Waa’ee Janaraal Taaddasaa Birruu

Hagayya 13, 2013 | Baqqalaa Jiraataa irraa*

Yaada barreefama Obbo Kadiroo Eleemoo Janaraal Taaddasaa Birruu ilaalchisanii barreesan ilaalu. Mata dureen barrefama obbo Kadiroo akkas jedha. “The story of a Mandela behind Mandela

Duraan durse barreefamni Obbo Kadiroo akka barreeffamatti baayee gaarii ta’uu ibsuun barbaada. Haata’u malee, qabxii lama Obbo Kadiroon Janaraal Taaddasaa Birruu ilaalchisee tuqan, waanan seenaa barreefame irraa dubbiseen walbira qabee yaada koo kennun fedha. Qabxii Inni tokkoffan yaaalii fonqolcha mootummaa Hayilasilasee irratti Janaraal Mangistuu fi Garmaamee Newyi bara 1960 godhan fashalesuu keessatti gahee Janaraal Taaddasaa yoo ta’u inni lammaffan waa’ee ummata Oromoo barsiisuu ti.

Yaalii fonqolcha Hayilasilaasee ilaalchise Obbo Kadiroo akkas jedhanii ka’an:
“They convinced a police commissioner, Warqinah Gabayyahu, to join the plot. As it was a Manzyan matter, they did not consult a man who would be a game changer, Colonel Taddasa, a decorated anti-fascist hero and the deputy commander of police.”
Obbo Kadiroon asirratti waan lama tuqan. Tokko Janaraal Taaddasaan waan Manzee hin ta’inif Mangistufan waa’ee fonqolcha mootummaa Hayilasilasee itti hin himne. Kun dhugaadha akkuma fuula duratti dubbisnu. Inni lammaffan yeroo sana kolonela kan turan Janaraal Taaddasaan goota farra fashistii ta’uu isaniti. Asirrattis rakkon hin jiru seenaa dhugaa waan ta’eef.

Garuu Obbo Kadiroon gadi siqanii: “The news of the coup was a surreal moment, a nerve-wracking and an earthquake for the Colonel since he was indoctrinated that even speaking bad of the divine emperor was transgressing the Law of God that would lead to the fall of Sky. He lost his cool for the ‘sacred’ office of ‘the God Elect’ was disputed and violated. He prepared the Ethiopian Police Riot Battalion for the Kamikaze type mission. He gathered his fellow brainwashed policemen. They passionately chanted and chanted, ‘Let us sacrifice ourselves for our beloved emperor!’ ‘Let us Perish for Ethiopia.’ He marched his men, along the national army, to restore the glory of King Solomon, the son of David, the Son of God, and, above all, to restore the Glory of God. Dying in the mission was dying for the cause of God, and the reward was The Eternal Zion.”

Asirratti eegaa yaadni Obbo Kadiroo kan walfaalesu. Janaraalichi waan hin beeknetti, kaayyoon fonqolcha mootummaa maal akka ta’e bakka warri hin mari’chisnetti hirmachuu didanii fashalesan jechudhan jechoota olitti dubbifaman tarreesan.

Mee dhimma kana ilaalchisee waan Janaraal Taaddasaan mataan isaanii yeroo mana hidhaa turan warra wajjin hidhametti himan kitaaba Obbo Ola’anaa Zoogaa “ግዝትና ግዞት” jedhu keessatti ibsame akka kanaa gaditti haa ilaalu.
“Mudde 5 bara 1953 ganama wajjira giddugalesa wardiyyaa kabajaa (imperial body guard) tti argami kan jedhu ergan na gahe. Wamichichi kun kan durii irraa waan adda natti ta’eef kolonelota poolisota lama dabaladhen bakka itti na waman gahe. Kiloo jaha yeroon gahu haala hin beeknetti walfaana seenuun gaari waan natti hin fakkanef kolonelotni lamaan achuma konkolataa keessa ta’anii akka na eeganif dhisee deemun murtese. Akka tasaa yoo isinis ni barbadamtu jedhamtanilee waamichi kun karaa koo ta’uu fi hin taanee mirkanefachuf kan isaan gargaru koodi waamichaa walif kennine ani kophaa koo deme.

Yeroon achi gahu Janaraal Mangistuu Newayi, Obbo Garmame Newayi fi kolonel Warqina Gabayyoo ta’anii na simatan. Sana booda Janaraal Mangistun raayyan Waraanaa (ጦር ሰራዊቱ) Janhoyi (Hayilasilasee) irratti waan fincilef waraanaf qopha’aa jirraa karaa keessan maal nugargaruu dandeesuu? gaafii jedhu naf dhiyeesan. Anis ejjennoo poolisii ibseefin, ejjennoo keenyaan kan walgitu ajajni yoo nu kenname raawwachuf qopha’aa ta’uun ibsef. Asuman mee yeroo xiqqof ala turaa nan jedhanii na baasan. Kana giddutti ajajaa olaanaa rayyaa poolisi kan ta’an Mejer Janaraal Tsigee Dibuu wardiyyaa kabajaatin (imperial body guard) ajjabamanii kutaa Mangistuu Newayifaa seenan. Haala isaanii yeroon ilaalu kan qabamanii dhufan ta’uun tilmame.

Xiqqoo turanii atis olseeni naan jedhan. Yeroon olseenu akka sila dubbanetti dhimma kanaf kan oolu humna hagamin qaba jettanii?jedhanii na gaafatan Janaraal Mangistun. Haala sila dubbanen jechuun isaanii waa’een kaayyoo isanii yoo na shakkisiseyyuu haalan keessa jirutti waanan gafatameef deebii kennun akka na irra jiru waanan beekuf wanuman duran jedhe irra deebi’ee dubbachu jalqabe. Yeroo kana Janaraal Tsigee Dibuu ija nyaara isaanitin dhiisi waan jedhu mallattoo natti agarsisan. Haalli isaanii shakkii koo yoo jabeseyyuu akka nama homaa hin agareetti yaadan jalqabe xumure.

Humnan qabunis naannoo bufata xiyaraa durii fi markatoo to’achuu akkan danda’u dabalee ibsef.

Haaluma kanan Janaraal Mangistuun egaa deematti kanuma raawwadha nan jedhani. Kolonel Warqinaa fi Obbo Garmameen walitti asaasaa turanii yeroo ani bahuf kahu kolonel Warqinan maalif kolonelli kun numaa wajjin ta’ee ajaja hin kennuu? Kan jedhu gaafii dhiyeesaan.”
Anis wantichii shakkii guddaa keessa waan na galchef haalicha bufata warana kooti ta’ee qulqullefachuu waanan filadhef asi isin bira ta’ee waanan raawwadhu tokkolee hin jiru. Humni keenyaa fafaca’ee kan jiru waan ta’ef deemee walitti qabuun qaban jedhen.

Ammas jarri laman yaaduma duran qabatanitti cichanii akka ani hin deemne yoo wawataniyyuu Janaraal Mangistuun garuu addana ta’anii hojiisanii hojjechuu yoo hin dandenye maal nuf godhu, achuma deemanii warana isanii walitti haa qabatan jechudhan akkan deemu naf hayyaman.

Isaan biraa bahee yeroon gara konkolata Kootti qajeelu kolonelotni lamaan ani konkolaataa keessatti dhiisee dhufe wardiyyaa kabajaatin qabamanii yeroo dhufan balbala irratti walitti dhufne. Mallattoo walif kenninen otuu hin ta’in dirqamanii dhufuu isaanin bare. Yeruma kana wardiyyota qabanii dhufanin ani Janaraal Mangistuu wajjin dubbadhee fixeraa gadisan jedhe. Haala kanan kolonelota lamaan qabadheen konkolataa keessa akkuma seennen yaadni kolonel Warqinafaa fudhatama argate fakkataa wardiyyoti kabajaa turaa hin deeminaa kan jedhu mallattoo harkaan nutti agarsisan.

Anis naannoo sanaa hatattamaan deemuu waanan filadhef akka nama hin arginetti gara buufata warana kootti sokke. Akkuman achi gaheen alarmi afufsisen dallaa cufsise. Daqiiqaa murasa booda miseensotni wardiyyaa kabajaa isin barbadu kan jedhu waardiyyaan karra eeguu natti hime. Haa seenan jedheen kutaan keessa jiru akka seena godhe. Maalif dhuftan jedhee yeroon gaafadhuu waan mari’anuu waan hafe waan jiruf dafa kottaa jedhamtanittu nan jedhan. Tole nan deema jedhen dallaa keessa naanna’een waraana qophesuu eegale. Yeroo gababduu booda warri ergame dhufe kun “yeroon darbaa jiraa haa deemnu malee” jedhanii sagalee dheekamsatin natti dubbatan. Dubbin isaanii waan na aarseef tole mallayyoo koon fudha jedhee gara wajjira kootti deebi’en eegdota koo natti dhihoo jiran ajajeen jarra lamanuu to’annaa jala akka oolchan godhe. Haaluma kanaan qabamanii yeroo sakata’aman qawwee uzii fi boombii dhoksadhan hidhatanii dhufuu isanii bira geenye. Kana booda maalif dhoksan hidhatanii akka dhufan akka qorataman godhe, Isaanis “yoo tole jedhanii dhufan, dhufan yoo didan garuu tarkanfii irratti fudhadha jedhamanii akka dhufan” amanan.

Amma kan duraa caalaa fedhin jaraa shakkii guddaa natti uume. Waanuma ta’eefuu hanga haali ifa naf ta’utti jedhen bakkan duran jedhe waraana kootin qabsiiuu waanan filadhef haaluma kanan rayyaa koo bobbase. Wardiyyoti ergaman to’annaa koo jala ooluu hin hubane ta’ee hin bekuu Janaraal Mangistuun tarkanfii boru ganama fudhatamuu ilalchisanii bilbilaan naf ibsan. Kanuma giddutti missensa rayyaa waranaa kan ta’e obbollesi koo figaa dhufe kan fincile wardiyya kabajaati malee raayyaa waranaa akka hin ta’in natti hime. Oggantootni rayyaa waranas akka naa wajjin haasuu barbadan naf ibse. Jarri raayyaa waranatu fincilee jedhanii na sobuu isaanis nan bare. “Kana booda mamii tokko maleen Janaraal Mangistuufaa waraanuf murteesee” jedhan Janaraal Taaddasaan.

Yaada isaanii kana irraa kan hubatamu hanga warri fonqolchaf qopha’e shira isaani irratti yaaduu hubatanii fi obbollesi isaani dhufe rayyaan waranaa akka hin fincile itti himutti Janaraal Taaddasaan fonqolchichatti hiramachuf turuu isaani ti. Obbolleesi isaanii akka isaanitti ergame mejer jeneral Kabadaa Gabree kan jedhaman gabaasa waa’ee fonqolchichaa dhiyeesan keessatti “obbollesi kolonel Taaddasaan maqaa isaa amma hin yaadadhu kutaa biyyaa irraa dhufee finfinnee keessa jirachuu isaa waan barreef Janaraal Taaddasaatti ergine jedhaniru.” Kunis kan Janaraal Taaddasaan jedhani wajjin tokko.

Akkuma olitti Obbo Kadiroos ta’e Janaraal Taaddasaan jedhan “Mengistu and Germame didn’t consult the man who would be the game changer” (Mangistuu fi Garmaameen Janaraalicha haala jijjiruu danda’an hin mari’achisne). Hin mari’achisnee qofaa miti rayyaa waraanatu Hayilasilsaee irratti fincile jedhan sobaniru Janaraal Taaddasaa.

Egaa Janaraal Taaddasaan yaalii fonqolcha Hayilasilaasee fashaleesan jechuu dura warri yaalii sanaf ka’e maalif dhoksanii dhuma irratti itti himanii? kan jedhu gaafin dursuu qaba. Fonqolcha kaayyoo isaa hin beekne, sana booda waan ta’uuf deemu wanti hubatan kan hin jirree itti hin amanu utuu jedhaniru ta’eyyuu maali balleesan Janaraalicha?

Seenaa olitti ibsame irraas kan hubachuun danda’amu Kan gara fonqolchicha fashaleesutti isaan geese keessaiyyu warri ijoon isaan kana malee jaalala Hayilasilaseedhaf qabani fi yoo mootummaan sun kufe bakakkatu bu’a, lafatu socho’a, samitu lafa bu’a fikkf Obbo Kadiroo haala Janaraalicha xiqqeesun tarreesan natti hin fakkatu.

Akkuma kitaaba seenaa kana keessatti ibsame “Tasfayee Mokonon” namni jedhamu “Janaraal Taaddasaa Birrutu Mangistuu Newayifaa ganee fonqolcha fashalese” jedhee barreese Obbo Kadironis jechoota seena Janaraalichaa gurrachesu tarresaniru. Tasfayee Mokonon “Janaraal Taaddasaa mootummatu waldaa Maccaa –Tuulamaa akka basaasanif keessa galche” jedhee nama ummata isaatif hanga lubbuu isaatti wareege maqaa balleesuf nama barreese dha.

Obbo Kadiroon jechoota ofif uumaan kana otuu hin barreesin dura janaraal Taaddasaa Birruu Oromodhaf maalii? Ummatni Oromoo Janaraalichaa akkamitti ilaalaa ykn. Yaadataa jedhanii xiinxalutu irra ture.

Janaraal Taaddasaan yeroo sana otuma mootummaa Hayilasilaseetif amanamoo ta’aniyyuu yakka jechuun hin danda’amu. Sababni isaas Janaraalichas ta’ee akkuma walii galatti ummatni Oromoo damaqinsa dhalootni harraa irra gahera waan hin geenyef. Kanaafuu, Janaraal Taaddasaan akkas jedhan “በርግጥ ኣንዳንድ ጊዜ ዛሬ ስለዚህ መንግስት ያለኝ ግምት በዚያን ጊዜ ቢኖረኝ ኖሮ ምን ያህል ሁኔታውን መለወጥ እችል ነበር” በማለት በቁጭት ተናግረዋል። Ilaalchaan harra mootummaa sanaf qabu otuun yeroo sana qabadhera ta’ee jedhanii gaabbuun isaanis kanaf.

Kanaafuu, haala dammaqinsa amma irra geenye irraa kaanee nama ummatni Oromoo fakkenya goota gootota isaa jedhee farfatu Taaddasaa Birruu bifa hin taaneen boocuun sirrii hin ta’u.

Wanti biraa beekamuu qabu maqaa Janaraal Mangistun yeroo sanaf yaada Garmaameefaa harkaa fudhachuu didee fi sana boodamoo abshalumadhan jalaa bahan malee Janaraal Taaddasaanis akkuma qondaaltota hedduu ajjeesamuun isaanii waan hin oolle ture. Otuu fonqolchich milka’era ta’es carraan Janaraal Taaddasaa maal akka ta’u danda’u tilmaamuun nama hin dhibu haala olitti tuqame yoo xiinxalu.

Janaraali kun kan ummata Oromoo biratti iddoo angafa qabachuu danda’anii fi dhalooni ammaa ittin boonuf erga ilaalcha mootumman Hayilasilasee ummata Oromootif qabu hubatanii booda Hayilasilasee dhabamsisuf yaalii isaan godhan. Sababa sanaanis lubbuu isaanii dabarsanii kennuu isaanii ti. Kun garaa nama nyaata. Kanafis Taaddasaa Birruu mallatto qabsoo bilisummaa Oromooti jechuu yoo ta’e malee maqaan biraa tokkollee kennamufii hin qabu. Ani ummata kootif maalan hojjedhe jedhanii ofi gaafachunis dansaa natti fakkata.

Yaadni inni lammafan Obbo Kadiroon tuqan immoo “the colonel was reluctant to join the education of his native people even in a language of a ruling class” jedha.

Akka seenaa irraa hubanutti Yeroo miseensa waldaa Maccaa-Tuulamaa ta’a jedhamani gaafatan “ani deebi’ee siyaasaa gosaa hin adeemsisu jehaniru” dhuguma. Barumsa ilaalchise garuu “ani dura ta’aa duulaa doofumaa ballessuu biyyattii waanan ta’eef lammilee koo doofummaan midhe barsiisuuf waanan danda’e nan godha” jedhani. Kun immoo mamii (reluctant) waan agarsisuu natti hin fakkatu. Akililuu Habtewaldis Taaddasaa “baradha, baradhaa jechuu baayiftettaa eenyun barsisuu akka qabnu beeekuu qabda” kan jedhe amaaraan maalif baradha jettaa jechuu isaa hin ture. Oromootan baradha jettee hin gorsin jechuu isaa ti. Kanamoo otuu Janaraal Taaddasaan Oromoos dabalatee hundumtuu baradha hin jenne ta’ee Akililuun waan kana jedhuf hin qabu ture. Kanaafuu asirratti wanti mamii agarsiisuu hin jiru.

Akkuman qabxii isa jalqaba irratti tuqe Wanti guddaan Janaraal Taaddasaan erga dubbin galeefi ummata isaanii hacuuccaa halagaa jalaa baasuf kan isaan raawwatanii fi wareegama isaan kaffalan. Erga waldaa Maccaa-Tuulamatti dabalamanii booda barumsa ilalchisee akkas jedhan “ማወቅና ኣለማወቅ ሰውን እንድሚያበላልጥ መዘንጋት የለብንም። የተማረ መብቱን ይጠይቃል። የተማረ ወደኋላ መቅረቱ ወይም ከሌሎች በታች መሆኑ ይቆረቁረዋል።ይቆጨዋል። የነጻነት ዋጋ፣ የመብትን ትርጉም ኣዉቆ ፣ ይህ ቀረብኝ፣ ይህ ጎደለብኝ ለማለት የሚችል የተማረ ህዝብ ብቻ ነው።” Hiikni isaas “beekumsaa fi walaalummaan akka nama wal caalchisu irranfachuu hin qabnu. Namni barate mirga isaa gaafata. Namni barate boodatti hafuun isaa fi warra kaanii gadi ta’uun isa dhukkubsa, ni gaabbisisa. Gatii bilisummaa fi Hiikaa mirgaa beekee kun na jalaa hafe, kun natti hirrate jechuu kan danda’u nama barate qofaa dha.” Jechuudhan ummatni akka baratee doofummaa keessa bahe mirga isaa gaafatu haasaa seena qabeesa godhaniru. Haala kanaanis yeroo gootummaa isaaniitin harka Hayilasilasetti kufanii Galamsootti hidhaa turanillee ummata isaanii barsisaa akka turan seenaan isaanii ni ibsa.

Xumura irratti ergan ani dabarsuu barbadu yaa ilmaan Oromoo gootota keenyaa jaalaan haa yaadanu, guddaa keenya haa kabajnu, xinnaa keenya haa guddifanu, walaalaa keenya haa gorsanu.

Doggogoraa fi irraa gora nu oolchi jennee waaqa keenya haa kadhanu.
Janaraal Taaddasaa Birruu yoomiyyuu gootaa goototaa Oromoo ti!

Galatoma.
==============================================
* Baqqalaa Jiraataa: Swidin irraa (bji2050@yahoo.com)
 

No comments:

Post a Comment