MIILA LAMA QABAATANIIF, MUKA LAMA HIN YAABAN DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA

Adoolessa 18, 2013 | Y.G(2005)*

Mata dureen barruu kiyya har’aa lamadha. Tokko firaaf, tokko diinaaf. Waggoota dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan mul’atu hundaaf, sababaan Hogganaa jedhamee ka’uun dhaga’a. Hogganoonni Qabsoo Oromoos komee kana of irraa kaasuuf, Hogganummaa irraa ka’uu akka danda’an dubbachuu isaanii dhaga’eera, argeeras. Ani gama kootiin, Hogganoota qabsoo haa geeddaraman, ykn haa ka’an, ykn isaantu qabsoo duubatti harkise yennaa jennu, akka waloottis, dhunfaattis yennaa arrabsinu, salphisnu, Dulloomaniiruu haa ka’an yennaa jennu, Namoonni qeeqa kana kaasan, mooraa qabsoo Oromoo akka gaaritti hubatanii ykn xiinxalanii dubbataa jiru? moo, namni waan jedhuuf afarsaa jiru? moo, addunyaa irratti waan arginu irraa ka’anii, odoo lafaa waa hin qabaatiin ykn sochii tokkollee hin taasisiin lallabaa jiru? moo, haaluma qabsoon Oromoo itti jiru akka gaaritti qalbeeffannee dubbachaa fi qeeqaa jirra moo, furmaata dhumaatu kanaa jennee dubbannamoo, halgaan isin hogganuu dandeessu jedhanii dantaa isaaniif waan gara garaan waan nu dammaqsaniif dubbannaa? moo, dhuguma dhaloota haaraa isaan dhaalu qopheeffannee lafaa qabnamoo, namni dhuunfaa hogganoota waliin wal dhabee waan katabee ykn dubbateef waliin dhaabbanna moo, Hogganootuma qabsoo kana kaafnee akka haaraatti of dhaabnaadha moo,…….. maal jechuu akka barbaadamu naaf hin liqifamu.

Akka dhala Oromoo tokkotti, Qabsoon Oromoo jabaatee wayyaanee dachee nyaachifnee, Biyya abbaa koo irra jiraachuun hawwii kiyya jalqabaati. Kana dhugoomsuuf waan barbaachisu hundumaa hubachuu hin dadhabu. Maal yoo goone injifachuu akka dandeenyus tilmaamu hin dadhabu. Waan har’a ija koo dura wiwirriftu ilaalee, waan fagoo ofitti hin dukkaneessu. Siyaasa warra gawwaa akka taanus hin fedhu. Akka amma itti jirruun garuu, akka Mooraan qabsoo Oromoo fi Qabsaa’oonni itti jirani fi Ummati keenya Biyya keessaa fi alaa keessa jiranitti, yaada/komee Higganoota Qabsoo karaa fedheen geeddaruun, furmaata akka hin taane, inumaayyuu adeemsa ykn xurree Qabsoo Oromoo cichoominaan qabamee jiru duubatti deebifnee, umurii wayyaanee addaan citu hin dandeenyetti akka hin ceesfneen sodaadha. Yaadi summii hedduun marfame kun, ammatti gonkumaa barbaachisaadha jedhee hin yaadu. ittan amanas. kanaafan mata duree lama filadhe.

Kun dorsisa miti. Haqa boruu arguuf teenyudha. Rakkoon kiyya Hogganoonni jijjiiramuu fi dhiisuu irratti miti. Saba Aadaa boonsaa qabu keessatti miti, warri seenaa namaa dhaaltee ittiin jiraattu iyyuu Maqaa Dimokiraasiin wal furuu kabeebsaa ykn Biyya tokko irratti seera raawwachiiftu bara baraan hin jijjiramne keewwatanii, Pirazadanti geggeeddaraa ni jiraatu. Hogganni sabaaf hin ta’iin, ofii isaayyuu waan dursitummaa irra of kaa’uuf naaf hin galu. Garuu waan hundi akka qabaafan ejjannoo kiyya ibsee yaada akka wal jijjiirruu barbaade.

Mata dureen koo jalqabaa, “Miila Lama qabaataniif, muka lama hin yaabanii ” kanan jedheef, Har’a Mooraan Qabsoo Oromoo maal keessa akka jiru kan hubatee, yaada ykn komee kaafne kaasuun yeroo isaa mitii jechuufi. Mooraan qabsoo Hogganoota geeddaruuf, dursee deebisee of dhaabuu qaba. ABOn ykn ilaalchi wal fakkaataan gama tokkotti luucca’uu qaba jedheen yaada. Kana yaadaa yaada lammaffaa kanas yaaduun kan danda’mu natti hin fakkaatu. Hoggana kan ta’u odoo hin horannee ykn hin qopheessinee, yaada kana hojii irra oolchina yoo jenne, badii ulfaataatu nu mudachuu danda’a. kan har’aa ilaallee dubbanna yoo ta’e, kana hundaa galgala tokkotti, fixachuun ni danda’ama. Kan itti jirru waan lubbuuti jennee kan itti amannu yoo ta’e garuu, dursa laachuufi qabnuuf dursa laannee waan bilchaataa hojjachuu nu barbaachisa. Hogganoota qabsoo amma jiran rakkoo ykn hanqina hin qaban jechuu kiyya miti. Bara baraaf haa jiraatan jechuu kiyyas miti. Hundumtu akka qaba.

Waan qabatamaa yoo kaasuun barbaachise, Mooraa Qabsoo Oromoo har’a kan hogganaa jiran eenyufaati ? dhaabbilee Siyaasa Oromoo Biyya keessaas ta’uu alaa kan dursaa jiran eenyu? dhaabbileen kun waan fedheenu adda baba’anii haa baayyatan malee, hundi isaanii, HUNDEESSITOOTA QABSOON hogganamaa jiran. Dhaaba siyaasa Oromoo kamu ilaala. umuriin yoo deemnes warra wal cinaa jiraniidha. Egaa haa geeddaraman yennaa jennu kan ABO qofamoo, kan hundaati? kanneen hunda ni kaafna yoo jennee, eenyun bakka buufna? mee komee hedduun kan irratti ka’uu ABO haa fudhannu. Dhalooti Hogganoota ABO har’aa irraa Qabsoo gaggeessuu dhaalu, eenyufaati? maqaan kaafnee dubbachuu qabna . eenyummaa namootaas xiinxaluu qabna. yoo akkas ta’e deebii hegaree keenyaaf tolu argachuu dandeenya. Nurraa haa ba’uuf waan gaafannu hin jiru. Kun waan lubbu ykn jireenya ummata M.40 ti. Warri kaleessa nu hojjachiisuu didanii, dhaloota kana waliin wal ta’uu didanii jedhanii hundeessitoota qeeqan irra jireessa har’a maalitti jiran? eessa jiran? dhaaba kana keessaa achi ba’anii maal hojjatan? qabsoo isaan dursan dhaabne jedhani maal ta’an? kana hundaa ilaalu nu barbaachisa. Ani hogganoota irra harka qabaa hin jiru. Haala irra jirru haa hubannun ejjannoo kiyya .

Kan har’a qabsootti cichanii hogganoota kana walin arsaa kafalan, abdii dhaabaa kan ta’an har’as qabsoo kana keessa jiran. Kun haqa. isaan qabsoo kana dhaalanii gaggeessuuf garuu, battalumatti itti kennamee egaa mee gaggeessaa ykn bu’ureessitoonni ammo nurraa bu’e, jedhanii kan walirraa galamu odoo hin taane, keessa ofii ilaallachaa deemuutu murteessaadhan jedha.

Mata dureen kiyya lammaffaan “ dhidhibbaan halagaa, lammata cabuudhaaf ” jedha. Kana kaasuun kiyya, Hogganoota ykn bu’ureessitoota Qabsoo Oromoo, Hogganummaa irraa kaasuuf, warri faranjii, Biyyoonni ollaa, dhaabbileen Biyya keessaa fi alaa gara garaa shiroonni isaan gaggeessan lakkaa’amee kan dhumu miti. Jarri kun hundumtuu Hogganoota kana kaasuuf malli itti gargaaraman ifa jira. Warri dhihaa dantaa isaanii hegareef jedhanii shirri qabsoo keenya irrattii gaggeessan ni jira. Biyyoonni ollaa akkasuma. shirri kun bara Hogganoota qabsoo 7 Boolla tokkotti rsahananii kaasee gaggeeffamaa kan jiruudha. Har’as qabsoo kana gama hundaan laamsheessanii warra dantaa isaanii gaggeessan bakka buusanii Ummata kana waan barbaadan keessa jiraachisuuf shirri isaan gaggeessan daangaa hin qabu. Dhiheenyuma kana dhaabbileen siyaasa Itoophiyaa tokko tokko fi Biyyoonni ollaa wal ta’anii ABO dhaaluuf sochii isaan taasisan ragaa qabatamaa kan yeroo dhihooti. Egaa isaan dantaa isaaniif jedhanii kan raawwachiisan waliin sirbaa jirra yoo ta’e, Hogganoonni ega ka’anii booda warra Oromoo ofiin jedhanii haasa’an irra keewwatanii jiraachuu barbaadu jedhee akka gawwaa kan yaadu yoo jiraate, daalleedha. ABO miti, OPDO keessattu kana hin raawwanne. Kanaaf, kan caba keenya fayyisuuf kan yaalan fakkaatanii caba lammaaffaa nu cabsanii waan barbaadan raawwachuu barbaadan waliin jirra ykn dubbanna yoo jenne, Hoggana kaasuun dantaa OROMOO kabachiisuuf kan yaadame akka hin taanedha.

EJJANNOO KIYYA :-

Hogganni mooraa qabsoo Oromoo walaba ta’e keessa jiran hundi, adeemsa qabsoo amma jiru kana gara tokkotti luucceessanii, cichoomina qaban caalaatti jabeessanii, moora qabsoo Oromoo tasgabbeessanii, kan isaan dhaalu irratti hojjatanii, qaraasisanii, galata isaanitti xumura tochanii Qabsoo kana Ummataan ga’anii dhaloota itti aanuuf yoo dabarsan dansaa ta’a jedheen amana. mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan haaraa uumuuf yaaluun tarii waan hamaa uumuu danda’a. diinni hogganoota akka kaasnuuf gama hundaan kan lallabsiisaa jiran Oromoof yaadanii odoo hin taane, cichoomina qabsoo achumatti awwaaluuf ta’uu hubachuu nu barbaachisa. Kana jechuun kanneen isaan dhaalan cichoomina hin qaban jechuu miti. Waan hundi akka qaba.

Mooraan qabsoo Oromoo bakka hin tasgabbofnetti wanni walirraa fuudhan, wal harkaa facaasuu yoo taate malee furmaata humaatu nu hin fiddu. Halgaan har’a keezii OROMOO bitatee biyya alaa lallabaa jiru eenyu akka ta’e ifatti hubachuu nu barbaachisa. Mooraan qabsoo Oromoo akkaataa itti hogganoota isaa wal furu, kan wallaalu natti hin fakkaatu. Hundeessitoonni qabsoo fi Hogganoonni har’a jiran ofittummaan Umurii kabajamaa kanaan, waan kana fudhachuu dhabu odoo hin taane, waan jireenya isaanii itti qisaasan akka malee, ykn galfata malee, harka diinaa akka hin seenneef keessa qabachuun, angoof bololu natti hin fakkaatu. Waan umurii itti fixan miti, waan guyyaa tokko yeoo itti laanne akkam akka nama gubdu walitti hin himnu.

Mooraan qabsoo Oromoo abbaa qaba. Har’a walitti ititi dhabuu mala. Garuu boruu ni itita. Isa itite eenyutti akka dabarsu fi akkamiin akka dabarsan kan wallaalan natti hin fakkaatu. Waan hedduun yaalameera. Shira hedduus argineerra. badaas tolaas argineerra. Kan injifatee ba’ee jiru warra cichoominaan qabatee waliin jirudha. Dubbachuu malee cichoomina warra hin qabne, eessa jiran? warri silaa ni dhaalu jedhaman, kaan harka laatee, kaan kaayyoo jijjiiree, kaan manatti galee taa’eera. Warri akkasii qabsoo dhaalanii maal fidu ??????fageessinee haa yaadnu. Ajndaan mooraa qabsoo Oromoo wal dadamachiisuu fi tumsa uumanii ABO jabaa gadi dhaabuu ammallee itti fufu qaba. Kun dirqama hundeessitootaa adda durummaan fudhatu. Isa booda wal cinaa hiriirree wayyaanee falmuun isa lammaffaa ta’a. kana keessa dhaloota hogganummaa fudhatu ijaaruun, ammas Dirqama hogganoota seenaa ta’aa. Ummata waliin hoggana jireenya isaa itti gubee afuura itti galfatu taasisanii dhaloota haaraaf bakka laachuun gamnummaa ta’an jedha.

Biyyoota addunyaa gama kanaan yoo ilaalle, irra jireessa, keessattu yeroo ammaan tana, Abbootiin irree addunyaa keenyaa Ashaangullitii isaanii muudanii qabeenyaa saamuuf fiigicha taasifamu dura dhaabbachuuf, qabsoon Ummatootaa kan gaggeeffamu maalif ? Dimokiraasi dhugaa qofaaf yaanna yoo ta’e, warri Afriikaa Kibbaa Bilisa baase maaliif hogganummaa dhalootaaf hin dabarsisne? hojiin manaa Afriikaa kibbaa dhumate jechuu dandeenyaa? warri dhalootatti dabarsuu didewoo, Abbooti irree ta’u hawwu irraatii ???? wayyaaneen maaliif Angoo dhaloota itti aanutti dabarsuu sodaatti? (dhaloota lammii isaani) Ertiraan Bilisummaa ishee gonfattee waggoota 50f humnuma tokkon durfamaa jirtu, Angoo gadhiisuu didun abbaa irrummaafidhaa? moo adeemsa warra dhihaa cichoominaan fixachiisuuf ? Albashiriin kaasuuf yaaluun, waan sudaaniif yaadamuuf qofaadhaa? keessattu warri dhihaa kan dhama’an? warri dhihaa dimokiraasii isa dhugaaf kan dhaabbate yoo taate, dhiiga ilmaan OROMOO akka bishaanii kan dhangalaasu wayyaanee maaliif gargaaru? hattummaa siyaasaa addunyaa kana keessa, waan irraa fudhannee dhiichisuu barbaannu haqummaa ni qabaataa? dura miila lamaan haa dhaabbannu. Sammuun bu’ureessitootaa har’a gargar fagaate jiru, walkkaan isaa odoo walitti dhufe, qoricha arganna. Kana deeffachuuf haa hojjannu. Humna qabnu walitti fiduu haa dursinu. Eenyullee haqa keenya ilaalee, qabxii kan nu laatu hin jiru. Kan qaawwa’e ittu nu bal’isan. Kan dabe qajeelchinee, ol haa jennu. Humni, beekumsi, dandeettin hundeessitoota qabsoo keessa jiru addunyaa kanaa gadi miti. Itti fayyadama wallaalle ykn wal dhorkine yoo ta’e malee .

Yaada koo kana marii waltajjiin caalaatti osoon ibsadhee natti tola. garuu carraa isaa hin qabu. Garuu waa tokko addatti gama qabsoo keenyaan wayita yaannu, hedduu itti yaadu nu barbaachisa. Wanni beeku qabnu, “hogganni haa geeddaramu ” qofti aantummaa saba kanaa akka hun mul’ifnedha. Yaadoota asi irratti hin kaafne qabaachuus wal haa hubannu.


GALATOOMAA !
=======================================================================
*Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment