. Sodaa kanatu har’a isaan maraachaa jira. Haa ta’u malee, “Kan sodaatanis, kan hin hafnes du’a” jedhamaa mitiiree! Hammasitti garuu bakkee hundattuu, biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, qabsoo hadhaawaan kun karaa hundaanuu ittifufa. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Oromummaatu dursa!
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment