Kanniisa Kumatu, Damma Hojjata

Adoolessa 28, 2013 | Y.G(2005) | Gadaa.com

Siyaasa Itoophiyaa bara 1991 kaasee gaggeeffaamaa jiru keessatti, carraalee nu fayyaaduu danda’an hedduu nu miliqanii jiran. Hojiilee itti fufiinsaan irratti hojjatamuu qabanii fi, wayyaanee angoo irraa qaariisuuf nu gargaaran hedduu nu mudatanii turan.carraaleen kun ofii isaanii kan umaman odoo hin taane, qaamootuma sochiilee qabsoon kan umaman turan. Carraaleen kun akkamiin nu dabranii fi maaliif itti fayyaadamu dadhabne? isa jedhuuf sababaa hedduu tarrisuutu danda’ama. Yoo danqaalee kanneen tarrisuuf ragaa hedduu qabaannu illee, waan yeroo san nu mudateef hubannoo gaariin waan jiruuf, irra deebi’uun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Garuu waan gara fuula duraatti nu mudachu malaniif bu’ura taasifachuun, wal gorfachuun dansaadha jedheen amana. wanni dagachuu hin qabne garuu, carraalee wayyaanee mogolee jalaa kaasuuf nu gargaaran kanneen, maaliif akka itti fayyadamu dadhabne qorannee isa itti aanuuf of qopheessuun fardii ta’uu isaati. Kanas ta’u sana carraalee nu milqanitti gaabbinnee akka irra hin deebi’amneef hojjachuun murteessaadha.
 
Abshaalummaa siyaasaa keessaa inni guddaan jedhu beektoonni siyaasaa, shira diinni namaa qopheessu hubatanii, akkamiin dantaa ofiif akka olfatan beekudhaa jedhu. Gabaabaadhumatti, Wayyaaneen, jiraachuuf jecha waan umtu tokko akkamiin siyaasa ofiif akka oolfatan beekuun abshaalummaa siyaasaa keessaa isa hangafa jechuu isaaniiti. Gama kanaan hojiilee akkamii hojjannee shira diinaa fashalsinee, dantaa qabsoo keenyaaf olfannee? isa jedhuuf, dhaaba qofaa gaafachuuf ariifachuu hin qabnu. Qaama tokko qofaa odoo hin taane hunda ilaallata. Hundumtu kana keessatti of ilaaluun ammo, hegareef tola. Gaafatamni kun qaama tokko qofaa irratti kan rarra’u odoo hin taane, sochii sabummaa keessatti dhuunfaa kaafnee kan hojjachaa jirru irratti, maal akka hojjannee fi qabsoo gaggeeffamuuf bu’aa akkamii akka buufne, dinni gama hundaan waan nu irratti hojjatu fashalsuuf, dhunfaa kaafnee maal akka hojjannee of gaafachuu qofaaf nu gargaara odoo hin taane, qabxii murteessaadha. 

OPDOn danqaa qabsoo saba kanaaf umamte. Kana akkamiin dantaa keenyaaf olfachuu dandeenya? Gooxiin ganda keessatti dhaabbatu ykn nama shan- shaniin bakka maratti ijaaraa jiran kana, kan diinaatii jennee irraa garagallamoo, gooxii sana diiguu fi dantaa keenyaaf karaa itti oolfannu yaanna? Dargaggoota waldaalee maayikiroo xixiqqaa fi kanneen biro jedhanii akka fedha isaanitti ofuuf ijaarratanii jiru. Kana callisnee ilaaluu moo, ykn fagootti mormuu moo, waan san gama hundaan dantaa ofiif olchuuf yoo yaadne nu gargaara? waajjiraalee keessatti ijaarsa wayyaanee hundaatti dhimma itti ba’uuf yaalla moo, isaanumatti kenninee teenya ilaaluutu waan deemnuuf milkeessa? akka kanaan waan diinni ittin nu dandhabsuuf yaadu hundaa irraa dheessuu odoo hin taane, ofirraa faccisanii mo’achuuf abshaalummaa fi jabiina keenya gafata. Wayyaaneen waan hundaa keessaa nu moggeessitee, waan hundaatti ofii ajajdee jiraachuu barbaaddi . dargaggoota keenya hojiin ala taasiftee, digirii baatee dhagaa akka cabsu taasisaa jirti. kana dhagaa cabsuu sana tole jennee fudhannamoo, lakkii jechuutu dhageetti nu hora? 

Afriikaan Kibbaa Abbaa Biyyummaan isaanii har’a hiikkaa adda addaa itti kennamus, Abbaa 
Biyyummaa isaanii kan mirkaneefatan, Afaan Qawweenn akka hin taane beekamaadha. Irra jireessa Fincila Barattootaatu sirna Appaartaayidi waggaa meeqa irratti saare, baatii odoo hin guunnee of irraa fonqolchan. (qabsoo bara dheeraa irra, fincila barattootaa wal irraa hin 2 cinneetu diina cabsee jechuufi) Nuutis carraan akkasii nu mudate akka ture shakkiin hin jiru. Kana kaasuun kiyya, qooda fudhannaa hunda namaa akka ilaallatu ibsuufi. Yeroos lammiileen Afriikaa Kibbaa Namoota siyaasa isaanii hanga barattootaatti Afaan tokko dubbatu turan. Abbaa Biyyummaa isaanii mirkaneessuu qofaa dubbatu turan. Kanaaf karaa addunyaan biraa hin yaanneen itti milkaa’aan. 

Carraan nuuti qabnus kana irraa adda miti. Addunya irratti sagalee tokko dhageesifnee, wayyaanee nuun Biyya keenya irraa nu moggeessee, saboota biro nu irratti ijaaree, hegaree keenya caalaatti dukkaneessuu ykn bara baraaf saboota waliin wal nyaachaa akka jiraannuf daboo nu irratti ijaaraa jiru dura hatattamaan dhaabbachuu qabna. Wayyaanoonni shirri nu irratti hojjataa jiran akka gaariitti kan hubate, qabsoon Oromoo gama tokkotti cite diinatti akka fuulleffatuuf halkanii fi guyyaa akka hojjatu hin shakku. Har’a wayyaaneen Oromiyaa keessa maqaa investimantiin namoota alaas ta’u Biyya keessaa qubsiisaa jirtu, hegaree keenyaaf summii guddaadha. Fnfinnee hanga KM 45 tti bal’iftee, magaalaalee Oromiyaa kana keessa jiran, Bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuuf hammeenyi hojjachaa jirtuu fi carraa ijoollee Oromoo Afaan isaaniin akka hin barannee fi hin hojjannef shiraa jirtu kunoo toban tokko dura wixineen isaa raggaasifamee jira. 

Har’a rakkoo nu gidduu jiruuf furmaata hatattamaa barbaadanii gara diinaatti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Har’a waan Oromoo Dhaaba siyaasaa tokkotti qofaa kan laatamee manatti ol seenamee bu’aa eeggannu miti. Jaallannus jibbinus, dhaaba qabaannus dhisnus, dhimmi Oromoo shiroota wayyaanee hundaan marfamee jira. Har’a kan yeroo kami irrayyuu gamtaa nu barbaachisa. Gamtaa hojiin of mul’isuu. Qabsoon Oromoo seenaa qaqqaalii hedduu dabarseera. Har’a garuu seenaa kanaan duraa caalaa yeroo itti hojjachuu qabnuudha. Carraa har’a keessa keenyaa kaanee hojjannutti fayyadamuun barbaachisaadha. Hawaasi Oromoo bakka maraa jiru waan hundaa dhimma kiyya ykn dhimma Oromooti na ilaallata jedhee, bakka maratti yoo socha’e Qabsaa’ootaaf hubannoo gaarii kennu ta’a. hamilee illee ni ta’a. Yeroo wayyaaneen maallaqa dhabdee rakkachaa jirtu kanatti caalaatti sagalee keenya dhageesifnee dhageetti horachuu qabna.(wayyaanoonni ofii tujaaranii sirnicha deegsanii waan jiraniif. Kana malees gabaasi odiitaraa gidduu kana paarlaamaa wayyaaneef dhihaate kana dhugoomsa) Addunyaan wayyaanee dantaa isaaf gargaaruun hin hafu. Gargaarsi kun waan biyya keessa jiruun wal qabsiifne akka harka dachaafatan taasisuun hunda keenya irraa eegama. 

Har’a Biyyoota hambaa keessatti Oromoo fi Oromiyaa beeksiisuufi dhageetti argachuuf, Ilmaan Oromoo dhuunfaa irraa hanga gamtaattii sochiin taasisaa jiran dacha, dachaan dabaluu qaba. Gidduu kana Lammiilee Oromoo Addunyaa irra jiru hundaa abdii kan itti hore, TVn Aljaziiraa gaffii fi deebii taasisee fi Namoonni achi keessatti deebii kennan, dhimma Oromoo irratti yaada tokko qabaatanii argamuun isaanii hamilee nu keessatti hore ilaallee carraalee akkasii hedduummeesuuf carraaquu nu barbaachisa. Gaaffii fi deebiin kun maaliif dhageetti Ilmaan OROMOO maraa hawwachuu fi hamilee itti horuu danda’e? Inni jalqabaa bu’aa qabsoon Oromon, miidhaan jiru miidiyaaleee addunyaa keenyaa hawwachuu isaanii yennaa ta’u inni lammaffaan, sabboontoota Oromoo gaaffii fi deebii sana keessatti hirmaatan, dhimma Oromoo fi Oromiyaaf dursa kennu irraa sagalee tokkon waan barbaachisu bakkaan ga’u isaaniti. 

Carraan kun karaa kamiinu haa argamu. Garuu dhimma itti ba’amee bu’aa qabsoo ofiif oolfamee jira. Kana keessatti namoonni akka dhunfaa fi gamtaatti galateeffamuu ni danda’u. garuu adeemsi kun barnoota nuuf ta’ee hundinu bakka jirutti yoo carraaqe maal hojjachuu 3 akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara. Dhugumatti hojiileen akkasii nama boonsan. Garuu yoo itti yaadame kana caalaa hojjachuutu danda’ama. Wayyaaneen ummatii keenya miidiyaa tokkollee akka hin qabaannee irratti hojjachaa jirti. kana cabsinee yoo humni nu hayyamuu baate illee, maloota hedduu saganteeffannee waan amma hojjanne kana dabaluun ni danda’ama. 

Kana malees Biyyoota adda addaa keessatti dhimma Oromoo fi Oromiyaa beeksisuu keessatti sochiin taasifamaa jiru dhibbaan wayyaanee irratti qabu salphaa miti. Hundumtu ajaja eeggachuu dhiisee waan irraa eegamutti odoo babba’ee, bakka tokkotti wal danquu irraa baraaruu fi hojii qofa irratti akka xiyyeeffannuf nu gargaara. Carraa Baqattoota Oromoo Biyya MISIRAA keessatti hojjatame waan salphaa miti. Gama kanaan waan of eeggachuu qabnu hedduu ta’us, carraa kanaan garuu waan nama boonsu hojjatanii jiru. Yoo Ummati jabaate, Dhaabis jabaata. Beektoonni keenya waan kana irratti jabeessanii hojjachuu isaan barbaachisa. Sochii akkasii walin sochiin dhaabaa jabaachuu akka qabu gaaffii hin qabu. Kun ammo hojiin kan mul’atu ta’uun hin hafu. 

Biyyoota alaa keessatti wal ga’iileen gaggeeffamaa jiran maal nu akeeku? Qalbiin Ummataa maal yaadaa jiraa? yoo jenne waan abdii nu kennu hedduudha. Har’a wayyaaneen kan dhaabbattee jirtu kan fakkeessaa jiran, Biyyoota hedduudha. Kanneen keessaa Ameerikaan adda dura. Itti aanee chaayinaadha. Hindiidha. Kkf. Maarree akka gaaritti daganteeffannee, itti qophoofnee embaasoota isaanii Biyyoota gara garaatti argamanitti hiriira baanee, hegaree keessan yaadaa !!! maaliif hin jennu? gama kanaan waa hedduutu nu hafa. Waan kana gamteessanii hojjachuun, akka itti fufu taasisuun qaama irraa eegamu qaba. Ammatti garuu sochiin Oromoon akka dhunfaatti ka’ee hojjachaa jiru hegaree keenyaaf waan tolaa qabaa itti jabaachuu nu barbaachisa. Sochii kana ammo namoonni dhuunfaan walitti dhufanii, MARSAA INTARNEETAA bananii, TVn, Raadiyoon, Maxxansaalee gara garaa irratti hojiileen hojjachaa jiran, sochii Ummatichaa caalaatti jabeessee gara fuula duraatti kan furgaasu ta’uu shakkiin hin jiru. Hir’inni hin jiru jechuu miti. Jiraachuu mala. har’inni jiru garuu hojiin irra aanamuun waan hin ollee. Hegareen kan abbaa haqaati waan ta’eef. 

Akka walii galaatti, carraa gama hundaan jirutti dhimma ba’uuf yeroo hundaa qophaa’uu, carraalee dhimma keenyaaf bu’aa argamsiisan ammo akka gaaritti itti fayyadamuuf hojjachuun, saba ofii waan salphisu odoo hin taane, boonsu hojjachuuf, Oromoo fi Oromiyaaf dursa kannuun Tokkummaa nuuti hawwinuu milkeessuuf meeshaa guddaa nuuf ta’a.
 
Kannis kumis ta’uu isaa ol kan guyyaa guutuu asiif achi jooraa oolaniif, damma tolchuufi. damma sanaaf gamtaan isaanii murteessaa ta’uu sadarkaa isaanittu itti amananii waliin hojjatan. Garuu kan dadhabii isaanii argachuu kan dhorkuun hin jiru. Kannisi tokko keessaa har’achuun, isa kaaniif hojii dabalataa malee, dammicha hojjachuun akka hin dhaabbanne itti amanu. Bakka jiran habaaboo isaan barbaachisuf mijataa ta’uu baatuus, damma hojjachuu hin abaaran. Bakka jiru fidanii damma sana tochutti amanan. Bilisummaanis akkasuma. Dhalli namaa ammo kana irra yaaduun akkuma umamaatu nurraa hin eegamuuree ????????????waan bilisummaa nu argamsiisa jennu maratti dhimma haa baanu !!!!!!!!!!!GALATOOMAA ! 

Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment