Mooyyalee Keenyaatti Lola Jabaatti Jiraa Araarilleen Jalaan Ittuma JIra

Hagayya 30, 2013 | VOA

WASHINGTON,DC — Waraanii gosaa kun haga ji’a tokkootuu asitti akkanuma deemaa turee guyyaa sadiin duratti hammaate. Lolii aanalee Marsabeetii fi Mooyyalee kun akka warrii achii jedhutti nama kuma hedduu baqachisie.

Laftii akkana itti wal hadhan tun Keenyaa gama Kaabaa godina Marsabeti keesa.Mooyyalelleen tanuma jala jirti. Ollootii waraanaa kun Odaa, Eluu, Antuutu, Funnaan Nyaataa, Manyaataa Burjii fa. Warrii wal lolu ollaa, suuqilee fi manneen barnootaa wal irraa gubaa suuqlee saamaa waan hedduu wal tolchan jedha warrii waraana kana arge.

Lolii kun lola guddaa mi’a waraana gugurdaalleen walti guurrattan. Akka bulchaan Godina Marsabet Ukur Yatani gazexaa Daily Nation irratti jedhetti loli kun nama 20 caalaa fixe.

Akka Koomishineera Marsabeti Isai Nakouru jedhetti lola kana Gabraa fi Burjiin gama tokkoon tahanii Booranan wal lolan.

Miseensii Paarlaamaa Mooyyalee Rooba Duubaalleen tanuma jedha.

“Lola kana bulchiinsa Marsabeetitti fide, ajandaan isaa Boorana lafa isaa irraa kaasuuf..lafa irratti wal dhaban.”

Akka gaazexaan Keenyaa beekamaan Standard jedhetti waraanii hardhaa kun ganama jalqabee saatii hedduu wal irraa turee eegee waraani mootummaa kaambii ODA itti dhufe.

Akka namii waraaana kana baqate Hussein jedhan jedhetti nama kuma hedduutti daari Itoophiyaatti baqate.

Gama kaaniin ammoo lola kana dhaabuuf nama hedduutti faluutti jira.

No comments:

Post a Comment