Kora Gamtaa Adda Bilisummaa Oromoo 18ffa Kan Bara 2013 fi Toorban Oromoo Magalaalee Lakku Minnesota

Korri Gamtaa Adda Bilisummaa Oromoo kan bara 2013 magaalaalee lakkuu Minneapolis fi Saint Paul tti Adoolessa 3 hanga Adoolessa 6tti geggeeffamaa ture milkii fi muratnoon xumurame.

ABOn ergaa caasaa isaa biyya alaatti diriirsee eegalee Korri Gamtaa bifa kanaan kan jalqabe Korri 1ffaan bara 1996 Magaalaa guddo Washington DCtti yeroo ta’u bifa wal irra hincitneen Korri 18ffa bara kana milkiin xumuramuun itti fufinsa QBO ABOn durfamuuf adeemsa amansisaa ta’e galmeessee jira. ABOn bu’a ba’i hedduu keessa ba’ee as ga’un, kanaan boodas haala Ummata Oromoo jijjiiruuf hiree Oromoon qabuu daandii ABO ta’u kanneen mirkaneessan keessa Dhaabootni fottoqinsaanis haa ta’u fincilaan akkasumas gantummaan harca’aa turan kanneen Dhaabichaa waliin Kaayyo walfakaata qaban gama mooraa qabsootti deebi’uun, kanneen hafan faca’un ykn dhaabota faalla QBO geggessanitti maxxanuun yeroo dhabaman maqaan ABO jedhuu fi qophiin maqaa ABOn bakka sadii afuritti qphaa’ee Haawasicha afaanfaajjessaa ture bara kana qulqullaa’ee qophiin ABO tokkichaa bifa mirqaansaan geeggeeffamuun dhaadannoo “ABOn kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromooti” isa jedhu irra deebi’ee mirkaneesse.

Toorban kana magaalaalee lakkuu kana keessatti kanneen masaanumma ABO irratti hunda’uun Siiyaasaa Oromoo oofan warrumma dhaabicha irra arcaa’anii fi wagga afuur keessatti dhaabaa fi dhaabbi yero afur jijjirratan irra kan tolfamee geeggefama turuun dhimmi Oromoo bifa fedheenuu waanuma Adda Bilisumma Oromootti marfafama oolu ta’un bu’urri siyaasaa Oromos akkasuma ABO ta’u isaa mirkaneessa.

Toorbanuma kana keessa magaalaalee lakkuutti kan bifa Sportii, Arti fi Hawaasummaan waan Oromummaa miidhagsantu geggeeffamaa ture. Qophiileen kun heddu kan nama gammachiisanii fi kan Oromoos bifa addaa addaatiin biyya addaa addaa irraa walitti fiduun Minnesota daranu Oromiyaa xiqqaa fakkeessuun toorban guutuu ayyaaneffamaa turuun kanneen toorban Oromoo jechisisan keessaa tokko ture.

Qophiileen toorban kanaa gama Sportiitiin wal-dorgommii Kubbaa Miilaa kan Federeshina Amerikaa Kaabaa, Qophiileee Bashanannaa Artistoota Oromootiin toorban guuttu ta’a ture, keessummattu qophiin Ayyaana waggaa 50ffa Artist Ali Birra bareedina Afaan Oromoo dhageessisuu itti eegale kan itti kabajamee fi akkasumas qophiin bashananaa (Picnic) wagga waggaan Waldaa Hawaasa Oromootiin qopha’u kan itti ta’e toorbanuma kana keessa.

Egaa isa kanatu toorban kana magaalalee lakku Minnesota “TOORBAN OROMOO” jechisiisuu irra darbee sirnaan beekumsa argatuun bulchiinsi Magaalaale Minneapolis fi Saint Paul, Minnesota (Mayors of Minneapolis and St. Paul) Guyyaalee Waxabajji 29 hanga Adoolessa 6, 2013 jiran “Oromo Week” jechuun sirnaan labsan.

Oromoo fi Oromummaan waan dhalootan dhufe ta’ulle mirgii Dhalotaa sirna ol’antummaa gitta bittootaatiin aguugamee jaarra tokko oliif kan ukkaamsamee ture ifatti kan ba’e qabsoo ilmaan Oromoo qaroo bifa qindaween eegalanin akka ta’e yaadanno keenya isa kaleessaati. Sochilleen fincila Oromoota Bale, bu’ureffammuun Waldaa Maccaa fi Tuulaama seena qabsoo Oromoo keessatti ga’ee olaantummaa haa qabataniyyu malee bifaa Siyaasaa baraneetiin gurma’uun Qabsoo Bilisummaa Oromoo boqonnaa haaraatti ceesisuuf bu’reffamuun Adda Bilisumma Oromoo isa angafa dha. Guyya kana irra eegale hanga harraatti jiraachuun ABO madda burqaa Jaarmaayaalee Oromoo bifa Hawaasummaan, Artiiin, Aadaan akkasummas siyyasatiinille ta’e as ga’ee dha. Impayeera Itophiya keessatti Dhaabbotiin Siyaasaa yeroo ABOn itti hundeeffamee waliin wal gitan hedduun ka’ani sadarkaa biyya bulchuullee qaqqaban hundinuu badani kan dhugaa fi haqaa isaa qabatee as ga’e ABO duwwaa ta’u isaa argina. Fakeenyaaf dhaabotni sadarkaa biyyoollessaatti angaa’o turan knneen akka MEISON, DARGII, IHAPA fi kanneen kana fakkaatan umriin isaan ni gabaabbate. DARGIIN sadarka mootumma ta’ullee kan qaqqabee waggoota kudha toorbaaf mootummaa ta’uun Humna waraanaa Sadarkaa Afrikattillee sodachisaa ture ijaaree kan bobbaasee fi Afrikaa keessattis Impayeritti motummaa aangawa kan taasise waggaa 17 booda akka duumessa bonaatti bittinnaa’e. Dhaabbooleen kaan duranuu isa kanaan nyaatamani dhumuun tasa badan. Dullli Mootummaa aangawaa kanaa ABO fi Saboontota Oromoo irrattilee godhaa turee olaanaa ta’uyyuu Dhaabotaa asiin ol tuqne keessa hanga guyyaa harratti kan deggersaa Ummata Miliyoonaan lakka’amu qabate as ga’e ABO duwwa dha. Wabiin jireenya Dhaabichaa dhugaa fi haqa inni dhaabbateef yeroo ta’u bu’urri isaas Ummata dhaabbateef sana sababi ta’eef hanga Ummatni Oromoo mirga Adda Bilisumaa Oromoon wixiname argatutti jirachuun ABO shakki hin qabu jechuu dha.

Waan kana kan kaasneef akkuma mata duree jalatti tuqame jiraachuun ABO jiraachuu sochiilee caayaalee fi dhaabbilee Oromoof bu’ura isa jedhu mirkaneessuf, akkasumas falmii gareen tokko tokko ABOn akka barbaachisummaa hin qabneetti dhiheessan wal faallessaa ta’u isaa ibsuuf.

ABOn utubaa fi madda sochiilee Oromoo sanaan booda dhalataniiti. Waan Oromoo bifa fehdeenuu waan ABO waliin wal qabataa dha. Jaarmaayaan maqaa Oromoon sosso’an martinu bifa fedheen utuu ABO maqaa hin dha’in waan dhaabbataniif sana ibsuun isaan rakkisa. Kun bifa deggersaa fi bifa morminis ta’u ni danda’a. Kanneen dhaabicha mararfatan maqaa isaa bifa deggeersaan kaasu, kanneen balaaleffatanis bifa mormiin kaasu. Bifa hundaanu ABOn hundee siyaasaa fi falmii Oromoon godhatuuf bu’ura ta’u mullisa. Kanaafi wanti Oromoo hndinu ABOtti marfama (Orbits) kan jennuuf.

Koraa ABO 188ffa magaalaalee lakku keessatti godhame irrattis kan agarre bu’a ba’I heedduu booda, Jaarmayaaleen fotoqinsisaanis, ganinsaanis, harca’unis dhaabicha irra ba’an hundinu bittinnaa’ani ABOn bakkaa dhugaa isaaf maluu qabatee hafuu adeemsoota mirkaneessan kan irratti agarre ta’u ifatti afaan guutne dubbatuu kan itti dandeenye ta’uu mirkaneessuuf. ABOnis kan inni miidhagu jaarmaayaaleen Oromoo kan Aada, Sporti, Hawaasaa fi Aartii akkuma toorban kana magaalale lakkutti walcina geggeffama turan yoo jiraatan ta’un mirkana. Isaan kunis jiraachuu fi dagaaguu ABOtiif wabi dha, Sababiin isaas hawwiin ABO ummatni Oromo bifa adda addaa akkasiin gurmaa’ee dantaa Oromummaa isaa geggeffatu arguu waan ta’ef. Fedhiin ABO fi fedhiin ummata Oromo kan walmalee jiraatu hin dandeenye fakkeenya fulaa lama beeseen tokko qabu (two faces of the same coin) waliin fakkeeffamu dha.

Kora ABO Amerikaa kaabaa bara 2013 irrattis kan mirkaaneeffatne Ummatni Oromoo yeroo hunda caalaa fuulla isa gara Adda Bilisumma Oromootti deeffatuu isaatiif, akkasumas haalli Ummata Oromoo kan inni jijjiiramuu danda’uu yoo yaadni Adda Bilisummaa Oromoo mo’e duwwa akka ta’e ifatti mullisuun “ABOn kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromooti” inni jedhu kan itti irra deebi’e mirkanaawe ta’u isaati.

ABOn Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromooti!

Injifatnoo Ummata Oromoof.

No comments:

Post a Comment